Michuun Piriigozhiin Dimitrii Utkin fi kanneen xiyyaara kufee caccabe keessa turan eenyudha?

Madda suuraa, GREY ZONE/TELEGRAM
Hoogganaa Garee mindeeffamtoota Waagnar Yevgenii Piriigozhin malee namoonni sagal xiyyaara kufee caccabeen imalaa akka turan aanga’oonni Aviyeeshinii Raashiyaa beeksiisuun ni yaadatama.
Garee mindeeffamtootaa kanatti maqaa 'Waagnar' jedhu itti moggaasuu kan amanamuufi harka mirgaa Piriigozhiin kan ture Diimiitirii Utkiinis imaltoota keessaa tokko ta’utu himame.
Kana malees, garee kanaaf madda maallaqaa murteessaa ture kan jedhamu Vaalarii Cheekaaloobis xiyyaara kufee caccabee sana keessa akka ture Raashiyaan beeksiifte jirti.
Miseensoota garee Waagnariin alattis hojjattoonni xiyyaarichaa sadii xiyyaara kana keessatti kanneen balaa qaqabeen lubbuusaanii dhaban akka ta’e himame.
Ofii imaltoonni kaan eenyu fa’i turan?
Dimitrii Utkin
Haalli gareen Waagnar itti hundeeffamees ta’e seenaansaa icciitiidha. Haata’u malee nama itti siqee qorateef maqaa Dimiitirii Utikiin argachuun hin oolu.
Gaheessa wagga 53 kan ture Diimiitiriin maqaansaa waraanawwan Raashiyaan gaggeessite waliin wal qabatee ni ka’a.
Waraana Raashiyaan bara 1994-2000tti Chichiniyaa keessatti gaggeessiteen goota jedhamee ture.
Dimitiriin bara 2014 dhaabbanni loltoota Waagnar yeroo itti hundeeffamee kaasee waliin ture. Gareen kun mataansaa isaan akka moggaafame amanama.
Waagnar kan moggaafame qindeessaa muziiqaa Adolfi Hiitilar jaalatamaa ta’e Riichaard Waagnar yaadachuuf ture.
Baroota dhihoo keessatti Diimitiriin garee Waagnariifi ajaja kennuu fi leenjii loltummaa itti gaafatamummaa isaa akka ture himama.
Namni kunis suuraalee baayyee hin qabu. Haata’u malee suuraalee isaa argaman keessaa tokko tumaan Niiyoo Naazii qaama isaa irra akka jiru agarsiisa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dimitiriin waa’ee muuxannoo hojiisaa ilaalchiise tarree muuxannoo (CV) intarneetii gubbaatti maxxanseefi marsariitiin Beliingikaat jedhamu qorannoo taasiseen, suuraa isaa kan qoodee bara 2013tti ture.
Haaluma kanaanis Dimitiriin bara 1988-2008tti kutaa odeeffannoo waraana Raashiyaa keessatti tajaajileera.
Hirmaannaa ajaa’ibaa waraanaa keessatti qabaachaa tureenis mootummaa harkaa badhaasawwan akka argate mul’isa. Dimiitiriin odeeffannoowwan kanaanis meeshaalee waraanaa dhokaasuu danda’u akka dandeettiitti kaa’eera.
Dimitiriin erga kutaa odeeffannoo waraanaa gadi lakkiiseen booda ammo nama barbaadamaa ta’e. Baha Yukireen keessatti garee Waagnar deeggartoota Raashiyaa ta’an waliin ta’un bara 2014 keessa loleera.
Waagnar sochii Afriikaafi Sooriyaa keessatti taasiisuu irrattis Dimitiriin hirmaataa ture. Waggaa lamaan duras BBCn gabaasa qorannoo hirmaannaa Waaganar waraana Raashiyaafi Yukireen keessatti qabu irratti hojjateen maqaan Dimitirii ka’eera.
Raashiyaan Waagnar waliin hidhata omaatuu hin qabu jettuulleen, bara 2016tti Dimitiiriin pirezidantii Vilaadmiir Puutiin waliin qophii Kireemiiliin ture irratti suuraa tokko irratti mul’ataniiru. Yeroo sanaan booda Puutiin mootummaan isaa bajata miiliyoonaan lakkaa’amu ramaduun deeggarsa taasisuuf dubbatan.
Vaalarii Cheekaaloov
Vaalarii Cheekaaloov hoogganaa garee Waaganara Piriigoozhiin waliin walitti dhufeenya daldalaa wagga 20 olii kka qabu tilmaamama.
Gaheessii umuriin wagaa 47 Vaalarii Cheekaaloov daldaltoota loltummaan hidhata hin qabne Piriigozhiin irratti hirmaannaa kan qabu yoo ta’u, maalllaqni kunis garee mindeeffamtoota Waagnar deeggaruu faayyidaaa irra akka ooluu warri lixaa ni dubbatu.
Vaalarii Cheekaaloov kaambaanii Eviroo kan Piriigoozhiin waliin hidhata qabuufi waggoota muraasaan dura Sooriyaa keessatti boba’aa fi zayiita oomishuudhaaf waliigaltee mallatteessee ture waliin hidhata cimaa akka qabu himama.
