Ispoortessaan tekwaandoo miila tokkoo Galmee Dinqisiisoo Afriikaarratti galmaa’e Saabom Kamaal Qaasim eenyu?

Kamaal Qaasim

Madda suuraa, Kemal Qasim

Maxxanfame

Maqaan isaa Kamaal Qaasim jedhama. Bara 1980 naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti dhalate.

Daa'imummaa irraa ka'ee haatiisaa qofti akka isa gargaaraa turtee fi hiriyoonni isaa itti kolfaa fi qoosaa akka turan himuun haala rakkisaa keessa darbe yaadata.

''Miila tokko osoo qabanuu digirii afraffaarra gahuun isaanii adda isaan taasisa,'' jechuun hoji gaggeessaan Galmee Dinqisiisoo Afriikaa Obbo Ashannaafii Alam BBCti himaniiru.

Kamaal yeroo daa’imummaa isaatti maatiisaa walin gara magaalaa Warotaa jedhamtu deemuun jiraachuu eegale. Miila isaa tokkos magaalaa kana keessatti dhabe.

“Bara 1985 yeroo ce’umsaa sana ani daa’ima waggaa shanii ture. Yeroo sana taankii kufe irratti yemmuun taphadhu miilakoo isa mirgaa jilbaa olitti miidhaan narratti qaqqabee kan murame,” jedha.

Ergasii kiraanchiitti fayyadamuun iddoodhaa iddootti socho’a.

'Waa yaaluu waanan jaaladhuuf tekwaaandoo jalqabe'

Saabom Kamaal Qaasim miilasaa tokko irratti miidhaan erga qaqqabee booda Magaalaa Gondaritti deebi'ee achi jiraachuu eegale.

Achittis dhuma bara 1995 irratti ispoortii Tekwaandoo leenji’uu akka eegale hima.

''Wantoota ijoolleen hojjetan hojjechuuf fedhii waanin qabuuf tasan gara wanta kanaatti seene. Fedhii wantoota yaaluuf qabutu gara wanta kanaa akkan seenu na taasise,'' jedha.

Ispoortii Tekwaandoo keessatti hojiin inni guddaan miilaan kan hojjetamu ta’uu kan himu Saabom Kamaal, ispoorticha miila lamaan hojjechuunuu ulfaataa ta’uu dubbata.

“Ilaalchi leenjisaankoo qaama miidhamtootaaf qabu baay’ee gaarii ture. Fedhiidhuma isaatin kaffaltii tokko malee akkan leenji’u carraa naaf mijeesse,” jedha.

“Haa ta’u malee dhiibbaan hawaasaa fi maatii bira ture olaanaa fi baay’ee ulfaataa ture. Ijoolleen na waliin leenji’an hanga na baranittis rakkisaa ture. Isa boodadha wantootni hundi sirrataa kan dhufan,” jechuunis Kamaal Qaasim hima.

Kemaal Qaasin

Madda suuraa, Kemal Kasim

Leenjii haalaan cimaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sadarkaa amma irra gaheef barsiisaa isaa kan ture Saabom Tewodroos gumaacha olaanaa akka qabu kan himu Saabom Kamaal Qaasim, “hangan of wallaalutti ispoortii na hojjechiisaa ture. ‘Ati eenyuu gadi’ jechaa na jajjabeessa ture” jedha.

Bifa kanaan waggoota jahaaf erga baratee boodas bara 2001 mana leenjii ispoortii Tekwaandoo mataasaa banachuun namoota leenjisuu akka eegale hima.

“Deeggartootnikoo yemmuu baay’atan fi fakkeenya jedhamee miidiyaaleerratti yemmuun dhiyaadhu ispoorticha caalmaatti jaalachaa dhufe. Leenjiis ittin fufe. Sana booda digirii tokkoffaa, lammaffaa jechaa digirii afraffaarra gaheera,” jedha Saabom Kamaal.

Ispoortii ‘Intarnaashinaal Tewkwaandoo’ jedhamu keessatti nami tokko leenjiiwwan fudhachaa sadarkaa sadarkaan saqqiiwwan haluuwwan garagaraa qaban (keeelloodhaa hanga gurraachatti) fudhata.

Saqqii gurraacha erga fudhatee booda immoo qormaata qoramuun digirii tokkoffaa ykn ‘first Dan’ kan jedhamu argata.

Digiriin kun immoo sadarkaalee sagal qaba. Digirii tokkoffaa hanga saglaffaatti jechuudha.

Saabom Kamaal Qaasim sadarkaan amma irratti argamu digirii afraffaa (fourth Dan) kan jedhamu akka ta’e hima.

“Digirii sadaffaa biyya Jarmaniitti qorameen fidee dhufe. Digirii afraffaas qabadheera. Digirii shanaffaa qoramuuf kana booda waggaa shan eeguun qaba,” jedha.

Kamaal Qaasiim

Madda suuraa, Kemal Kasim

Galmee Dinqisiisoo Afriikaa

Miidhamni qaamaa qabu osoo hin daangessin ispoortii Tekwaandoon Digirii afraffaa kan qabu Saabom Kamaal, ALI Hagayya 22,2014 dhaabbata Galmee Dinqisiisoo Afriikaa irraa waraqaa ragaa argateera.

“Miila tokko qofa qabaatanii Daanii afraffaarra gahuunsaanii odeeffannoon nu qaqqabe. Sadarkaa biyyaatti ilaallee namni biraan hinjiru. Sadarkaa Afriikaattis hinjiru,” jechuun hoji gaggeessaan Galmee Dinqisiisoo Afriikaa Obbo Ashannaafii Alam BBCti himan.

Saabom Kamaal Qaasim gama isaaniitin “Waanin eegaa turedha. Waan abjootaafi hawwaa turedha. Gammachuukoo to’achuu dadhabeera. Anaaf waan guddaadha” jechuun gammachuu Galmee Dinqisiisoo Afriikaa irratti galmaa’uu isaatin itti dhagahame hima.

“Namoota biroof fakkeenya ta’uun barbaada” kan jedhu Saabom Kamaal, kana boodas of cimsuun sadarkaa ‘Master’ jedhamurra gahuuf akka hojjetu hima.

Sadarkaa Maastar jedhamurra gahuufis kana booda waggoota 14 itti fudhachuu akka danda’u dubbata.

Haa ta’u malee yeroo ammaatti galii ispoortii ‘Intarnaashinaal Tekwaandoo’ leenjisuun argatuun jireenyasaa akka gaggeessu kan himu Saabom Kamaal hojiinsaa qormaataan kan guutame ta’uu hima.

Hanqinni iddoo leenjiifii meeshaalee leenjiis rakkooleesaa isaan ijoo ta’uu dubbata.

“Hojii biraa hinqabu. Galii ijoolleerraa argadhuun galma ispoortiif kaffalee, kiraa manaaf kaffalee jireenyakoo gaggeessa,” jechuun himeera.

Gama biraatin erga eegalee ji’oota afur kan lakkoofsise Galmeen Dinqisiisoo Afriikaa (African Book of Records) hanga ammaatti dameelee garagaraan namoota 25f waraqaa ragaa kennuusaa, hundeessitoota keessaa tokko kan ta’an fi hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Obbo Ashannaafii Alam himaniiru.