'Ambaasadarri US, Afrikaan Kibbaa meeshaa waraanaa Raashiyaatti gurgurti jedhan dhiifama gaafatan'

Maxxanfame

Ministeerri Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa, ambaasadarri Ameerikaa Afrikaan Kibbaa Raashiyaatti meeshaa waraanaa gurgurti jechuun dubbatan, ‘’dhiifama gaafataniiru’’ jedhan.

Kamisa darbe Ruuben Birigetii ji’a Muddee darbe keessa dooniin Raashiyaa meeshaa waraanaa naannoo Keeppi Taawonii fe’attee ture jedhan.

Afrikaan Kibbaa ammo homaa galmee gurgurtaa meeshaa waraanaa akak hin qabne himte. Pirezidaantiin biyyattii Siiril Raamaafoosaa qorannoon akka gaggeeffamu ajajanii ture.

Jimaata ammoo dubbii himaan dhamma nageenyaa Waayit Haawus, waa’ee himannichaa bal’inaan hin kaasiin malee, kun ‘’dhimma cimaadha’’ jedhan.

Joon Kirbii biyyootni kaan Raashiyaaf meeshaa waraanaa dhiyeessuu akka hin qabnes himan.

Obbo Birigetiin erga ministera Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa waliin wal arganii, waanan ifatti dubbadhe sirreeffachuuf carraa argachuukoof nan galateeffadha,’’ jedhan.

Dubbii isaaniinis hariiroo jabaa biyyoota lameen gidduu jiru cimsuu irratti waliin dubbachuus himaniiru.

Haa tahu malee, Ministerri Afrikaa Kibbaa ‘’Dippilomaasii doorsisaa’’ jechuunibsanii biyyi isaanii Afrikaa Kibbaa ‘’Ameerikaadhaan hin sodaachifatmtu’’ jedhan.

‘’Kan Raashiyaa irra qoqoobbii kaa’e Ameerikaadha….dhimma Raashiyaa wlaiin qabanitti nuun gototuu hin qaban’’ jedhan ," Khumbudzo Ntshavheni waajjira pirezidaantiitti minister kan tahan.

Yaada kana booda Kireemiliin pirezidaanti Puutin gita isaanii Afrikaa Kibaa wlaiin bilbilaan mari’achuufi hariiroo isaanii kana caalaa cimsuuf walii galuu ibsa baste.

Ji’a Muddee darbe keessa dooniin waraanaa Raashiyaa Lady R jedhamtu naannoo buufata waraanaa galaanarraa Afrikaa Kibbaa geessee deebi’uun ishee wal nama hin falmisiisu.

Garuu yeroo deebitu meeshaa waraanaa feetee deebitemoo kan jedhu ammatti hin baramne. Nmaootni siyaasaa biyyattiis gaaffii kana kaasaa turan.

Afrikaan Kibbaa yoo meeshaa waraanaa Raashiyaaf kennite tahe, seeruma mataa ishee To’annoo Meeshaa Waraanaa jedhu baste cabsuu isheeti.

Innis biyyoota waraana, cunqursaa fi shororkeesumaatti hirmaataniif meeshaa waraanaa hin gurguru kan jedhudha.

Dabalataan Afrikaan Kibaa akka hawwaasa idil adunyaa itti gaafatama qabuutti of ilaalti.

Afrikaan Kibbaa biyyoota ifatti weera Raashiyaan Yuukireen irratti gaggeesite qeequu didan keessaa tokko.

Un yeroo dhimma Raashiyaa irratti sagalee akka kennamu gaafates Afrikaan Kibbaa saglee osoo hin kenniin hafte.