Akka odeeffammoo Ameerikaa irraa argameetti, kaambaaniin kun mootummaa pirezidantii Sooriyaa Baashaar al- Asiid waliin waliigaltee kan waliif mallatteessee yoo ta’u, ‘‘eddoowwan boba’aa Sooriyaa eeguufi oomisha boba’aa argamu keessaa harka 25 argachuufiidha’’ jedha.
Maallaqni waliigalticharraa argamu ammo kanfaltii loltoota Waagnariifii bittaa meeshaa waraanaatiif akka ooluu odeeffannoon gama Ameerikaa irraa argamu ibse.
Cheekaaloov dhaabbilee Waagnar Afriikaa guutuutti qabu akka hoogganu amanama. Namni kunis walitti dhufeenya cimaa Piriigozhiin waliin qabuun wal qabtees Ameerikaafi Yukireeniin dhorkaa irra kaa’ameera.
Kana malees UK dabalatee mootummoonni hedduun dhorkaa irra kaa’aniiru
Miseensoonni Waagnar arfan eenyuu turan?
Namoonni Yevigenii Maakaariyaan, Sargeey Piropustiin, Aleeksaandar Totimiin fi Niikolaay Maatuseeyevi afuris xiyyaara kufee cacabee sana keessa akka turan kan ibsame yoo ta’u, hunduu loltoota Waagnar akka ta’an amanama.
Namoonni kunneenis akka kan Dimiitiriifi Cheekaaloov’tti maqaan isaanii tarree dhorkaa idil-addunyaarratti hin barroofne.
Akkasumas biyyoota wara liixaatiin akka qondaaltoota olaanootti maqaasaanii hin kaafne.
Piriigoozhiin ofiisaa namoota itti dhiyaataniin kan marsu yoo ta’u, keessattuu wali dhabdeen Puutiin waliin qabu cimaa dhufuu hordofee, namoonni arfan akka eegdootasaa dhuunfaatti waliin imalaa jiraachuu hin oolle jedhameera.
Keessattuu namoonni sadanii; Yevigenii Maakaariyaan, Sargeey Piropustiin, Aleeksaandar Totimiin, namoota Yukireeniitti mirgaaf morman biratti loltoota Waagnar jedhamuun maqaansaaii marsariitii odeeffannoo isaanii keessatti hammatameera.
Haata’u malee aanga’oota Raashiyaa biratti Niikoolaayi Maatuuseeyevi jedhamuun namni maqaansaa eerame, tarree loltoota Waagnar keessatti hin hammatamne.
Telegraamiin Raashiyaa tokko gamasaatiin miseensa kutaa waraana Waagnar kan ta’e Nikoolaayi Maatisevichu ta’u danda’a jedheera.

Madda suuraa, Reuters
Hojjattoota xiyyaarichaa sadan
Balaliisaa mummeen xiyyaarichaa Aleeksii Leevishiin, gargaaraa balaliisaa Ruustaam Kaariimoov fi keessummeessituu xiyyaarichaa Kiriistiinnaa Raaspapavaa xiyyaara balaan mudate keessatti hojjattoota xiyyaarichaa lubbuun isaanii darbuun himameedha.
Hojjattoonni balaliinsaa sadan kallattiidhaan kaambaanii Piriigozhiin ykn kaambaanii kan biraa keessatti kan mindeeffaman ta’usaanii akkasumas odeeffannoowwan gara biraa ilaalchisee wanti ifa ta’e hin jiru.
Piriigoozhiin idileedhaan jeetii dhunfaatiin kan imalu yoo ta’u, jeettiin amma balaan mudate kunis kan duraan itti fayyadamaa ture akka ta’e barameera. Xiyyaarichis wagga afuriin dura Ameerikaadhaan dhorkaan irra kaa’amee ture.
BBC’n garuu odeeffannoo gadi fageenyaa hojjattoota xiyyaarichaa argachuun mirkanneeffachuu hin dandeenye. Ta’us, gabaasaaleen maatiiwwan isaanii waliin taasifaman marsariitiiwwan Raashiyaa irratti qoodamaa jiru.
Dubartiin umuriin wagga 39 kan taatee hojjattuun xiyyaarichaa Kirisitiinaan, balaliinsa osoo hin eegaliin dura maatii ishee waliin haasooftee akka turteefi suuraalee ishee miidiyaalee hawaasaa irratti maxxansite akka turte himameera.
Balaliisaa gargaaraan kan umuriin isaa wagga 29 ture Ruustaam, Kaampaanicha keessa kan hojjate baatiiwwan sadiif qofaaf yoo ta’u, wagga afraffaa gaa’ilasaa kan kabajatu dhiheenya akka ture miidiyaaleen Raashiyaa af-gaaffii abbaa isaa waliin taasisaniin gabaasan.
Balaliisaa mummeen, kan umuriin wagga 51 Aleeksii Leevisiin nama gaa’ila dhaabbateefi abbaa ijoollee lamaa kan ture yoo ta’u, umurii isaa guutii aviyeeshiin keessa akka hojjataa ture midiyaaleen Raashiyaa maatii isaa waabeefachuun gabaasaniiru.












