Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Shawaa Lixaa Ammayyaatti namoota 10 galaafateerratti waan hanga ammaa beeknu
Waa’eensaa guddaa kan hin dubbatamne ajjeechaa naamoota nagaa Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Ammayyaa, Ganda Wuuyyee Jabbilaal jedhamuu keessatti raawwatameen namoonni nagaa 10 ajjeeffamuu BBC’n maatii miidhamtootaafi namoota ijaan argan irraa iyyaafateera.
Haleellaan kun ALI Adoolessa 9, 2016 Wixata galgala bakka jiraattotni gandichaa gariin hirribarra jiranitti raawwatame.
Yaa'iin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa tibbana baaseen Godinaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti Waxabajji keessa haleellaa qaamolee hidhataniin raawwateen namoonni baayyee ajjeefamuufi kaan ammoo ukkaafamanii fudhatamuu beeksiseera.
Galgala haleellaan kun raawwate jiraattonni Ganda Wuuyyee Jabbilaal waqtii gannaa kanatti loonsaanii mooraatti galchanii kaan rafaniiru, kaan ammoo maatiin walgahee haasaatti turan jedhu namootni BBCn dubbise.
Ajjeechaa sukkaneessaa qe’ee jiraattotaatti qaamota hidhataaniin qindaa'ee raawwatame jedhame kanaan namootni 10 ajjeefamaniiru.
Obbo Dabbabaa Gaaddisaa jiraataa ganda kanaa yoo ta’an, Abbaasaanii dabalatee miseensonni maatiisaanii sadii haleellaa kanaan jalaa ajjeefamu BBCtti himan.
Gandasaanii kanatti haleellaan hidhattootaan raawatamuun inni miilanaa lubbuu hedduu kan galaafate haata’u malee kan jalqabaatii miti jedhu.
“Baatii 10ffaa gaafa guyyaa sagalii ganduma keenya gooxii Gaalee jedhamturratti nama tokko ajjeesanii, haadha warraammoo miila irraa muranii loon 30 ta’u fudhatanii deeman.”
“Baatii 11ffaa kana gaafa guyyaa sagalii ammas gareen finxaaleyyii Amaaraa kun wal ijaaranii halkan naannoo sa’aatiii 4:30tti dhufanii namoota 10 ajjeesanii deeman.” jedhu.
Namoota haleellaa kanaan ajjeefaman yoo ibsanis, “Kan kiyya abbaakoo ajjeesan, bulchaa gandaa tokko haatii abbaan hin hafne, dubartoonnis ajjeefaman, barataan kutaa 8 baratu tokkos ajjeefameera. Kan madaa’e ammoo namoota sadi,” jedhan.
Namoonni miidhaman sadanis buufata fayyaa naannicha jiru, Hospitaala Ammayyaa fi tokko ammoo gara Finfinneetti akka dabarfames himu.
Haleellaan kun meeshaa waraanaatiin kan deeggarame akka ta’e kan himan jiraataan kun, ganama hafteen rasaasaasaan fayyadaman qe’ee keessatti baayinaan mul’achuus himu.
“Dhukaasatu baname. Kilaashii, bireeniis qabu. Meeshaan bireenii jedhamu akka qaban rasaasni isaan asitti buusan amma nuharka jira. Milishaan hidhatee jiruu tokkoofi obboleessisaa jiraattota kana baraaruuf yaalanis namoota ajjeefamaan 10 keessa jiru,” jedhan.
Aanaa Noonnoo irraa hidhattoota ABO tin buqqaane jechuun hidhannoodhaan Oromoo irratti haleellaa akka raawwachaa jiraniifi yeroo adda addaatti aanicha seenuun miidhaa geessisaa turuus himu.
“Kan nubuqise waraana ABOti jedhu. Oromoon Oromoodhuma kanaafuu warruma kanatu nubuqise jedhanii uummata nagaa miidhu. Sababni biraan kanaaf uummata ajjeesan jennuuf hin jiru,” jedhan.
Namoota ajjeefaman kurnan keessas maanguddoonni umuriin jaaraniifi dubartootanni keessatti argamu.
Aanaa Ammayyaa ganda Wuuyyee Jabbilaalitti namoonni 10 hidhattootan galgala tokko ajjeefaman kunneen Kibxata darbe mana amantaa Goorgisii naannicha jirutti sirni Awwaalcha isaanii raawwatamuus himu.
Haleellaa Wixata darbe galgala raawwatame kanaaan booda gandichi Gadda Guddaa keessa jiraatus ammatti haalla nagaa tasgabbii qabu keessa jiraachuus himu.
Haleellaa lubbuu namoota nagaa galaafate kanarratti kan gaafanne Bulchaan aanaa Ammayyaa Obbo Getaachoo Galaanaa nutti dubbachuuf beellama erga nuu qabanii booda bilbila cufatan.
Kana malees Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa dabalatee Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa irraa dhimma ajjeechaa kanaa iyyaafachuuf yaaliin goone nu hin milkoofne.
Jiraataan biraa maqaan isaanii akka ibsamu hin barbaanneefi firoonnisaa haleellaa kanaan ajjeefamuu dubbatan, haleellaa kana kan raawwate hidhattoota Amaaraa godina Guraagee irraa achi-cehanii dhufaniin jedhu.
