'Itoophiyaan yaaddoo birmadummaafi tokkuummaa daangaa Somaaliyaati'- Pirezidaant Hasan Sheek Mohaammad

Hasan Sheek Mohaammad

Madda suuraa, BBC

Maxxanfame

Pirezidaantin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad "Itoophiyaan yaaddoo birmadummaafi tokkummaa daangaa" Somaaliyaati jechuun Itoophiyaa waliin mariin gaggeeffamu homtuu akka hin jirre dubbatan.

Somaaliyaan birmadummaashee mariif akka hin dhiyeessines himan.

Pirezidaant Hasan Sheek Mohaammad kana kan dubbatan ayyaana Iid al Fixir sababeeffachuun guyyaa Roobii, Ebla 10, haasaa uummata biyyattiif taasisaniini.

Pirezidaantichi haasaa daqiiqaa 24 ta'u kan taasisan yoo ta'u, dhimmoota biyya keessafi naannoo irratti xiyyeeffachuun dubbatan.

Ji'ootan dura dhimma ulaa galaanaa argachuurratti Itoophiyaan Somaalilaand waliin walii galtee wal-hubannoo mallatteessuusheen "Itoophiyaan dhimma birmadummaa koo keessa lixaa jirti" jechuun Somaaliyaan tarkaanfi dippilomaasii garaa garaa fudhataa jirti.

Pirezidaantin Somaliyaa ayyaana Iid al Fixir sababeeffachuun haasaa taasisan kana keessatti waa'ee Itoophiyaas kaasanii irraa dubbataniiru.

“Gaggeessitoonni Itoophiyaa qalbiisaanitti yoo deebi'an isaanif wayya," jechuun rakkoo uumaa kan jiru Itoophiyaa malee Somaaliyaa akka hin taane kaasan.

"Nuti qaama Itoophiyaa ni feena hin jenne. Mootummaa Itoophiyaaf beekamtii hin laannu hin jenne, mootummaa naannoo wajjinis waliigaltee mallatteessina hin jenne," jechuun rakkoon Somaaliyaa bira akka hin taane himan.

Itoophiyaafi Somaaliyaa kan isaan baasu fedhii waloosaanii irratti waliin ta'anii hojjachuu akka ta'e kan himan Pirezidaan Hasan, “Birmadummaa, tokkummaa daangaa keenya mariif kan dhiyeessu fedhii waloo qabaachuu hin dandeenyu," jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hasan Sheek Mohaammad, ‘‘Addunyaatti himaa kan jirru nuti walabummaa fi daangaa Itoophiyaatiif yaaddoo akka hin taaneedha. Isaan garuu akkasiidha. Nutis kun gonkumaa akka umamuuf hin barbaannu’’ jechuun yaaddoo Itoophiyaarra nu mudate jedhan ibsan.

Somaaliyaan Itoophiyaa waliin marii taasisuu akka hin dandeenyeefi walabummaashee mariidhaf kan hin dhiyeessine ta’uu kan dubbatan Pirezidaant Hasan Sheek, ‘‘haasaa ykn marii mormaa hin jirru. Garuu lafa keenya akka fudhatan ykn walabummaan keenya mariidhaaf akka dhiyaatu hin hayyamnu’’ jedhan.

Pirezidantichi adeemsi dureewwan Itoophiyaa hordofaa jiran ‘‘akka isaaniif hin hojjanneefi daandii kanarraa akka deebii’aniif isaan gorsaa jiraachuu’’ kaasaniiru.

Hasan Sheek Mahaammad haasaa kana kan taasisan walitti dhufeenya dippilomaasii biyyisaanii Itoophiyaa waliin qabdu adda kutuudhaan ambaasaadarrii fi dippilomaatoonni Itoophiyaa Somaaliyaa gadi dhiisanii akka bahaniif ajaja erga dabarsanii guyyootaan boodhadha.

Ambaasaadarri Somaaliyaa Itoophiyaatti argamus gara Moqaadishootti akka deebii’aniif ajajamuun ni yaadatama.

Waliigalteen Itoophiyaan Somaaliilaand waliin taasisuun biyyoota lamaan wal dhabdee keessa galche kan Itoophiyaa akka karra galaanaa argattu dandeessisu ture.

Somaaliilaand ammoo bakkasaa Itoophiyaan beekkamtii akka biyyattii lakoofsiisu argachuudhaaf waliigaltee irra gahuu beeksiiftee turte.

Sanadiin waliigalatee wal hubannoo qaamooleen lamaan baatii Amajji 1, 2014 walii mallatteessanis baatii tokko keessatti gara waliigaltee dhaabbataatti jijjiramuun hojiirra oolfamuun guyyaa mallattaa’etti qamooleen lamaan beeksiisanii ture.

Haata’u malee waliigalteen wal-hubbannoo erga mallattaa’ee baatiin afur darbulleen hanaga ammaatti sadarkaan hojiirra olamaasaa maal irratti akka argamu kan ibsame hin jiru.