Raashiyaan guutummaa Yukireen irratti haleellaa misaa'elaafi diroonii bante

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaan halkan Jimaatatti bari'u magaalaalee Yukireen hedduurratti duula haleellaa qilleensaa jabaa raawwatte.
Magaalaaleen akka Kiiv, Odeesaa, Kirkiiv fi Liviiv diroonii fi misyaalootaan haleelamuu hordofee guutummaa Yukireen keessatti sagaaleen akeekkachiisa haleellaa qilleensaa gadhiifameera.
Pireezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii yaada X gubbaa maxxansaniin dhaabbileen tajaajila uummataaf oolan haleellaa Raashiyaan miidhamuu dubbatan.
''Raashiyaan har'a meeshaalee waraana qabdu hundaan haleellaa raawwatte'' kan jedhan Zeleniskiin, ''waliigalatti misaayelootni 110 Yukireenitti dhukaafamaniiru, isaan keessaa irra hedduun qolamaniiru'' jedhan.
Gabaasa hanga Jimaata sa'aa laaqanaa baheen magaalaa guddoo Kiiv dabalatee magaalaalee haleelaman keessatti namootni ajjeefaman 12. Haata'u malee lakkoofsi kun yeroo yeroon dabaluu akka danda'u gabaasameera.
Haleellaan Raashiyaa yeroo dhiyoo as isa ''jabaafi qindaa'aadha'' jedhame kun Yukireen doonii waraanaa Raashiyaa naannoo buufata doonii Fe'uwdoosiyaa jedhamutti haleeluu hordofeeti.
Dubbii himaan Humna Qilleensaa Yukireen Yuriyaa Ihnaat Raashiyaan misaayeloota Haayipersoonikii, kiruusiif baalastikii dabalatee misaayeloota qolachuuf raakkisan dhukaafte jedhan.
''Akka kanatti yeroo tokkotti haleellaa bakka garaagaraa rukute arginee hin beeknu'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Magalaa guddoo biyyattii Kiiv keessatti namootni lama ajeefamanii, 17 madaahuu aanga'oonni himaniiru.
Haleellaa kanaan ''bulchiinsa Yukireen keessatti haleellaa qilleensaa raawwatame isa hammaataa'' ittiin jedhaniiru.
Buufatni baaburaa laf jalaa dahannoof fayidaarra oolaa ture rukutameera, bakka hedduutti ibiddi ka'ee, gmoowwanis ibiddaan qabataniiru.
Kirkiivitti namni tokko, Deproopertroovisk keessatti namootni afur, Odeesaatti namootni lama, Liviiv keessatti ammoo namni tokko ajjeefamuu aanga'ootni himaniiru.
Haleellaa kanaan iddoowwan daldalaa fi hospitaalotni xiyyeefatamaniiru jedhameera.
Haleellaan Raashiyaa inni akkaan jabaadha jedhame kun kan dhagaahame Ameerikaan deeggars doolaara miiliyoona 250 kan meeshaalee ittisa haleellaa qilleensaaf oolu of keessaa qabu raggaasisuun erga mirkanaa'ee, Zeleniskiinis arjooma kanaaf USn erga galateeffatanii tokko buleeti.
Gorsaan pireezidant Zeleniskii Telegiraam gubbaatti yaada maaxxanseen ''Shororkeessumma akana dhaabuuf deeggarsaafi cimana barbaannu addunyaan arguu qaba'' jedhe.















