'Gaggeesitootni Afrikaa jaha waraana Raashiyaafi Yuukireen dhaabsisuuf hojjechaa jiru'

Maxxanfame

Gaggeesitoonni Afrikaa jaha gara Raashiyaa fi Yuukireenitti imaluun waraanni biyyoota lameen gidduutti deemaa jiru akka dhaabbatuuf karoorsuu pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa himan.

Siriil Raamaafoosaan dhuma torbanii darbeerra addatti gita isaanii Raashiyaa fi Yuukireen waliin bilbilaan mari’achuu himan.

Lameen isaanii jechuun Vilaadmir Putinii fi Volodmiir Zeleniskiin karoora gaggeesitoota Afrikaa waraanicha dhaabuuf qabanitti walaiigaluu himan.

‘’Dubbii ijoon marii keenyaa waraana biyyoota lameen gidduutti deemaa jiruu fi waan guddaa mancaase, lubbuu akka malee galaafatee fi ardii Afrikaa irrattis dhiibbaa uume akkamiin dhaabna kan jedhu ture,’’ jedhan Raamaafoosaan.

"Kaka’umsa kana bakka gaggeesitoota Afrikaa Zaambiyaa, Senegaal, Koongoo, Yugaandaa, Masirii fi Afrikaa Kibbaa bu’eeni.’’

Garuu Koongoo BiraazaviL moo Dimokiraatik Koongoo kan jehu ifa hin goone.

‘’GaggeesitooNni lameen erga gaggeesitoota Afrikaa kana Moskoo fi Kiyeevitti simachuf waliigalaniiru,’’ jedhan pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa kun.

Dabalataan hogganaan UN yaada kana dhagahuufi simachuus himaniiru.

Raamaafoosaan dubbii kana kan himan Keeppi Taawonitti yeroo Minisirri Muummee Siingaapor Lii Hiisen Loongi daawwannaa taasisanitti yoo tahu, dabalataan qondaalonni olaanoo waraana Afrikaa Kibbaa ammoo Raashiyaatti daawwannaA irra jiru.

Gaggeessaan Afrikaa Kibbaa kun Afrikaan dhimma waraana Yuukireen irratti tokkoofiyyuu hin loogdu jedhan.

Dubbiin kun erga ambaasadarri Ameerikaa Afrikaa Kibbaa jiran torban darbe Afrikaan Kibbaa meeshaa waraanaa Raashiyaaf dhiyeesiti jechuun himataniiti.

Garuu ragaan himata kanaaf dhiyeessan hin turre. Siiril Raamaafoosaan dhimmi kun akka qoratamu ajajanii garuu ragaan qabatamaan kana agarsiisu akka hin jirre himan.

Boodarra Ministerri Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa, ambaasadarri US dubbii isaaniif dhiifama gaafachuu himan.

Afrikaa Kibbaa fi Raashiyaan dhiyeenya shaakala waraana galaanarraa waliin taasisaniiru. Kun guyyaa waraanni Raashiyaa fi Yuukireen jalqaberra waan taheef Ameerikaan shaakalicha qeeqxee ture.

Afrikaan Kibbaa garuu akka tasaa wlairra bu’uuf malee waraanicha deeggaruuf miti jechuun deebii laattee ture.

Ameerikaanis yeroo adda addaatti shaakala waraanaa Afrikaa Kibbaa wlaiin gaggeessaa turte.

Dhiyeenya hariiroon dippilomaasii Ameerikaa fi Afrikaa Kibbaa sababa waraana Yuukireeniin wla qabatee wal dhabdee keessa galaa jira.

Ministeerri waajjira Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa ‘Raashiyaa irratti qoqoobbii kann dabarse Ameerikaadha. Maaliif nuun keessa nu galchiti‘ jechuun qeeqaniiru.