“Afaan Amaaraa dubbatu ‘Kifat kifat’ jechaa turan. Duraanis doorsisa gaggeessaa kan turan hidhattootuma Amaaraa kana. Bilbilaan doorsisa guddaatu ture,” jedhan.
Kanaan dura naannichatti waan mudate
Shawaa Lixaa aanaa Noonnootti 'finxaaleyyiin Amaaraa' haleellaa mana cidhaarratti raawwataniin yoo xiqqaate namoota 24 ajjeefamuu tibba sana Komand Postiin aanichaa Obbo Tashoomaa Sobboqaa BBCtti himanii ture.
Obbo Tashoomaan haleellaan sunis guyyicha gara bariirra raawwatamuu himan.
Haleellaa sunis 'finxaaleyyii Amaaraa' raawwachuu kan himan Obbo Tashoomaan, "namoonni ajjeffamanis osoo mana cidhaa jiranii duubaan mana itti cufuun boombiidhaan haleeluun akka ta'e gabaasuun keeny ni yaadatama.
Taatee sanaanis warra birmannaa dhufan ammoo alatti rasaasaan haleeluufi namni manicha keessaa bahe tokkoyyuu akka hin turre himan. ''Achuma keessatti gubatan. Homtuu hin hafne. Mushurraafi misirrittii dabalatee maatiinsaan waliin manicha keessa turan hunduu achumatti du’aniiru'' jedhanii ture Obbo Tashoomaan.
''Reeffa adda baasuun hin danda’amne. Reeffa namaa adda baasuuyyuu miti kun muka gubatenuu adda baasuun rakkisaadha.’’
Ajjeechaa namootarra raawwatameen alattis manneen naannoo sana jiran 22 ol tahanis gubamusaa hima Obbo Tashoomaan.
Shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo keessaa ganda Biiftuu Jaalalaa bakki haleellaan kun itti raawwatme kunis kan gara daangaa Uummattoota Kibbaa gara Guraageetti akka dhiyaattu himan Obbo Tashoomaan.
Namoonni haleellichaan du’an ammatti gara 24 tahuu dhageenye. Garuu manneen naannichaa gubatan keessas namoonni du’na jiraachuu waan danda’uuf ragaa lakkoofsi namoota yeroo ajjeeffamanii sana caalu akka danda'an illeen kaasanii ture.
'Waxabajji keessa Oromiyaatti ajjeefaaafii butamuun dabale'
Haaluma walfakkaatuun Godinaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti lakkoofi namoota ajjeeffamaniifi butamanii dabaluu Yaa'iin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibse.
Horro Guduruu Wallaggattii fi Arsii Bahaatti Waxabajji keessa haleellaa raawwateen namoonni baayyee ajjeefamuufi kaan ammoo ukkaafamanii fudhatamuu jedhe
Dhaabbatichi ALI Adoolessa 11, 2016 ibsa baaseen, godina Arsii Bahaa aanaa Shirkaatti humnoonni hidhatan Waxabajjii 6 hanga 23, 2016tti gandoota garagaraa keessatti haleellaa raawwataniin yoo xiqqaate namoonni 10 ajjeefamaniiru jedhe.
Dabalataanis namonni 20 ol butamanii achi buuteensaanii akka hin beekamneefi namoonni danuunsi haleellaa raawwatamu sodaachuun naannoo gadhiisanii adeemuuf akka dirqaman ibsameera.
Akkasumas gandoota lama godina Arsii Bahaa aanaa Hexosaatti argamanitti hidhattoonni haadhaafi abbaa yoo ajjeesan namoota sadii immoo butanii baduufi jiraattonnis qe'ee isaaniirraa buqqa'uu odeeffachuu dhaabbatichi himeera.
Haaluma wal fakkaatuun naannichatti godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuu, Aanaa Abee Dongoroo, Amuruufi Jaartee akkasumas Shawaa Lixaattimmoo Aanaa Ammayyaa, Noonnoofi Meeccaatti walitti bu’iinsa ALI Waxabajjii 20 hanga 30 Bara 2016 humnoota nageenyaa mootummaafi hidhattoota naannicha keessa sosso’an gidduu tureen miidhaan gaheera jedheera.
Walitti bu’iinsa kanaan lakkoofsi namoota ifatti hin ibsamneerratti ajjeechaa, ugguruu fi butanii dhabamsiisuun raawwateera jedhe.
Hawaasni naannichaas dhamaatiifi dararaa olaanaaf waan saaxilameef qe’ee dhiisee buqqa’uuf dirqamuu beeksiseera.
Qaamoleen mootummaa federaalaafi naannoo badiiwwan naannoo isaanii keessatti raawwatan kana dhaabsisuuf sadarkaa barbaadamuun sochii hin goone jechuun qeeqe.
Kanaanis, rakkinichi babal’ataa ummata rakkoo jabaarra buusaa jira jedhe.
Dhaabbatichi, gochawwan lubbuufi nageenya namoota hedduu balaarra buusaa jiru jedhe kana aangawoonni federaalaafi Oromiyaa nageenyaafi tasgabbi lammiilee dirqama kabachiisuu waan qabanif dirqama kana akka bahanis waamicha taasiseera.