Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bakakkaa naannoo Waayit Hawusitti bu'een nama afurirra miidhaan cimaa gahe
Naannoo masaraa mootummaa US Waayit Haawus biratti bakakkaan bu'ee namoota afurirra miidhaa cimaan dhaqabe. Namoonni miidhan irra gahe kunneen dhiirota lamaa fi dubartoota lama yoo ta'an, yommuu bakakkaan Paarkii Lafaayet jedhamu keessa turan jechuun biiroon ittisa balaa ibiddaa beeksise.
Sababbiin bakakkaa kanaa ammoo rooba cimaa naannichatti roobedha jedhame.
Bakki bakakkaan itti bu'e masaraa Waayit Haawusitti dhiyoo ta'uu irraa kan ka'e namoota miidhaman dursee kan qaqqabe miseensota 'sekireet sarvis' jehamaniidha. Eenyummaan namoota miidhamanii garuu adda hin baane.
Balaan bakakka kun kan mudate kaleessa 04, 2022 galgala yoo ta'u, iddoon balaan kun itti mudate ammoo dallaadhuma masaraa mootummaa biratti.
"Namoonni afranuu miidhama lubbuuf sodaachisaa ta'e keessa turan," jechuun ibse biiron Ittisa balaa abiddaa Waashingtan DC.
"Waldhaansa hatattamaa ariitin kennuufidhaan gara hospitaala dhiyeeenyatti argamuutti akka geeffamanii waldhaanaman goonerra," jechuun dubbate aangawaan biirichaa. Balaan kun osoo hin mudatin dura jarri afran wal beekuu fi dhiisuu isaanii, akkasumas osoo bakakkaan itti hin bu'in dura maal gochaa akka turan aangawoonni bira hin geenye .
Erga balaan bakakkaa kun mudatee booda paarkichi walakkaadhan cufameera jedhame.
Tajaajilli Raaga Qilleensaa Biyyoolessaa roobni bakakkaa makate akka jiraatu Kamisa galgala akeekkachiisa baasee ture.
Parkin Lafaayet, paarkii uummataa kaaba Waayit Haawusitti argamu yoo ta'u yeroo heddu, keessumattuu waktii kana, daawwattootatu iti baay'ata.