'Obbo Taayyee Danda'aarratti abbaan alangaa himata sadi bane' - Abukaatoo

Obbo Taayyee Danda'aa

Madda suuraa, MINISTRY OF PEACE

Maxxanfame

Abbaan alangaa Obbo Taayyee Danda'aarratti al-tokkotti himannaa sadi banuu abukaatonsaanii BBC'tti himna. Abbaan alangaa seera yakkaafi labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaalee waraanaa eerun himannaa banuu abukaatoonsaanii Obbo Tuulii Baayyisaa BBCtti himan.

Obbo Taayyee Danda'aa gaafa ALI Ebla 15, 2016 mana murtii olaanaa federaalaa dhaddacha ramaddii Lidataatti dhiyaachuu himan.

"Gaafa jalqabaa abukaatota waliin wal-hin agarre, waanti isaanitti himames homtuu hin turre. Waaree booda qophaasaa fuudhanii mana murtiitti dhiyeessan," jedhan Obbo Tuuliin.

Obbo Taayyeen guyyaa jalqabaa abukaatoo malee mana murtiitti erga dhiyaatanii booda Kamisa ALI Ebla 16, abukaatowwan isaanii afur waliin mana murtii olaanaa federaalaa ramaddii Lidataa dhaddacha heeraafi yakkawwan heera irratti raawwataniitti dhiyaachuun himata irratti dhiyaate dhaggeeffataniiru jedhan.

Himanni jalqabaa abbaan alangaa irratti dhiyeesse, "diina wajjin hojjachuu" kan jedhu Obbo Taayyee irratti dhiyeessuu himu Obbo Tuuliin.

Himata kanarratti, "waraana mootummaan ABO Shaneefi Faannoo waliin taasisu irratti ijjannoo Shanee kan deeggaruufi jajjabbeessu barreeffama barreessaa ture" qabiyyee jedhu of keessaa qaba jedhu.

Seerri yakkaa Obbo Taayyeen ittiin himataman kun: "Lammiin Itoophiyaa kamiyyuu ykn namni fayidaa Itoophiyaa akka kabachiisuuf ifatti himaanan itti kenname kamiyyuu yeroo Itoophiyaan lolarra jirtu, ykn daanganshee guutummaan ykn walakkaan diinaan weeararame kaayyoo diinaa galmaan gahuuf jecha gorsaanis ta'ee gochaan namni diina deeggare yoo ta'e" hidhaa hanga waggaa 20 akka itti murtaa'u ni eera.

Dhimmichi cimaa yoo ta'e ammoo hidhaa umurii guutuu ykn du'aanis ni adabsiisa seerri yakkaa kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Himannaan lammataa Obbo Taayyee irratti dhiyaate seera yakkaa "dhiibbaa gochuufi gochaa qophii taasisuu baay'ee guddaa hin taane" kan jedhu yoo ta'u, gochaan kun yakka mootummaafi heera biyyaa irratti raawwatamu kan ilaallatuudha.

Himannaan kun "yakkoota mootummaafi heera irratti raawwataman" akkasumas yakka nageenya alaa mootummaafi humna ittisaa irratti raawwatamu" wajjin akka wal-qabatu BBC'tti himan Obbo Tuulii Baayyisaa.

Namni dhuunfaa tokko yakkoota kanneen raawwachuuf ykn deeggaruuf karaa dubbii, barreeffamaa ykn fakkiin odeeffannoo sirrii hin taaneefi jibbaan guutame yoo tamsaase adabbii xiqqaa adabsiisuu danda'a.

Gochaan raawwatame guddaa yoo ta'e ammoo hidhaa cimaa waggaa 10 hin caalleenis nama adabsiisuu danda'a.

Obbo Taayyee Danda'aa, "Mootummaan marii ABO Shanee waliin taasise irratti kutannoo hin qabu. Marichi akka hin milkoofne kan taasise mootummaadha jechuun" yakka jajjabeessuu hojjateera jechuun abbaan alangaa himata akka dhiyeesse himu Obbo Tuuliin.

Obbo Taayyen osoo to'annoo jala hin oolin guyyoota muraasa dura turtii BBC Afaan Oromoo waliin taasisaniin mariin mootummaafi WBOn Tanzaaniyaatti taasisan akka hin milkoofne kan godhe "mootummaadhuma kiyya" jechuun qeeqanii turan.

Himannaa sadaffaan abbaan alangaa Obbo Taayyee irratti dhiyeesse 'manasaanii keessatti "kilaashinkoovin hayyama hin qabne argame" kan jedhu ta'uu himu abukaaton kun.

Guyyaa kaleessaa, Ebla 16 ALItti, yeroo mana murtiitti dhiyaatan mirgi himatamuu dhabuusaanii osoo hin kaafamiin to'annaa jala ooluun sirrii akka hin taane kaasuun "mirgi koo sarbameera" jechuun mana murtiitti himan. Haalli Caffeen Oromiyaa mirga himatamuu dhabuusaanii itti kaase "seera kan hin eegneedha" jechuunis komii qaban mana murtiitti himaniiru Obbo Taayyeen.

Akkasumas hanga gaafa mana murtiitti dhiyaataniitti [Ebla 16, 2016 ALItti] abukaatoo, ogeeyyii fayyaafi maatiisaanii wajjin wal-arganii akka hin beeknes mana murtiitti komiisaanii dhiyeeffataniiru Obbo Taayyeen.

Himanni Obbo Taayyee irratti dhiyaate himata dachaafi mirga wabii nama hin dhorkanneedha jechuun mirgi wabii akka eegamuuf gaafatanii turuu kaasu Tuulii Baayyisaa.

Manni murtii falmii gama lamaanuu erga dhaggeeffatee booda, abukaatonni Obbo Taayyee ittisa yoo qabaatan akka dhiyeeffataniifi dhimma mirga wabiirratti murtee kennuuf gaafa ALI Ebla 24, 2016 beellama biraa kenneera.

Obbo Taayyeen bara bulchiinsa ADWUI yeroo garaa garaatti shororkeessummaafi mootummaa kuffisuuf yaaluun irra deddeebiin himatamanii murtiin irratti darbaa ture.

Waggoota 20 keessa umurii isaanii keessaa nuusa mana hidhaatti dabarsan.