'Raashiyaarraa lafa 6000 sq km deebisnee fudhanne'- Zeleniskii

Loltoota Yuukireen Kaaba Baha Karkiivitti lafa Raashiyaarraa deebisanii to'atan

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Humnoonni Yuukireen lafa bal’aa Raashiyaan irraa fudhattee turte deebisanii haleeluun irraa fudhachaa akka jiran Pirezedantiin biyyattii Volodimiir Zeleniskiin himan.

Zeleniskiin akka himanitti, Fulbaana keessa loltoonni isaanii lafa km2 6,000 ol ta’u Bahaa fi Kibba biyyattii keessatti deebisanii to’atan.

BBC’n ragaa himame kana qaama walabaarraa hin mirkaneeffanne.

Raashiyaan garuu magaalota Kaaba Baha naannoo Karkiivitti argaman keessaa bahuu beeksiftee jirti.

 Xiixaltoonni dhimma waraanaa muraaasni akka jijjirama gudda waraana keessatti mudate tokkootti ibsan.

Mooskoon guyyoota muraasa darban loltoota naannicha keessaa kan baafte Baha Yuukireen naannolee Luhaaniskii fi Dooneski jedhamanirratti fuulleeffachuuf akka ta’e beeksifte.

Kan Mooskoon jettuu kun Raashiyaa keessattiille otoo hin hafiin fudhatama hin arganne.

Maamiltoonni miidiyaa hawaasaammoo Raashiyaan naannichaa bahuun ta’ii kana‘‘qaanessaadha‘‘ jedhan.

Dhaabbatni Tiink Taank Ameerikaa keessa maadheeffateefi waraanarratti qo’annoo gaggeessu keessa kan hojjatan Maason Kilaarik BBCttii akka himetti, loltooti Raaashiyaa ‘‘guutummaatti injifatamuun‘‘ meeshaalee waraanaa dhiisanii bahan jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministiirri Dhima Alaa Ameeikaa Antoonii Biliinkan, humnoonni Yuukireen  debisanii haleellurratti jijjirama guddaa galmeessisan jedhan. Haata’u malee,  firiin isaa maal ta’uu akka danda’u jalqabaa kanattii raaguun dhibaadha jedhan.

‘‘Raashiyaan humna guddaa Yuukireen keessa tursiiste, akkasumallee  meeshaalee waraanaa fi dhootuuwwan hedduu Yuukireen keessatti dhiifte.   

Gara jabumaan humnoota Yuukireen, namoota nagaa fi bu’uuraalee misoomaa namoonni nagaan itti gargaaraman irratti yeroo fuulleeffatan argineerra,‘‘ jedhan Bilinkeen.

Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Yuukireen weeraruuf ajaja kan dabarsan Guraandhala darbe keessa ture.

Amma yoonaatti Raashiyaan kutaalee biyyatti harka shan keessa tokko qabattee jirti.

Pirezedantiin Yuukireen Vilaadmiir Zeleniskiin, jalqaba Fulbanaarraa kaasee  loltoonni keenya lafa Yuukireen km2 6,000 ol deebisanii to’ataniiru jedhan.

Ammas taanaan sochiin loltoota keenyaa itti fufeera jedhan. Deebisanii haleelluun raawwatamaa jiru kun saffisaadha.

Kamisa darbe Zeleniskiin akka himanitti, humnoonni Yuukireen lafa km2 1000 deebisanii fudhatan. Dilbatammoo lakkoofsa kana dachaa sadiin guddisuun km23,000 deebisanii to’achuu himan.

Aab Zeleniskiin loltoota birgeediiwwan waraanaa biyyattii lafa deebisanii to’achuu keessatti hirmaatan ‘gootota dhugaa,‘‘ jedhanii leellilisan.

Taatullee Aab Zeleniskiin magaalotaa fi  mandaroota kam fa’aa akka bilisia bahan hin ibsine.

Raaashiyaan garuu loltoota ishee  magaalota akka Balakiliyaa, Iziyuum FI Kupyinaaski kanneen naannoo Karkiiv keessatti argaman keessaa bahuu beeksifteetti.