Sirni awwaalchaa hogganaa Waagner, Yevgeenii Pirigoozhin gaggeeffame

Awwaalcha Yegeenii Pirigoozhin

Madda suuraa, REX/SHUTTERSTOCK

Maxxanfame

Dursaa garee Waagnar kan tureefi torbee darbe kan du'e Yevgeenii Pirigoozhin sirni awwaalchasaa magaala Seent Piitarsbargitti gaggeeffame.

Tajaajilli miidiyaa garee Waagnar akka beeksisetti Pirigoozhin iddoo awwaalcha dhuunfatti awwaalame.

Sirni awwaalchaa kun dhoksaatti kan gaggeeffame yoo ta'u, "kanneen nagaa itti dhaamuu barbaaddan iddoo inni itti awwaalame deemtanii nagaa itti dhaamuu dandeessu" jedhe miidiyaan garichaa.

Garee Waagnar dursaa kan ture Yevgeenii Pirigoozhin gaafa Hagayya 23 naannoo magaala Mooskotti dhiyoo jirtutti michootasaa 10 waliin osoo balaliirra jiruu xayyaarrii kufee caccabee du'e.

Xayyaarri erga kufee booda Pirigoozhin du'uufi dhiisuusaa osoo hin ibsin guyyoota muraasa erga turanii booda ifa taasisan.

Du'uu Pirigoozhiniifi qondaaltota gare Waagnar birootif pirezidaantii Raashiyaa Puutintu harka keessaa qaba kan jedhu tilmaamni jira. Raashiyaan gamasheen du'a qondaaltota Waagnar keessaa akka harka hin qabne waakkatte.

Yevgeenii Pirigoozhin walitti bu'iinsa qondaaltota waraana Raashiyaa waliin qaburraa kan ka'e maqaala Mooskoo qabadhu malee jechuun ji'a Waxabajii keessaa loltoota Waagnar qabatee gara Mooskotti qajeelee ture.

Boodarra dhiiga lammiilee Raashiyaa hin dhangalaasnu jechuun of booda deebi'e.

Pirigoozhin yaaloo Mooskoo humnaan to'achuu erga gaggeessee booda Puutin guyyaa eeggatee haaloo isa bahachuun waan hin oolledha jedhanii kan tilmaaman hedduudha.

Du'a Pirigoozhiniifi nama harkaa mirgaa isaati jedhamu, Dimiitirii Utkin, dabalatee namoota 10 tif mootummaan Raashiyaa harka keessaa qabaachufi dhiisun waanti beekame jiraachuu baatus gareen Waagnar yaalii hokkaraa erga gageessee baay'ee osoo hin turin Pirigoozhiniifi michoonni isaa kan du'an.

Waa'ee sirna awwaalcha Yevgeenii Pirigoozhin ilaalchisee gareen Waagnar ibsa kara miidiyaa hawaasaa Telegiraamii kenneen idoo awwaala dhuunfatti awwaalamuusaa malee odeeffannoo bal'aa hin laanne.

Bakka xayyaarichi itti kufee caccabe

Madda suuraa, Reuters

Marsariitin Raashiyaa MSK 1 jedhamu hojjattoota bakka awwaalchaa waabeffachuun akka gabaasetti sirni awwaalcha Pirigozhin gaafa Kibxata, Hagayya 30 raawwatame.

Akka gabaasa marsariitii kanaatti Pirigoozhin awwaala abbaa isaa cinaatti awwaalame.

Maddi oduu Fontanka jedhamu gabaasetti namoonni heddu awwaalchasaa ilaaluu dhufu sodaa jedhurraa kan ka'e qaamoleen nageenya bakkicha sibiila sakkattaaf gargaarun naanneessanii jiru.

Dubbi himaa Vilaadmir Puutin kan ta'an Dimiitirii Peeskov guyyaadhuma kaleessaa guyyaa kaleessaa sirna awwaala Pirigoozhin irratti akka hin argamne dubbatanii turan.

Gareen Waagnar waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante keessatti gahee guddaa taphateera. Keessumaa lola cimaa baha Yukireenitti ji'a jahaa oliif gaggeessun magaalota akka Soolidaarfi Baakmut fa'aa to'achuu danda'eera.