Intalli guddistuudhaan maatii jalaa hatamte waggaa 51 booda argamtee maatiitti makamte

Intala warra jalaa baddee waggaa 51 booda argamte

Madda suuraa, SHARON HIGHSMITH (FACEBOOK)

Maxxanfame

Dubartiin waggoota 50 ol dura guddistuudhaan maatiishee jalaa hatamtee achi-buuteen dhabamee ture karaa qorannoo qaccee sanyii (DNA)tiin maatiishee sirriitti deebitee makamte.

Daa’imni yeroo sanaa, amma dubartii umurii wagga 53 taate Meliisaa Hayismiiz, bara 1971 ture waggaa lama guutuuf ji’oonni lama yeroo ishee hafanitti hojjettuu manaa ishee guddistuun kan hatamte.

Ameerikaa kutaa bulchiinsa Teksaas keessatti magaalaa argamtu Foort Woorz keessatti waggaa 50 dura maatiisheerraa adda kan baate Meliisaan, umurii maanguddummaatti deebitee maatii irraa dhalatte waliin wal arguu dandeesse.

Erga Meliisaan jalaa hatamtee maatiiin ishee intala isaanii arganii deebifachuuf wanti isaan hin godhiin hin turre.

Amma garuu saamuda qaccee sanyii (DNA) fuula weebsaayitii hidda sanyii dhalootaa adda baasuuf ergameen DNA'n wal fakkaatu argamuu isaatiin Meliisaan maatii ofii argachuu dandeesseetti.

Yeroo dheeraatiif maqaa ‘Meelaanii’ jedhuun waamamaa kan turte Meliisaa Hayismiiz, amma maqaashee jijjiirachuudhaaf karoorfatteetti.

Icciitiin maatii waggoota dheeraatiif fala osoo hin argatiin ture kan eegale Hagayya bara 1971 keessa ture.

Bara sanatti haati Meliisaa Appaatenkoo gaazexaa irratti beeksisa baastee mucaasheef guddistuu qacarte.

Guddistuun daa’ima kana fudhattee miliqxe jedhamte kun kunuunsitee guddisuuf waadaa seentee ture kan qacaramte.

Haata’u malee, daa’ima kana fudhattee waan baddeef maatiin poolisii naannootii hanga federaalaatti iyyachuun barbaachashee bakka isaan hin gahiin hin turre.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maatiin abdii osoo hin kutiin hanga wagga 50 oliitti itti fufanii dhala isaanii barbaaddatan kunneen, Fulbaana darbe, odeeffannoo xiqqoo Meliisaan Kaarolaayinaa Kibbaa keessa jiraatti jedhu argatanii hordoffii isaanii cimsanii itti fufan.

Barri dhufee darbus barbaachi yeroo itti fufu, maqaashee Meelaanii Waalden kan jedhutti kan jijjiirame Meliisaa Hayismiiz, maatii ishee argachuudhaaf ishee barbaadan akka jiran tasuma hin beektutuyyu ture.

Maatiin carraa jiru mara gargaaramuun dhala isaanii barbaadaa turaniiru.

Yeroo tokko ammo "Meeliisaa carraaqqiin karaa Facebook argachuuf taasisan intala isaanii qaqqabullee, isheen garuu waliin dhahuu miidiyaa hawaasummaarratti deemaa jiru ta’a,'' jettee dhiiste.

Dhumarratti qorannoo qaccee sanyii (DNA)'tiin maatiin gargar bade kan walitti fidu weebsaayitiin “23ANDME” jedhamu iccitii jaarraa walakkaaf fala dhabe fureera.

Gargaarsa ogeessota reefu hidda sanyii qorachuurratti bobba’aniin bu’aa argame hubachuudhaan ijoollee Meeliisaan horattes maatii bal’aatti makamuu danda’aniiru.

Maatiin karaa barbaacha poolisiitiin ykn tooftaa biroon osoo hin taane Meeliisaa kan argatan karaa shakkii kan hin qabne qorannoo DNA'tiin kan mirkaneeffatan ta’uu fuula Facebook isaaniirratti barreessaniiru.