Balaliisaan xiyyaara gamootti buusuf dorsiisaa ture nagaan akka qubsiisu godhame

Maxxanfame

Ameerikaa magaalaa Misiisippiitti paayilatiin sa'aatiiwwaniif magaalattii gubbaa marsuun xiyyaara waajjira Waalmaartiitti buusuuf doorsiisaa ture erga poolisii waliin haasa'een booda nagaan lafa qubsiifame.

Bulchaan Iseetichaa Taatee Reevees bareeffama karaa toora tiwiitaraatiin barreessaniin, namni miidhame homtuu akka hin jirre himuun qaama seera raawwachiiftoota Tupeloo keessaa galateeffataniiru.

Tamsaasa kallattii riiportara TVn naannichaa WTVA akka agarsiiseetti konkolaataawwan dirree keessatti mul'isaa ture.

Gamoon Waalmaartiifi manneen kusaa dhiheenyasaatti argaman keessa namoonni akka bahan yoo taasifamu, jiraattoonnis naannicha irraa akka fagaatan taasifamee ture.

Haasan balaliisichi osoo qilleensarra jiruu fi poolisii jidduutti wayita haasa'amees ta'e, ykn eenyummaan balaliisiichaa ammatti ifatti waanti jedhame hin jiru.

Haata'u malee, gaazexessitoonni miidiyaa naannichaa akka gabaasaniitti balaliisichi erga qubateen booda to'annoo jala oolfameera jedhan.

Akka ibsa jalqaba kennameetti, xiyyaarri magaalattii gubbaa balal'iaa akka ture poolisiin kana hubachiifame guyyaa Sanbataa akka naannichaatti gara naannoo sa'aatii 05:00 irratti ture.

Yeroo sanattis, poolisiin ''haala balaafamaa'' jechuun ibsee ture. Ibsichi dabaluunis, xiyyaarichi gosa xiyyaara ''King Air'' kan jedhamudha jechuun, xiyyaara xiqqoo ta'uu ibsee ture.

Balaliisichis lakkoofsa yeroo balaa atattamaa - E911 irratti bilbiluun, beekaa gamoo Waalmaartiitti akka bu'uuf jiruu doorsiisaa ture.

Gaazexeessiituun naannichaa, Leeslie Criss akka eejjansii oduu Asooshiyeet Pireesiitti himteetti, kan akka kanaa gonkumaa magaalattii keessatti agarte hin beektu. ''Bariidhaan haala akkasii kanaan irribaa ka'uun baayyee waan sodaachisaa ture'' jechuun haala ture ibsite.