Magaalaan Shaggar gaaffii 'faayidaa addaa' Oromoon magaalaa Finfinneerratti kaasaa ture deebisaa?

Maxxanfame

Magaalaan Shaggar godinaalee addaa naannoo Oromiyaa bakka tokkotti hammachuun hundaa’ee ifatti hojii eegaluu dhihoo beeksiseera.

Magaalli kun lafa hektaara kuma 160 irratti kan hundaa’e yoo tahu uummata miliyoona 2.3 qabas jedhame.

Magaalaan kun kantiibaa tokkoon bula. Teessoon ishees magaalaa guddoo biyyattii Finfinnee keessa taha jedhame.

Namni siyaasaa gameesii fi pirezidantiin duraanii Oromiyaa Obbo Juunediin Saaddoo magaalli Shaggar hundeeffamuun gama dinagdee fi siyaasaan Oromoof bu’aa olaanaa qaba jedhu.

Obbo Juunediin tarkaanfiin siyaasaa fudhatamee magaalaan Shaggar akka hundooftu tahe kun waan 'bara dheeraaf irratti qabsaa’aa turre dhawata dhawataan kan deebisudha' jedhan.

Dhihoo sagantaa ifatti hojii jalqabsiisu qophaa'e kanneen keessummaa ta'anii argaman keessaa tokko Obbo Juuneddinidha.

Waltajjii siyaasa biyyaa fi Oromiyaa irratti turtii waggaa 12 booda akka argamanillee BBC'tti himan.

Maaster Pilaanii qindaa'aa waggoota muraasa dura qophaa'e mormuun kan beekaman Obbo Juuneddiin ofiiyyuu erga MM Abiy Ahimed aangoo qabatanii biyya baqaa irraa biyyatti deebi'an.

Hundeeffamni magaalaa kanaa gaaffii uummatni Oromoo 'faayidaa addaa' magaalaa Finfinnee irraa argachuuf kaasaa ture ni deebisaa?

Ammoo magaalaa Shaggar kana kan duraan godina addaa jedhamuun waamamu irraa maaltu adda godha?

Gama biraan master pilaanii kan dura dhaabbatetu bifa jijjiiratee dhufee? Kanneen jedhan irratti Obbo Juunediin waliin turtii taasifneerra.

Godina Addaa fi Magaalaa Shaggar maaltu adda godha?

Dhimmi daangaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi naannoo Oromiyaa yeroo dheeraaf dhimma wal falmisiisaa tahee tureera.

Ijaarsa seeraan alaa babal’achuu, qonnaan bulaan lafa isaa irraa buqqa’uu fi dhimmi daangaa bulchiinsaa rakkoolee yeroo dheeraaf naannoo kanatti mudachaa turanidha.

Haa tahu malee, magaalli Finfinnee fi Godinni Addaa Naannaawaa Finfinnee bara kana daangaa isaanii sararuun waliigaltee waliif mallatteessan.

Obbo Juneddiin Saaddoo godinni addaa kan hundaa’eefi jiraattotni naannoo magaala Finfinnee babal’ina magaalaa Finfinneedhaan waan liqimfamaa deemaniif jedhan.

Yeroo sana uummanni naannawaa Finfinnee fi naannoo ishee marsee jiru, akkasuma godina Shawaa Kaabaa guddina barnootaan, dingadee fi taajila hawwaasummaan duubatti hafee ture.

Finfinneetti dhiyoo tahee osoo jiruu ijoolleen umuriinsaanii barnootaaf gahe kan naannoo Oromiyaa kaan waliin yoo ilaallu duubatti hafinsa qaba ture jechuun ibsu.

‘’Magaalaan Finfinnee kun uummata naannoo kana jirutti gaaddisseesitee ture. Garuu qabeenya itti fayyadamtu %75 ol tahu naannoo Oromiyaa irraa argatti.

''Naannoo kanatti lafa saamuu, qabeenya seeraanis seeraan alas horachuun ture. Garuu ummatichaaf waan deebisftee goote hin qabdu.’’

Naannoo Finfinnee kana gama tajaajilaa fi dinagdeenis godinaalee kaan waliin wal qixxeesuuf jecha Godinni Addaa Naannawaa Finfinnee hundeeffame jedhan.

Hundeeffama magaalaa Shaggar kana yoo ibsan ammo ‘’sadarkaan magaalli shaggar itti hundeeffame isa kan godina addaa irraa ol kan ka’edha,’’ jedhan.

Uummanni Tuulamaa naannoo Finfinnee sirnoota darban keessatti miidhamaniiru kan jedhan Obbo Juuneddiin naannichaa buqqa’uun gara Arsii fi Baaleetti deemaa turan jedhan.

