Waancaa Piriimer Liigii lama, tokko Arsenaaliif, tokko Maan Siitiif qophaa'e

Madda suuraa, Getty Images
Bor sa'aatii wal fakkaataarratti taphni Piriimer Liigii Ingiliiz torban 38ffaa taphatamuu jalqaba.
Kilaba kamtu qabxii argate kan jedhu taphattootni hin beekan. Kanaaf hoj-manee isaanii hojjechuu qofaatu irraa eegama.
Tokkoof gammachuu tokkoof gadda guddaa fiduun isaa garuu waan hin hafnedha. Osoo tapha guyyaa akkasii mo'adhee jiraadhe har'a waancaa hin dhabu ture kan jedhu kilabni tokko inuma jiraata. Keessumaa Maan Siitii fi Arsenaal bor miila lamaaf of qopheessu.
Peep Gaardiyoolaan yoo waancaa kana mo'achuu dadhabnes homaa miti. Tokkummaatiin waliin dhaabannee jirra jedhan.
''Waanti jijjiiramu tokkoyyuu hin jiru. Garuu osoo yeroo dorgommiin Piriimer Liigii jalqabe sana kilaba kamiyyuu gaafattee jiraatte Maan Siitiin sadarkaa jalqabaa irra taa'uu akka malu sitti himu ture.
Ammas sadarkuma gaarii irra jirra. Tapha tokko qofa nu hafe. Galma keenya bira gahuuf waan hunduu harka keenya keessa jira,'' jedhe Gaardiyoolaan.
Walitti aansee yeroo sadii waancicha mo'ateera. Ammas kan mo'atu yoo tahe ammoo yeroo afur mo'achuun seenaa haaraa kan galmeessu taha.
Gaardiyoolaan waa'ee tapha Weest Haam waliin qabanii yoo dubbatan:
''Daqiiqaa 10 keessatti osoo galchii sadii lakkoofsifne akkam nutti tola! Garuu kun tahuu hin danda'u. Tapha kanaaf cimnee taphachuuf qophii guddaa gooneerra. Sammuu taphattootakoo keessa tapha Tootenhaam irratti akkatti isaan tokko tokkoo kubbaaf falmatan kaa'eera,'' jedhan.
Weest Haam nu mo'achuuf qophiidha. Kanaaf shakkii hin qabu. Akkuma Aston Viilaan bara waggaa lama dura nu godhan sana jechuudha. Sadarkaama wal fakkaataa irra jiru. Waan mo'achuu barbaadaniif ykn isaan fayyadu homaa hin qaban. Garuu waan tahe beekna'' jedhan Gaardiyoolaan.
Yeroo sana Aston Viilaan hanga daqiiqotni muraasni hafanitti Maan Siiti dursaa turan. Siitiin osoo qabxii gatee jiraate Liiverpuul Shaampiyoona taha ture.
Keevin De Biruun miidhamuun Maan Siitii miidha warra jedhaniif kana na hin gaafatiinaa. Taphataan hunduu nuuf murteessaadha kan jedhe Gaardiyoolaan taphicha mo'achuu qofa carraa isaanii akka tahe shiman.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Leenjisaan West Haam kun isaaniif tapha xumuraa isaanii tahu, Deevid Moyes, waa'ee tapha kanaa gaafatamanii deeggartoota isaaniif jecha akkuma tapha yeroo kaanii mo'achuuf akak taphatan himan.
Dursaan duraanii taphattoota Weest Haam paawondii Miliyoona 100 caaluun Arsenaal kan gale Deklaan Raayis yoo kilabni isaa kun Maan Siitii mo'ate waancaa injifata.
Moyes Raayisiif jedhanii taphicha mo'atuu jedhamanii yoo gaafataman, ''lakki, lakki! Raayis akka waancaa mo'atuuf, Maan Siitiin aka waancaa dhabuuf miti. Akkuma durii qabxii barbaannu argachuuf qophii jabaa taasifneerra,'' jedhan.
Garuu Maanchister Siitii mo'achuun amma qofa ooso hin taane yeroo kamiyyuu ulfaataa akka tahe himaniiru.
West Haam Arsenaal wlaiin darbiidha. Taphoota darbii dhiyeenya ilaalleen Everteen kilaba magaala isaa Liiverppuliin dirree isaa irratti dorgommii waancaa keessaa baase.
Tootenhaam akkasuma darbii Arsenaal tahus Maan Siiti mo'achuu hin dandeenye.
Ammas kilebuma Landan biraatu hiree Arsenaal murteessuuf Maan Siitii waliin wlaitti dhufe. Taphoota gurguddaa irratti injifachuun kan beekamu Maan Siitii tapha dhumaa kana irratti waan harka kennu hin fakkaatu.
Inumaa bara 2018-2019 Liiverpuul taphoota 38 keessaa tokko qofa mo'amee, taphoota 30 mo'atee, torba qixa bahuun qabxii 97 yeroo fide waancaa injifachuu hin dandeenye. Bara 2022 keessas Liiverpuul qabxii 92 fiduun Maan Siitii 93 fiduun waancaa dhabsiise. Baranahoo? Kan ilaallu taha.
Gaardiyoolaan Piriimer Liigii keessatti hin milkaa'u jechuun warra duraan odeessaa turaniif deebii gahaa kenneera, leenjisaan lammii Ispeen kun.
Inumaayyuu qeeqni isaanii akka ati milkooftuuf humna guddaa siif kenna jedhe. Inni isaan callisanii si faarsan humna ittiin dorgomtu, xiiqii sana si keessa fudhata. Kun ammoo dhumarratti waan si fayyadu hin qabu jedhe.












