Obbo Bulchaa Dammaqsaa hiriyaasaanii Pirof Mararaa fi kaaniin akkamiin yaadatamu?

Namni siyaasaa gameessi Obbo Bulchaa Dammaqsaa umriisaanii waggaa 95'tti du'aan boqochuun isaanii Amajjii 6, 2025 dhagahameera.
Hayyuun dinagdee kun bara Mootii H/Sillaasee biyya alaatti digirii lammataa isaanii baratanii dhufanii Yilmaa Dheeressaa jalatti hanga Ministir Di'eeta Ministeera Maallaqaa ta'un tajaajilaniiru.
Yilmaa Dheeressaa yeroo sana ministira maallaqaa ture.
Eegasiis hojjetaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akkasumas boodarra ammoo bara ADWUI biyya alaatii biyyatti deebi'uun paarlaamaa seenuufi hanga paartii hundeesssuutti deemaniiru.
Du'aan boqochuun qondaala kanaa jalqaba kan irraa dhagahame Ministirri Muummee Abiy Ahmad, ''biyyaafi Afrikaa kan tajaajilan, nama waan itti amanan dubbatan jechuun isaan ibsanii, du'uun isaanii biyya miidha,'' jedhan.
Dhaabbileen siyaasaa KFO, ABO fi aangawoonni olaanoo garagaraafi kaanis, du'a isaaniin gadda itti dhagahame ibsaniiru.
Dhaabni isaan hundeessan- Warraaqsi Federaalawaa Dimookiraatawaa Oromoo, dhaaba Kongirasii Ummata Oromoo waliin walitti dhufuun KFO hundeesseera.
''Siyaasa Itoophiyaafis ta'e qabsoo Oromoof guddaa gumaache''