‘’Uummata kanarra miidhaan xiinsammuu, siyaasa fi dinagdee waan gahaa tureef isa kana karaa deebisuu danda’uuni magaalli Shaggar kan hundoofte,’’ jechuun dubbatu.

Qonnaan bulaan osoo hin buqqa’iin, qonnaan bulaa tahee karaa jiraachuu danda’u, inni daldala barbaade daldalee karaa jiraachuu karaa danda’uuni kan hundaa’e jechuun ibsu.

Dabalataan Finfinneen 'gidduugala qabsoo Oromooti' kan jedhan Obbo Juunediin teessoo naannoo Oromiyaa fi Itophiyaa taatus, bu’aa Oromoon magaalicharraa argachuu qabu maali kan jedhu irratti waggaa dheeraaf mormiitu ture jedhan.

‘’Waan uummata keenya qabatamaatti fayyadu magaalaa Finfinnee irraa hin argamne. Magaalaan Shaggar ammoo karaa amansiisaa taheen ijaaramuun gaaffii Oromoon Finfinnee irratti qabu deebisa’’ amantaa jedhu qabu.

‘’Waan kun dhawaataan deema. Kana dura uummanni Oromoo buqqa’uu hin qabu jechaa turre. Magaalota isaa hundaa keessatti abbaa qabeenyaa fi dinagdee akka tahu qabsaa’aa turre.

''Amma magaalaa Finfinnee kanatti dhawataan dhufaa jira. Dura godina addaa jedhee jalqabe. Amma Shaggaritti guddate. Akkasumaan Finfinneenuu Shaggar tahuun ishee hin hafu‘‘ jedhan.

Obbo Juuneddiin bara pirezidaantii naannoo Oromiyaa tahuun tajaajilaa turan magaalaa guddoon Oromiyaa Finfinneetii bahuun Adaamaa tahuu qaba yeroo jedhamu namoota dura dhaabbatan keessaa tokko akka tahan himama.

Namoonni baay’een maqaa Shaggar jedhu kana akka maqaa Finfinneeti fudhatu. Obbo Juunediin waa’ee maqaa kanaa yoo kaasan Shaggar maqaa Finfinnee dura illee turedha jedhu.

‘’Shaggar Jaarraa 9ffaa irraa eegalee maqaa turedha. Maqaa guddaadha. Shaggaa, dhiiraa Shaggaraa, dubartii Shaggee jedhamtu kan jedhu irraa akka dhufe hayyoonni seenaa himu,’’ jechuun dhimma kana irratti qorannoo adda addaa gaggeefamee argeera jedhan.

Maqaan kun seenaa uummata Tuulamaa keessa akka jiruufi kanaan illee weellifama akka ture himu Obbo Juunediin.

Maaster Pilaanii irraa maaltu adda godha?

Dhaabi ADWUI kan Itoophiyaa yeroo dheeraaf bulchaa ture waggoota kudhan dura maastar pilaaniin ifa taasise ummata biraa mormiin mudateera.

Maaster pilaaniin marsaa jalqabaa bara bulchiinsa Obbo Kumaa Dammaqsaa pirezidantii Naannoo Oromiyaa turan waggaa 22 dura bara 2000 akka qophaa'e himu Obbo Juuneddiin.

"Yeroo sana dinagdee Oromiyaa hogganaa waan turaniif marii isaa irratti hirmaachuun akka mormanii bahan yaadatu.

Yeroo sana Obbo Alii Abdoo Itti Gaafatamaa magaalaa Finfinnee turan.

Maaster pilaanichi Finfinnee bakka lamatti kan kutu tahee Shawaa Bahaa keessaa aanota akka Ada'aa, Liiban, Gimbichuu, Gaara Erer, Sandaafaa, Caancoo, Sulultaa, Hoolotaa, dabalatee hanga laga Awwaashitti kan haguugu tahuu yaadatu Obbo Juuneddiin.

''Bara 1993 jalqabee pilaanicha irratti qabsoo jabaa gochaa turre. Waan isaan dura [ADWUI] dhaabbanneef deebisanii dhiisan. Dhiyeenya bara 2014-15 keessa ammoo OPDO’n amma dadhabeera jedhanii waan yaadaniif deebisanii fidan.

''Inni ammoo sochii qeerroo kaase,’’ jedhan Obbo Juuneddiin Saaddoo.

Mormiin master pilaanii hammaatee lubbuu dargaggoota kumaatamaa galaafateera. Garuu jijjiiramni isyaasaa guddaan biyyattii keessatti dhufuun MM Abiy Ahimed bara 2018 aangoo qabatan.

