Puutin Yukireen haleeluu cimsuuf dhaadatan

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaafi Yukireen guyyoota muraasa dura xiyyaaraan erga wal haleelanii booda Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Yukireen haleelu cimsuuf dhaaddatan.
Puutin hospitaala waraanaa wayita daaawwatan ‘’Raashiyaan bu’uuraalee waraana Yukireen haleelurratti qiyyaafachuu itti fufti," jedhan.
Haleellaa xiyyaaraa Yukireen magaalaa Raashiyaa Belgorooditti raaawwatte "haleellaa itti yaadamee namoota nagaarratti raaawwatame’’ jedhan.
Haleellaa Belgorooditti Sambata darbe raawwatameen namoonni 25 ajjeefamuu qondaaltoonni naaannichaa himaniiru.
Puutin Wixata darbe kana loltootatti wayita dubbatan waraanichi gara Raashiyaan feetutti jijjirameera jechuun waraanicha goolabuu barbaadde akka turte garuu haala Raashiyaa akka goolabmu barbaaddu qofaan ta’uu eeran.
Puutin itti dabaluun ibsa kennaniin, deeggartoonni Yukireen, warri Lixaa waraanichi akka hin xumuramne gufuu guddaa ta'uu ibsuun, garuu Raashiyaa ''balleessuu'' akka hin dandeenye hubachuu waan jalqabaniif haasaan isaanii jijjiiramuu eegaleera jedhan.
Pirezedantiin Yukireen Voloodmiir Zelenskii af-gaaffii barruu The Economist waliin taasisaniin himannaa irratti dhiyaate kana mormuun, yaadni Puutin Raashiyaan waraanicha injifachaa jirti jechuun dhiyeessan ''miira'' qofa jedhan.
Lakkoofsa lammilee Raashiyaan Yukireen keessatti miidhamaniirratti kan xiyyeeffatan Zeleniskiin humnoonni nu morman bara 2023 magaalaa guddaa tokkollee fudhachuu hin dandeenye jedhan.
Zeleniskiin biyyoota Lixaa michuu Kiyiiv ta’anitti mufachuu ibsuun, miirri muddamaa isaanitti hin dhagahamaa hin jiru jedhan.
Hoggantoonni biyyoota lamaanii kanaan dura ergaa bara haaraa dabarsaniiru.
Dilbata darbe Puutin loltoota Raashiyaa waraana Yukireen keessatti hirmataan ''gootota'' jechuun leellisan.
Jalqaba bara 2024tti haasaa Zeleniskiin taasisani, lakkoofsi meeshaalee waraanaa biyyattiin oomishtu akka malee akka dabalu waadaa galan - yoo xiqqaate diroonii miliyoona tokko ijaaruuf waadaa galaniiru.
Raashiyaaa fi Yukireen guyyoota muraasa darban walitti dhuukaasa turan.
Yukireen magaalota Raashiyaanirraa fudhattee kanneen Doonesk keessatti argaman bara haaraa kanatti haleelu qondaalonni Mooskoon muudde himaniiru.
Haleellaa kanan namoonni afur ajjeefamuun, 13 madaa’an.
Sambata darbe humnoonni Yukireen Kibba-Dhiha Raashiyaa, keessattuu Belgirood kan haleelte.
Puutin haleella Belgorood "haleellaa shororkeessummaati" jedhanii qeeqan.












