UN raabsa midhaan gargaarsaa Itoophiyaatti adda kutee ture yaaliif deebi'ee eegale

Deggarsa midhaanii

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii Itoophiyaa keessatti dhiyeessii deeggarsa midhaan nyaataa ji'ootaaf adda kutee ture yaaliif deebisee eegaluu beeksiseera.

Dhaabbatichi ji'oota lama dura ture sababa deeggarsi midhaanii warra isaan barbaachisu bira osoo hin gahiin gara dabarfamaa jira jedhuun dhiyeessii kan adda kute.

Amma dhaabbaticha jalatti kan hojjettu, Sagantaan Nyaataa Addunyaa dhiyeessii deeggarsaa kana naannoo tokko keessatti deebi'ee akka eegalu ibseera.

Dhaabbatichi naannoo Tigraay kan sababa waraanaa hamaa waggaa lamaaf gaggeefameen hedduu miidhametti deeggarsa akka itti fufu beeksise. Naannichatti deeggarsi midhaanii akkaan barbaachisa.

Gabaasaalee midhaan gargaarsaa warra isaan barbaachisu bira osoo hin gahiin fayidaa dhuunfaaf gara dabarfameera jedhan bahuu hordofee dhaabbileen gargaarsaa fi mootummaa Itoophiya dhiyeessii itti fufuuf sirna to'annoo addaa diriirsaa turan.

Sagantaan Nyaataa Addunyaa Ibsa Kibxata baaseen sirna to'annoo haaraa kana jalatti dhiyeessii guddaa naannoo Tigraayiif barbaachisu eegaluu beekiseera.

''Qamadii kg 15 qabee tokkotti hidhamee qophaaye namoota 100,000 ol ta'aniif'' akka raabsamu beeksise.

Itoophiyaa keessatti namootni miiliyoonaan lakkaahaman hanqina midhaan nyaataa hamaaf saaxilamanii jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tibbuma Sagantaan Nyaataa Addunyaa Itoohiyaa keessatti midhaan nyaataa dhiyeessuu dhabu, hojii walfakkaataa irratti kan hirmaatu dhaabbatni gargaarsaa US, USAID's dhiyeessii adda kutee ture.

Dhaabbatichi ibsa Kibxata gaazexessitootaaf kenneen hojii deeggarsa midhaanii Itoophiyaa keessatti raabsuu deebisee eegaluuf karoora akka hin qabne beeksise.

Mootummaan Ameerikaa karaa dhaabbata gargaarsaa isaa, USAID, jalqaba ji'a Waxabajjii ture deeggarsa midhaan nyaataa Itoophiyaaf kennaa ture adda kutuu beeksise.

Mootummaan Ameerikaa deeggarsi nyaataa kennamaa ture osoo uummata ergameef bira hin gahiin gara darbaa akka ture qorannoon bira gahamuu hordoftee akka gargaarsicha dhaabe hime.

Gabaasa kana hordofees ALI Caamsaa 2, 2015'tti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) ammoo Itoophiyaatti deeggarsi nyaanni hangi isaa guddaa ta’e kaayyoo hin malleef oolera jechuun deeggarsa nyaataa biyyattiitti taasisu adda kutuu beeksise.

Itoophiyaatti sababa waraana Kaaba biyyattii waggaa lamaa oliif turee fi goginsa hamaa mudateen namootni miliyoona 20 tahan hanqina midhaan nyaataaf saaxilamaniiru.

Baha Afrikaatti waggoota afurtamman darban keessatti bifa mul'atee hin beekneen gogiinsi mudateera.

Dhaabbileen deeggarsa idil-addunyaa garaa garaa akka jedhanitti, naannoo Tigraayitti lammiilen 90% ta’an deeggarsa nyaataa isaan barbaachisa.

Rakkoo kana furuuf dhaabbileen gargaarsaa deeggarsa garaa garaa gochaa turan.

Itoophiyaadhaaf biyyoota deeggarsa nyaataa godhan keessaa Ameerikaan adda dureen yoo eeramtu, karaa dhaabbata gargaarsa isheefi dhaabbilee gargaarsa idil-addunyaa garaa garaa deeggarsa taasifti.