Hongee Somaaliyaa: 'Yoo xiqqaate daa'imman shan du'aniiru'

Ibsa waa'ee viidiyoo, Hongee Somaaliyaa: 'Yoo xiqqaate daa'imman shan du'aniiru'
Maxxanfame

Gaanfi Afriikaa hongee hamaa bar-kurne afran darban keessatti mul'atee hin beekne keessa jirti. Somaaliyaatti uummatni biyyattii walakkaan beela'ee, namoonni qe'ee irraa godaananii gandoonni guutummaatti onan jiru.

Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa keessa hanga xumura bara kanaatti namoonni mil. 20 ta'an balaa beelaaf saaxilamoodha jedha Sagantaan Nyaataa Addunyaa.

Iddoo Baayidowaa jedhamutti amma dura daa'imman 26 sababa hongeetiin du'uun galmaa'ee jira

Waqtiin Roobaa Onkoloolessa dhufuu gogaa ta'ee itti fufee hongeen ammaa hanga bara 2023 fulla'a jedhu ogeeyyiin.

Hongeen ammaa kun akka hongee bara 2011 namoota 260,000 ajjeesee hamaachuu danda'a.