Itoophiyaa fi Sudaan sochii waraanaa akka dhaaban AU fi IGAD gaafatan

Madda suuraa, Getty Images
Humni Sudaan ollaawwan Itoophiyaa daangaatti dhiyoo jiran meeshaa gurguddaan haleeluun gabaafamuusaa hordofee Gamtaan Afrikaa (AU) tasgabbii buusaa jedhe.
Dura taa'aan Komishinii AU Aabba Muusaa Faakii Mahaammat, waldhibdee daangaa biyyoota lamaanii hammaachaa dhufeef ''tasgabbii fi mariitu'' fala jedhan.
Ibsa dureen AU kun baasaniin, ''biyyoonni obbolaa lameen kun waldhabdee qaban kamuu karaa nagaan hiikkachuu qabu,'' jedhan.
Kana malees daangaa biyyoota lameenii kana irratti badii lubbuu dhaqqabeefis gadda itti dhagahame ibsaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Gamtaan biyyoota Baha Afrikaa IGAD gamasaatiin, muddamni biyyoota lamaan gidduutti adeemaa jiru na yaaddesseera jedheera.
Barreessaa olaanaan dhaabbatichaa Worqinah Gabayyahu (PhD) ibsa baasaniin, ''biyyoonni obbolaa lamaan'' kun muddama kana tasgabbeessuu qabu jedhan.
''Gocha muddama birootti geessurraa akka of qusataniifi dhimma kana waaraan furuuf filannoo dippiloomaasii akka barbaadan,'' waamicha dabarsan aanga'aan kun.
Humnoonni Itoophiyaa fi Sudaan naannoo walfalmisiisaa daangaarra jiru al-Fashaagaa jedhamurra walitti bu'aa jiru. Kunis erga loltoonni Sudaan torbaa fi lammiin nagaa tokko butamuun erga ajjeefamanii booda, reeffi isaanii uummata fuulduratti agarsiifame jedhamuun erga gabaafamee boodadha.
Al-Fashaagaan bakka kaaba-lixa Itoophiyaatti kan argamuufi naannoon Amaaraa, naannoo oomisha guddaa Sudaan kan taate Gadaaref wal daangessudha.
Bakki kun waggoota dheeraaf kan walfalmisiisaa ture oggaa tahu, erga bara darbeetii as muddamni hammaachuun, biyyoonni lamaan yeroo yeroon walitti bu'aa turaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Maaltu mudate?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Walitti bu'insa torbee darbe keessa humnoota sudaan fi milishoota Itoophiyaa naannicha turan jidduutti uumamee tureen, Sudaan loltoonni booji'aman torba jalaa ajjeefamuu komachuun Itoophiyaatti gadoo qabachuu ibsitee turte.
Kana hordofee humni ittisaa Sudaan gandoota Itoophiyaa daangaatti kaluu jiran meeshaalee waraanaa gurguddaa akka moortaarii, madfii fi kaaniin guyyootaaf haleelaa turuu Godina Lixa Gondaritti bulchaan Lixa Armaacihoo Obbo Dassaalenyi Ayyaanaa BBCtti himan.
Haleellaa amma dura raawwatameen miidhaan namarra gahe akka hin jirre kan himan Obbo Dassaalenyi Ayyaanaa, haata'u malee oyiruu fi kaampiiwwan qonnaa irra miidhaan gahuu himaniiru.
Jiraattonni BBCn dubbise haleellaan Wiixata darbe raawwatae ulfaataa ta'uu fi Kibxata hanga waareetti haleellaan sun itti fufu himan.
Guyyoota sadan darban haleellaa meeshaalee gurguddaa gama Sudaan irraa dhufuun dhohiinsaa fi dhukaasa dhagahaa akka turan himu jiraattonni.
Walitti bu'iinsa Roobii darbe Waxabajjii 22 uumameen loltoonni torbaa fi namni nagaa tokko Itoophiyaan jalaa ajjeefamuu kan himte Sudaan, haaloo akka baatu dhaadachuu hordofeeti muddamni kan jabaate.