Madda suuraa, SM
Bara bulchiinsa Dargii eegalee kan isaan beekan immoo dura taa'aan KFO Pirofeesar Mararaa Guddinaadha.
Haala guddina siyaasaa Itoophiyaafis ta'e qabsoo Oromoo keessatti gumaachi Obbo Bulchaa baayyee ture kan jedhan Pirofeesar Mararaa Guddinaa, ''yeroo nugusaa nama hamma Di'eetaa Ministeeraatti deemaniidha,'' jechuun nama murteessaa akka turan ibsan.
'' Sana booda Baankii Addunyaa keessa nama bara baayyee hojjetedha. Biyyoota Afrikaa hedduu irra deemuun hojjeteera.''
Obbo Bulchaan yeroosaanii gara boodaa kana qabsoo Oromoo cimsuurratti fuulleffachuu kan himan Pirofeesar Mararaan, tokkummaa Oromoof baayyee gumaache jedhan.
''Hamma paartii tokko taanee waliin hojjechuutti wajjin deemneerra.''
Namoota barnoota ikonomiksii baratanii guddina biyya kanaa qajeelchan keessaa Obbo Bulchaan adda durummaan eeramu.
''Paarlaamaan akka paarlaamaa fakkaatu godhe''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 1997-2002 ennaa nuti paarlmaa galle sana seenaa paarlaamaa warra jijjiiran keessa Obbo Bulchaan tokko jechuun ibsu Pirofeesar Mararaan.
''Paarlaamaadhumti paarlaamaa akka fakkaatu warra godhan keessaa Obbo Bulchaan tokko. Dubbiin paarlaamaa tokkorraa eegamu akka ka'u, sabnis ammoo akka dhagahuu waan gochuu danda'u dubbachaa turan,'' jedhan.
''Diinagdee Itoophiyaarratti wanti isaan dubbachaa turan. Mallas duras dhaabbachaa turan. Paarlaamichumayyuu namni akka dhaggeeffatu nama godheedha.''
Yeroo sana bulchaa Itoophiyaa kan turan Obbo Mallas Zeenaawii akkamiin akka Obbo Bulchaa hubachaa turan Pirofeesar Mararaan akkanaan ibsu.
''Mallas yeros hundan caala waan jedhuuf warra kaanirraa yaada hin fudhatu, ammoo Bulchaamayyuu wayya ture. Innis daangaasaa eeggatee deemuu inuma yaala ture. Dhimma diinagdeerratti yeroo baayyee walitti bu'aa turan.''
Pirofeesar Mararaa Guddinaas akkuma Obbo Bulchaa yeroo dheeraaf siyaasa Itoophiyaa keessa turan. Obbo Bulchaan waan ijoo biyyattiif gumaachanii darban akkanaan ibsan.
''Waa'ee diinagdee Itoophiyaarratti inni isaan paarlaamaa keessatti dubbataa turan akkuma jirutti ta'ee, baankii dhuunfaa jalqabaa [Baankii Hawaas] hundeessuu keessatti nama hojii guddaa hojjetedha. Waggaa shan wayita paarlaamaa keessa turrettis isa mootummaan diinagdeerratti gabaasa sobaa dhiheessu qeeqaa ture.''
Ministirri Muummee duraanii Obbo Mallas Zeenaawii yeroo baayyee Obbo Bulchaa waliin addatti isaan waamee akka isaan dubbisaa ture kan ibsan Pirofeesar Mararaan, ''achi gubbaattis obbo Bulchaan hanga danda'e yaalaa ture,'' jedhan.
Obbo Bulchaan nama buleessa, gameessa siyaasaa waan turaniif siyaasa sobaa warra deeggaran miti jedhan Pirofeesar Mararaan.
Obbo Mallasfaa waliin dhaloota tokko miti. Isaan warra siyaasaaf jedhan waan fedhan raawwataniidha. Yeroo tokko tokko isa Bulchaan biyyaaf jedhee dhugaamasaa dubbatu Mallasfaa ammoo gowwoomsineerra jechaa turan.''
Pirofeesar Mararaan du'aa boqochuu Obbo Bulchaa dura hanga yeroo dhihootti quba qabaachaa akka turan himuun ''booduma kana dadhabaa deeman malee gaafa waajjira keenya Meeksikoo saaqneyyuu boo'aa turan. Ergasii manatti hafuutti seenan,'' jedhan.
Gama kaaniin Obbo Bulchaan paarlaamaa keessatti Afaan Oromoo dubbachuun beekamu.
Tarii kuni maal jechuu akka ta'e irratti yaada kan kennite gaazexeessituu Tsadaala Lammaa yeroo Finfinnee turte waggaa dheeraaf ollaa Obbo Bulchaa waan turteef itti dhiheenyaan akka beektu ibsite.
Uummata Oromoof oolmaa oolan jetti.
''Ollaa taanee wal barre. Obbo Bulchaan baay'ee nama tasgabbii qabanidha. Ijoolleen yeroo taphatanillee dhaabatanii dubbisanii darbu. Namoota gurguddaa miti daa'immanuu baay'ee isaan jaalatu. Kabaja guddaa namaaf qabu,'' jette.
Beekumsi isaanii baay'ee nama kakaasa kan jettu gaazexeessituun kun ''mata duree kamuu osoo kaaftee itti dubbiftee qajeelchanii si waliin mari'atu. Waan beekan dubbachuuf nama duubatti jedhan miti,'' jechuun sammuunsaanii hangam beekumsaaf banaa akka ta'e ibsite.
''Akka nama ko'oommii qabanii miti. Nama waliin taa'anii haasa'u. Nama guddaa taates, xiqqaa taates, beekamaa taates ta'u baattes, yoo si baran sirriitti waliin haasa'uu dandeessa. Nama barbaaddee argachuu dandeessudha. Yeroo ofii namaa kennuu jechuun waan salphaa miti. Amala isaanii kana baay'uman jaalla.''
Siyaasa loltummaa gara siyaasa siiviliitti
Hundeessituun barruu Addis Standard Tsadaalan Obbo Bulchaan yeroo bulchiinsi ADWUI siyaasa Oromoo 'Siyaasa loltummaa' godhee turetti siyaasa Siivilii gaggeessuun yaada fooyya'aa dhiheessaa turan jette.
''Leegaasiin siyaasaa isaanii yeroo sana bulchiinsi ADWUI siyaasa Oromoo siyaasa loltummaa godhee ture. Wanta isaan barbaadan miti yoo ta'e yoo xiqqoo mormite ABO yookiin shororkeessaa siin jedhu. Yeroo paarlaamaa turan dubbiin taasisaniin Obbo Bulchaan siyaasa sivilii gaggeessaa turan.''
Ummata Oromoof oolmaa guddaa oolaniiru kan jettu gaazexeessituu Tsadaala Lammaa tokko Siyaasa Oromoo loltummaatti ilaalamaa ture karaa salphaafi nagaa ta'een gaggeessuu ture.
''Akka ogeessa dinagdeetti wanta dubbataniin alatti wanti guddaa jedhu isa kanadha. Paarlaamaa keessatti guddina dinagdee ADWUI'n galmeesse jedhu gaaffii irratti kaasu ture,'' jechuun adeemsa siyaasaa Obbo Bulchaarraa jaallattu ibsite gaazexeessituun kun.
''Paarlaamaa keessas yeroo Afaan Oromoo dubbatan kaayyoon isaanii siyaasa Oromoo siyaasa loltummaatti ilaalamaa ture jijjiiruuf yaadaniiti. Afaan Oromoon paarlaamaattis dubbatamuu danda'a ergaa jedhu dabarsuu barbaadan.''

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook gubbaa hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












