Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kanneen manni isaanii 'loogii fi akeekkachiisa malee diigame beenyaa argachuu qabu'
Magaalaa Itoophiyaatti haarayaa hundeeffamte Shaggar keessatti, jiraattonni manni jireenyaa isaanii 'diigameefi humnaan kaafaman' beenyaa argachuu qabu jedhe, jaarmiyaan mirgoota namoomaa biyyattii.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa Jimaata baaseen [Afaan Amaaraan], magaalaa kana keessa iddoowwan manneen diigamaa jiraniifi humnaan kaasuun gaggeeffamaa jirutti hordoffii fi qorannoo taasisuun gabaasa kana qindeessuu hime.
Kanaanis lammiilee adeemsa kanaan miidhamaniif, seera qabeessaan mana jireenyaa haalli itti argachuu danda'aniifi manca'uu qabeenyaa irra gaheef beenyaa argachuu qabu jedhe.
Jaarmiyaa kanarraa kan tahan Dr Biraayitmaan GabraMikaael, qabiyyee seeraan ala tahan to'achuun gaafatama mootummaa tahus, "adeemsi diiguufi humnaan kaasuu, uummatni jiruunsaa akka jeeqamuufi maatiin akka diigamu gochuu hinqabu," jedhan.
Gabaasa kana keessatti anga'oonni mootummaa jaarmiyaan mirgoota namoomaa kun dubbise, "ijaarsa qabiyyee seeraa hin qabne diigamaa jiraachuu" mirkaneessuun, garuu adeemsa kan hordofe ture jechuun isaanis himameera.
Magaalaan Shaggar dhiyeenya kana Godina Addaa Naannawa Finfinnee irraa magaalota, aanaaleefi gandoota bakka tokkotti gurmeessuun kan hundeeffame oggaa tahu, magaalaa Finfinnees guutummaa kan marsedha.
Magaalaan kun uummata miliyoona 2.3 of keessatti qabatas jedhameera.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa baaseen, gabaasa kana kan walitti qindeesse; 'adeemsi diiguufi humnaan kaasuu' iddoowwan itti raawwatamaa jiru keessaa Buraayyuu, Sabbataa, Laga Xaafoo - Laga Daadhii, Mana Abbichuu fi kaanitti qorannoo gaggeesseen akka tahe hime.
Jiraattonni komiisaanii komishinichaaf dhiyeessan; waggoota dheeraaf lafa bituuniifi ijaarsa gaggeessuun jiraachaa akka turan, akkasumas tajaajiloota akka bishaaniifi ibsaa fayyadamaa akka turan himuun, manni isaanii "akeekkachiisa tokko maleefi seeraan ala" jalaa diigamuu himataniiru.
Jiraattuun amma dura BBCf komiishee dhiyeessite: "baaxii manakoo odoo mana keessaa hin bahin narratti diigan. Qorqorroo mana keessa odoon jiruu buqqisuu eegalan. Mi'akoo walitti qabuufis yeroo hin arganne," jechuun himtee turte.
Anga'oonni Magaalaa Shaggar jaarmiyaan mirgoota namoomaa kun dubbise, kanneen kaartaa dabalatee ragaa qabiyyee seeraa hinqabne; akkasumas qabiyyee duraanii qonnaan bulaarraa ala tahaniifi ALI 2005 booda manneen ijaaraman diigamaa jiraachuu himan.
Adeemsa diiguu ilaalchisees: "jiraattoota kana wajjin sadarkaa kutaa magaalaa, aanaa fi gandaatti mariin gaggeeffameera... ofiin akka diiganis yeroon kennameeraaf.
Haatahu malee kanneen yeroo kennameefitti kaasuu hin dandeenye, qaama diiguun ijaarsi isaanii akka diigamu," ibsaniiru.
Haatahu malee komishinichi qorannoo taasise jedheen, iddoowwan tokko tokkotti mariin hawaasaa fi akeekkachiisni raawwatamuu dhabuu bira gaheera jedha.
'Loogii fi miidhama'
Jaarmiyaan kun iddoowwan hordoffii taasise muraasatti, tarkaanfiin loogii qabu fudhatameera jedha.
"Fakkeenyaaf kutaa magaalaa Laga Xaafoo - Laga Daadhii bakka Qes Safar jedhamutti, manneen walitti aananii ijaaraman keessaa, lama qofti hafuun kaan diigamaniiru.
Namoonni manni isaanii jalaa diigame, loogiin kun sabarratti kan xiyyeeffate akka tahe amanu. Qaamoleen mootummaa garuu kun akka hin taane himaniiru."
Gama kaaniin komishinichi gabaasa isaa kana keessatti, adeemsa manneen diiguu kanaan namoonni "hokkora, miidhaa qaamaa fi xiinsammuuf, akkasumas hidhaaf saaxilamaniiru," jedha.
Namoonni qabeenyi isaan dadhabanii horatan ennaa barbadaa'u miira keessa galuun waanuma eegamudha kan jedhe jaarmiyaan kun, silaa qaamoleen nageenyaa kana hubannoo keessa galchuun isaanirra ture jedha.
"Haatahu malee iddoowwan gariitti, kanneen diigamuu manasaanii morman, daandii cufa, iyya dhageessisan; qaamolee nageenyaan... reebamuu, miidhaan qaamaa qaqqabuu.... akkasumas kaanis hidhaaf saaxilamuu," bira gahuu hime jaarmiyaan mirgootaa kun.
Magaalaan Shaggar maalidha?
Akkaataa dambii hundeeffama magaala Shaggar bara 2015 ALI tti bahee kutaa lama lakkoosa 6 jalatti ibsametti, magaalaa Shaggar jedhamuun bakka tokkotti kan gurmaa’an magaalota, aanaaleefi gandoota magaalaa Finfinneetti marsanii jiraniidha.
Isaanis magaalota Buraayyuu, Kolooboo, Sulultaa, Laga Xaafoo-Laga Daadhii, Galaan fi Sabbataa.
Akkasumas gandoota aanaalee Walmaraa, Sulultaa, Barraak, Aqaaqii fi Sabbataa Hawaas irraa magaalichatti makaniidha.
Bal’inni magaala Shaggar heektaara 160,892.8 akka ta’eefi akkaataa barbaachisummaa isaatti akka dabalu yookaan hir’atus dambii kana keessatti ibsameera.
Itti waamamni magaalichaa ammoo mana-maree magaalichaafi Pirezidaantii Naannoo Oromiyaafi. Teesson Muummee Magaalaa Shaggar magaalaa Finfinnee akka ta’es ibsameera.
Dambii hundeeffama magaalaa haaraa kana keessa akka ibsametti, daangaan bulchiinsi magaalaa Shaggar magaala Finfinnee waliin qabdu: “Akkaataa sanada waliigaltee Bulchiinsi Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin gaafa Adoolessa 22 bara 2014 waliigaluun mallatteessaniin ta'a," jedha.