Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaa waliin kallattiin wal waraanuutti ce’uu akka maltu Raashiyaan akeekkachiifte
Ameerikaan Yuukireen deeggaruuf murteessuun ''carraa biyyoonni lixaa kallattiin Raashiyaa wajjin wal waraanuu'' akka dabalu Raashiyaan akeekkachiifte.
Ameerikaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Antoolii Antonoov, deeggarsi meeshaalee waraanaa kun’’ yaaddoo atattamaa’’ Moskootti uumeera jedhan.
Ameerikaammoo biyya ‘’waraana kanatti hirmaachaa jirtu’’ jedhanii ibsan.
Ameerikaan deeggarsa waraanaa Doolara Ameerikaa miliyoona 600 fi miliyoona 25 Yuukireeniif akka kennitu tibbana beeksisteetti.
Meeshaaleen waraanaa ammayyaa Ameerikaan Yuukireen gargaaartu weerartoota Raashiyaarratti injifannoo akka argatan gargaare jira.
Humnoonni Yuukireen torban muraasa asitti Kaaba Bahaa fi Kibba biyyattii deebisanii to’atan.
Ameerikaan meeshaa ammayyawaa rokkettii hedduun haleellaa raawwachuuf gargaaru ‘Himars multiple rocket systems’ afur dabalatee, meeshaalee biroo Yuukiren gargaartetti.
Pirezedantiin Raashiyaa Guraandhala keessa erga Yuukireen weeraranii asitti Ameerikaan Doolara biliyoona 17tti dhiyaatu Kiyeev gargaarte.
Ameerikaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Antoolii Antonoov Kamisa akka beeksisanitti, Ameerikaan meeshaalee waraanaa gurguddoo dhiyeessuu isheef jecha ‘’waraanatti hirmaachaa jirti,’’ jedhan.
Antonoov akka jedhanitti ‘’dhiiga dhangalaasuun akka dheeratu fi miidhamni haaraan akka qaqqabu taasisa jirti’’ jedhanii himata.
‘’Waashinteen gocha dubbii barbaachaa balaa caalu fidurra of qusachuu qabdi,’’ jedhanii gaafatan Ameerikaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa.
Raashiyaan dirreewwan waraanaa Yuukireenitti torbanoota as aanaa erga injifatamtee booda waan qabnu hundumaan ofirraa ittisna jette- hanga boombii niwukiralaraa gargaaramna jechuutti dorsiisan.
Mooskoon garuu kutaalee Yuukireen afur dhuunfachuuf tattaaffii taasiftu iti fufteetti.
Raashiyaan Dooneski, Luhaaniski ,Kersoon fi Zaporiizhiyaa dhuunfachuutti tattaaffiirra jirti.
Taatullee, naannoole kanaa keessaa tokkooyyuu guutummaatti to’achuu hin dandeenye.
Lolotoonni Yuukireen immoo guyyoota muraasan asitti Kersoon qabaachaa jiru.
Ameerikaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa akeekkachiisa kan kennan Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayidenii fi Pirezedantii Ittaantuu Kaamalaa Haariis wajjiin tumsa waraanaa Yukireeniif kennamurratti Pirezedantii biyyattii Voloodimiir Zeleniskii waliin mariyachuu hordofeeti.
Masaraan Waayit Haawus kutaalee Raashiyaan humnaan Yuukireenirra fudhadheera jettuuf ‘’tasumaa beekamtii hin kenninu,’’ jedheera.