Haadholii Keeniyaa da'imaafi hojii keessaa tokko filachuuf dirqaman

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) daa'imman dhalatanii hanga ji'a ja'aatti harma haadhaa hodhuu akka qaban gorsa, harmootiin baay'een garuu sababa dirqama hojiitiin kana gochuuf ni rakkatu.
Lammii Keeniyaa kan taate haati umrii waggaa 25 Soofii Saroonge deessee ji'a sadi keessatti hojiitti waan deebiteef daa'ima ishee harma ga'aa (ji'a ja'aaf) hoosisuu hin dandeenye.
Ofiishee ogeettii sirna nyaataa kan taate dubartiin kun, maatiishee jiraachisuu waan qabduuf daa'ima dhiistee hojiitti deebi'uu malee filannoo biraa hin qabdu.
Tarkaanfii ishee kanaaf garuu qeeqi irraa hin dhaabbanne.
Ministeerri Fayyaa Keeniyaa daa'imman dhalatanii hanga ji'a ja'aatti aannan haadhaa qofa fayyadamuu qabu jedha.
Mootummaan biyyattii kubbaaniyyaawwan aannan daa'imman dhugan oomishan, yeroo kaa'ame kana keessatti aannan harma haadhaa dirqama ta'uu akka beeksisan ajajeera.
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) daa'imman salphaatti hanqina nyaata madaalawaan akka hin hubamneef hanga ji'a ja'a guutanitti harmi haadhaa dirqama ta'uu gorsa.
Kana malees daa'imman dhibee garaagaraa irraa ittisuuf aannan harma haadhaa akka talaalliitti gargaara jedhe dhaabbati kun.
Aadde Saronge garuu, ''ofii kiyyaaf ogeetii sirna nyaataa ta'ee osoon jiruu daa'ima kiyyaaf aannan loonii kennaa jira. Garaachi daa'immanii akka aannan harma haadhaatti aannan loonii akka hin bulleessine nan beeka. Garuu filannoo hin qabu,'' jette.
Aadde Saronge wayita ji'a sadiif boqonnaarra turtellee kaffalamaafii akka hin turre himte. Sababni isaa haalli kontiraata hojiishee kan boqonnaa da'umsaa ba'anii kaffalamuuf miti.
Sababa kanaan jireenyi waan itti ulfaateef daftee hojiitti deebi'uuf murteessuus himte.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartiin Kaaroolaayin Waayirimuu jedhamtu ammoo, abbaan manaashee hojii gaarii wan qabuuf, hojii daldalaa dhaabdee daa'ima guddisuutti deebiteetti.
Dubartoonni wayita boqonnaa da'umsaa ba'an ji'a ja'aaf kaffalamuufii qaba jetti.
''Harmootiin akka daa'imman isaanii ji'a ja'aaf harma hoosisaniif kaffalaafii eeyyama kennuufiin akkaan barbaachisa. Heduun keenya ji'a sadi booda daa'ima dhiisnee hojiitti deebina. Maatii jiraachisuu fi haadhummaan baayyee ulfaataadha,'' jette.
Akka seera Keeniyaatti dubartiin kontiraata mallatteessitee hojii hojjettu eeyyama da'umsaa ji'a sadi argachuuf mirga qabdi.
Quuqamtuun mirga dubartootaa Ruth Mumbi rakkoon dubartootaa mootummaa waan hin dhphisneef, dubartoota da'aniif boqonnaan yeroo dheeraa hin kennamuuf jechuun komatti.
Xiinxaltoonni tokko tokko akka jedhanitti dhababileen qacaranii nama hojjechiisan mootummaatti mataa jabaachuurraa rakkoon kun dhalate.
Pireezidant Uhuruu Keeniyaataa wixinee seeraa kubbaaniyyaawwan akka haadholii hoosisaniif kutaa addaa qopheessan ajaju, kan bara 2016 labsame irratti hin mallatteessine.
Seerri kun bara 2019 irra deebiin haaromfameera, garuu hanga yoonaa paarlaamaan hin raggaasifne.
Ministira Fayyaa Keeniyaattii daarektarri dhimma sirna nyaataa Veronica Kirogo, mootummaan seera kana hojiitti hiikuuf kutannoo qaba jedhan.
Waajjiraaleen mootummaa hedduun akkasumas kubbaaniyyaawwan dhuunfaa 50 caalan kutaa harmootiin keessatti daa'imman harma hoosisan mijeessaniiru.
Hojii barnootaa fi ogummaa hin gaafanne guyyaa guyyaan hojjechuun kan maatiishee bulchitu Eviliin Muweenii deessee ji'a tokkotti hojiitti deebite.

''Daa'ima kiyya ollaa bira kaawwadhee, akka aannan looni fi marqaa naaf nyaachisan itti himadheen hojiitti deebi'e. Uffata harkaan miiccee, qe'ee namaa qulqulleesseen kiraa manaa fi nyaata kiyya danda'a,'' jette.
Dubartoonni iddoo hojii mijataa keessa jiran aannan harmaa elmuun bakka qorraa kaa'uu danda'u, isa booda daa'immaniif kennu.
Eviliin Muweenii garuu carraa kana hin arganne, filannoon qabdu aannan loonii daa'imasheef kennuu qofa.
Dhimma fayyaa daa'ima reef dhalatteerratti speeshaalistii kan ta'an Dr Moses Lango, ''daa'ima yeoo malee soorata biraa nyaachisuun hin gorfamu. Sababni isaa ammoo harmi haadhaa hanga ji'a ja'aatti ga'aadha waan ta'eef,'' jedhan.
Akkuma Keeniyaa, Laayibeeriyaanis kubbaaniyyaawwan aannan daa'imman dhugan, kan harma haadhaa bakka bu'an oomishan akka beeksisa isaanii xiqqeessan seerateera.
Mootummaan Namiibiyaa ammoo harmootiin wayita eeyyama da'umsaarra turanitti doolaara 20 hanga 1,000 akka kaffalamuuf murteesseera.
Namiibiyaa keessattis eeyyamni hojii ji'a sadi, kanas dubartoota qacaramanii ji'a ja'a guutan qofatu argatu.
Kaffaltii mootummaas kan argatan dubartoota qacaramanii ji'a ja'a guutan qofa.
WHO akka jedhutti daa'imman aannan harma haadhaa hoosisuun sammuusaanii cimsa, akkasumas wayita guddatan akka sirnaan of danda'an isaan gargaara.















