Liiverpuul itti fufee mo'amuu, milkaa'ina kilaboota gurguddoo Landan fi Maan Yunaayitidirratti waan mul'ate

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Liiverpuul qoricha warra kaaniif qotaa turetu isaaf qotame. Chelsiin baranas Liiverpuuliif garaa laafuu dideera.

Tapha Sambata galgala dirree Chelsiirratti tureen Liiverpuul 2 fi 1n mo'amee sadarkaa tokkoffaarraa sigigaatee bakkasaa Arsenaaliif gadhiisuuf dirqameera.

Shaampiyoonaa Piriimer Liigii bara darbee kan ta'e Liiverpuul taphoota Liigichaa torba bara kana taphatame keessaa shan mo'atee lamaan ammoo mo'ameera.

Taphoota bara kana mo'achaa ture harka caalu daqiiqaa dhumaarratti lakkoofsisuun hedduu qalbii daawwattootaa rarraasaa kan ture Liiverpuul, kan Chelsii dabalatee taphoota mo'amerrattis gooliin daqiiqaa dhumaarratti itti lakkaa'amuun ta'uun isaa ajaa'iba.

Gurbaa ol adeemaa lammii Biraazil umuriin isaa waggaa 18 ta'e Estaavaa'ootu daqiiqaa 75 irratti jijjiiramee galee, daqiiqaan dabalataallee dhumuuf yeroo jedhu 95ffaa irratti Liiverpuul dugda kute.

Taphni jalqabamee daqiiqaa 14 irratti gooliin taphataan sarara gidduu Chelsii, Kaasiyeedoon lakkoofsise akka malee Liiverpuul naasisteetti. Gooliin kun akka ajaa'ibaa bareeda, fageenyarraa humna addaan kofa karra Liiverpuuliin galuun guddoo isaan raaste.

Boqonnaa booda daqiiqaa 63 irratti garuu taphataan qaalii Liiverpuul bara kana mallatteesse Isaak kubbaa mijeessee Gaakpoof kennee goolii Chelsii waliin wal isaan qixxeessitu argatan.

Liiverpuul akkuma duraan bare daqiiqaa dhumaarratti lakkoofsisee mo'atee gala jedhee kan eegaa ture hedduudha. Garuu maal godharee, Chelsiinis akkuma Kiristaal Palaas torban darbe isa godhe 'hoo'u isa boossu' jedhee manii keessa buusee Istaamfoord Biriij miila tokkoo dhaabe.

Edii Nikeetaa warra Kiristaal Palaas akkuma kana daqiiqaa 97ffaa irratti ture kan Liiverpuulirratti lakkoofsise.

Taphoota Barnimaawoz, Niiwukasil Yunaayitid, Arsenaal, Barnilee fi Atileetikoo Maadiriid ittiin mo'aterratti Liiverpuul daqiiqaa dhumaarratti galchuun ture.

Tapha Shaampiyoons Liigii Galatasaraayiin mo'ame dabalatee Arnee Siloot guyyoota 10 gaditti taphoota sadii walitti aansee mo'ameera.

Arsenaal fi Tootenhaam mo'ataniiru

Dirreesaa Emireetis irratti kan taphate Arsenaal tapha Piriimer Liigii torban torbaffaa kilaba Landan biraa West Haam 2 fi 0n mo'achuun dursummaa Liigichaa qabateera.

Taphataan Arsenaal Dekilaan Raayis daqiiqaa 38ffaa irratti kilaba isaa duraanii West Haam irratti lakkoofsiseera.

Goolii lamaffaa ammoo faawolii Timber irratti raawwatame hordofee penaaliitii argame Bukaayoo Saakaa daqiiqaa 67ffaa irratti lakkoofsiseera.

Amballiin Arsenaal Maartiin Odegaard garuu miidhamaan daqiiqaa 30 qofa taphatee baheera. Akkuma kanas Raayis gara dhumaarra miidhamaan dirree keessaa baheera. Kun ammoo ammallee yaaddoo miidhama taphattoota Arsenaalirraa fagaachuu dide ta'eera.

Taphattoonni kaleessa miidhaman kunneen fayyaanii debeiyuuf hangam turu kan jedhu ammatti akka adda hin baafatiin jiran Mikeel Arteettaan dubbateera.

Kilabiin Landan kaleessa milkaa'an Arsenaal fi Chelsii qofa hin turre; Tootenhaamis Liidis Yunaayitidiin 2 fi 1n mo'atee qabxii 14n sadarkaa sadaffaa qabachuu danda'eera.

Bara West Haamirraa Tootenhaam kan deeme Mahaammad Kuduus ajaa'iba ture. Goolii lamaan Tootenhaam ittiin mo'ate keessaa harka qaba. Kan jalqaba M. Teel daqiiqaa 23 irratti lakkoofsise isati mijeessee kenne. Kana qofa miti, taphataan lammii Gaanaa kubbaa kommokuun addatti beekamu Mahaammad Kuduus daqiiqaa 57 irratti ammoo ofiisaa lakkoofsisuu danda'eera.

Maanchester Yunaayitid mo'ateera

Dhiibbaa jala kan jiru leenjisaan Maanchester Yunaayitid Ruuban Amoorim erga gara kilabichaa dhufee tapha 50 isaa taasiserratti Sanderlaandiin dirreesaa Oold Tiraafoord irratti 2 fi 0n ma'ateera.

Maason Maawont kubbaa Imbeemoon mijeessee kenneef daqiiqaa 8ffaa irratti lakkoofiseera.

Daqiiqaa 31ffaa irratti ammoo kubbaa Maason Maawont mijeessee kenneef fayyadamuun jifataa Maanchester Yunaayitid barana fudhate Benjaamiin Seeshkoon lakkoofsiseera.

Kaleessa deeggartoota Maanchester Yunaayitd kan gammachiise tokko gahumsa karra eegaa isaan barana fidatanidha.

Lammii Beeljiyeem umuriin isaa waggaa 23 ta'e Seenee Laameens tapha guyyaa jalqabaa hiriireen ga'uma ajaa'ibaa agarsiise.

Piriimer Liigii Ingliziin Arsenaal qabxii 16ffaa tokkoffaa, Liiverpuul ammoo qabxii 15 qabatee lamaffaarra jira.

Tootenhaamiifi Barnimaawoz ammoo qabxii 14 qabatanii garaa garummaa gooliin duraafi duubaan 3ffaa fi 4ffaa irratti argamu.