Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afrikaan Kibbaa Raashiyaa waliin hariiroo waraanaa uumuu US himatte
Biyyoota Afrikaa keessaa Afrikaan Kibbaa, biyya Yukireen waliin waraanatti jirtu Raashiyaa waliin hariiroo humna waraanaa uumuu Ameerikaan himatteetti.
Qondaaltonni waraanaa gameeyyiin Raashiyaa fi Afrikaa Kibbaa Moskootti erga mari'atanii booda damee humna waraanaan hariiroo fooyyessuu fi qophaa'ummaa loltootasaanii cimsuurratti walta'uu Ministeerri Ittisaa Raashiyaa karaa TV biyyattii Tass jedhamuu ibseera.
Haasaan aanga'oota waraanaa biyyoota lameenii, erga Ambaasaaddarri US Piriitooriyaa jiran, Afrikaan Kibbaa Raashiyaa meeshaa waraanaan deeggaruu himatanii guyyoota booda raawwate.
Afrikaan Kibbaa gamasheetiin dhimma waraana Yukireen ilaalchisee qaama kamirraayyuu walaba ta'uu ibsaa baate.
Afrikaa Kibbaa bakka bu'uun ajajaan humna waraanaa lafoo biyyattii Lieutenant Jenaraal Lawrence Mbatha, gitasaanii kan Raashiyaa Oleg Salyukov waliin Moskootti mari'achuu Tass gabaaseera.
"Gareen lachuu dhimma hariiroo waraanaa cimsuu fi pirojektii qophaa'ummaa loltootaa fooyyessuu danda'urratti dubbatan,'' jedha ibsi Ministeera Ittisaa Raashiyaa.
Walga'iin biyyoota lamaanii kun, hariiroo waraana lafoo babal'isuu keessatti ga'ee olaanaa qabas jedheera.
Erga torbee darbe Aab Brigety meeshaan waraanaa Afrikaa Kibbaa buufata doonii magaalaa Keep Taawonitti doonii Raashiyaa irratti fe'amuu mirkaneeffachuu ibsanii as, hariiroon dippiloomaasii US fi Afrikaa Kibbaa balaa keessa galeera.
Afrikaan Kibbaa meeshaa waraanaa gurgurte akka hin qabne falmiti, Pireezidanti Siiriil Raamaapoosaan garuu hamiin kun qoratamee dhugaansaa akka adda ba'u ajaja dabarsaniiru.
Barruu biyyattii torbeetti yeroo hunda guyyaa Wiixataa maxxanfamurratti, Aab Raamaapoosaan, Afrikaan Kibbaa dhimma loogii waraana Yukireen ilaalchisee ''dhiibbaa hamaa'' jala jirti jedhan.
Garuu garee qabannaa biyyoota lixaa fi Raashiyaa gidduutti mul'ataa jiru biyyisaanii akka hin raawwanne himan.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Afrikaa Kibbaa qondaaltonni waraanaa gameeyyiin Moskoo akka turan mirkaneesseera.
''Afrikaan Kibbaa biyyoota Afrikaa fi biyyoota addunyaa kaan waliin hariiroo waraanaa qobaachuu akka dandeessu beekamuu qaba,'' jedhe jaarmiyaan kun.
Paartiin mormituu biyyattii - Democratic Alliance (DA) jedhamu, daawwannaan qondaaltonni biyyattii gara Moskootti taasisan, mootummaan Afrikaa Kibbaa ''qaanii malee'' Raashiyaa tumsaa jiraachuusaa kan agarsiisuudha jechuun qeeqe.