Yeroo ammaa maaster pilaaniin du’eera, daangaan Finfinnee dhaabbatee waan jiruuf kanarra bal’achuu hin dandeessu jedhan.

Heerri mootummaa Federaalaa Itoophiyaa keewwata 49 Finfinneen magaala guddoo biyyittii tahuu fi naannoon Oromiyaa faayidaa addaa akka irraa argatu tumeera.

Garuu addatti labsiidhaan faayidaa naannichi Finfinnee irraa argachuu qabu hin ibsamne.

Daangaan Bulchiinsa Finfinnee fi Godina Addaa kan amma Magaalaa Shaggar tahee erga sararamee waliigalteen mallattaa’ee hundeeffamni magaalaa kanaa dhagahame.

Obbo Juunediin magaalaan Shaggar kantiibaa mataashees waan qabaattuuf, ''Finfinneen haala maaster pilaaniidhaan yaadame sanatti aanaa Ada’aa, Hoolota ykn Bachoo ykn Cuqqaalaa fudhachuuf deemu hin jiru,’’ jedhan.

Tarkaanfiin amma fudhatames kun tarkaanfii siyaasaati jedhan. Garuu ammoo Finfinnee Oromiyaa irraa adda baasnee hin ilaallu kan jedhanis jiru.

Finfinneen magaalaa guddoo Itoophiyaa fi mootummaa naannoo Oromiyaa qofa osoo hin taane teessoo Gamtaa Afrikaatis.

Teessoon magaalaa Shaggar magaalaa Finfinnee keessa tahuu quba qabaachuu kan himan Obbo Juuneediin bakka hiiroo tahetti waajjiirri muummee isaa akka ijaaramus odeeffadheera jedhan.

Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa sirna baniinsaa sagantaa hundeeffama magaalichaa irratti kaayyoo magaalichaa yoo ibsan Finfinnee ''tiksuufi, Oromoollee abbaa lafa isaa, abbaa qe’ee isaa goona‘‘ jedhan.

Misoomni gurguddaan magaalaa Shaggar kana keessatti hojjetamu magaalicha misoomsuuf waan ooluuf magaalaa guddaa akka tahuuf gargaara jedhan Obbo Juunediin.

Qonnaan bultootni naannoo Finfinnee lafa isaanii dhabuun gama dinagdeen waggoota dheeraaf miidhamaa turan.

Dhimmi daangaa kunis wal falmiisisaa erga turee bara kana bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi godinni addaa walii mallatteessan.

‘’Lafa naannoo Finfinneerraa xaafii qofa oomishamu yeroo nyaatan jaju malee nama xaafii oomishuuf kabaja kennaa in turre.

''Lafa isaa faddaalotaan bitanii gurguruun gamoo irratti ijaaraa turan. Amma magaalli kun ijaaramun garuu kana jijjiiruun magaalaa Finfinneeyyuu caaluu danda’a’’ jedhan pirezidaantiin duraanii Obbo Juuneddiin.

Paartii kamiyyuu haa hogganu hoggansa gahumsa qabu yoo kenname gaaffiin ummata Oromoo ni deebi’a amantaa jedhun qaba jedhan.

Qabsoo uummatnii fi qabsaa'onni kaan gaggeessaa turan amma deebi’aa jira amantaa jedhus qabu.

‘’Lafti naannoo kanatti soogidda waan taateef yoo bulchiinsi mul’ata guddaa hin qabnee fi laafe muudamu faddaalaafi hattuutu itti seena.

''Bakka horiin socho’u dogoggora jira waan taheef nama saamuu danda’u. Bulchiinsa cimaa kan Finfinnee caalu ramaduu barbaachisa.’’

Dhalataan Oromoo biyya keessaa fi ala jiru misooma magaalichaa irratti yoo hirmaachisan gidduugala dinagdee fi siyaasaa jabduu gochuun gaaffii Oromoo deebisuu danda’a jedhan.

‘’Gaaffiin Oromoo magaalaa Finfinnee irratti abbaa tahuudha. Magaalaan Shaggar ammaa kun ammoo walakkaa magaalaa Finfinnee qabatee waan jiruuf suutuma gaaffii Oromoo deebisuu danda’a,‘‘ jedhan.

Hundeeffama magaalaa Shaggar qofa osoo hin taane tibbana mootummaan naannoo Oromiyaa magaalota godinaalee adda addaas walitti hidhuun bulchiinsi isaanii mootummaa naannoof akka tahu murteessera.