Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Metan ykn feesbuukiin maaliif qabiyyee oduu US haquuf dhaadate?
Kubbaaniyyaa feesbuukii kan ta'e Metan seerri miidiyaa haaraan hojiirra oollaan qabiyyeewwan oduu miidiyaalee US akka haquuf jiru dhaadate.
Akka seera haaraa kanaatti miidiyaaleen US galii qabiyyeewwan miidiyaa hawaasaa kanarratti qoodaman irraa argamu qixa hirachuuf mirga guutuu fi aangoo olaanaa qabu.
Seerri kana fakkaatu bara darbe Awustiraaliyaatti darbee ture, feesbuukiin sababa kanaan qabiyyeewwan miidiyaa biyyattii yeroof akka hin maxxanfamne dhorkeera.
Metan miidiyaalee hedduu hordoftoota dhabanii rakkatan maamilootaan walargarsiisaa jiraachuu himata.
Miidyaaleen kan isaan qabiyyeesaanii maxxansaniif lakkoofsa hordoftootaa ittiin guddifachuuf jedhee amana Metan.
Seerri haaraan Journalism Competition and Preservation Act (JCPA) jedhamuun beekamu kun, jalqaba Seenaatara Minisootaa Amy Klobuchar jedhamaniin Kongireesiif dhiyaate, gamaa gamanaas deeggarsa argate.
Seerichi miidiyaaleen galii beeksisa miidiyaalee hawaasummaarraa argamu qooddachuuf mirgaa fi aangoo olaanaa akka argatan mirkaneesse.
Kubbaaniyyaawwan miidiyaa Metan qabiyyeesaan qoodan irraa galii guddaa argachuun kophaa itti fayyadama jedhanii komatu.
Tibba weerara koronaavaayirasii miidiyaaleen galii dhabanii wayita dhiphatan, Metan bu'aa guddaa buufateera.
Haata'u malee Metan dubbiin kun dhugaa ta'uu haaleera. Inumaa miidyaaleef maamiloota heddumminaan fiduurratti hojjechuu himata.
Dubbi Himaan Meta Andy Stone, ''Kongiresiin seera gaazexeessummaa daba qabu kana yoo mirkaneessee hojiitti hiike nutimmoo qabiyyee miidiyaalee hunda altakkaatti haqna,'' jedhe.
Metan akka jedhutti galiin inni qabiyyeewwan oduu qoodaman irraa argatu galii maddeen kaan irraa argatuun yoo walbira qabamu akkaan muraasa.
Kubbaaniyyaan miidiyaa hawaasummaa guddichi kun bara darbes dhimmuma walfakkaatuun Awustiraaliyaa keessatti qabiyyeewwan miidiyaa haqee ture.
Garuu qeeqi itti hammaannaan tarkaanfii kana kaaseera.