Atakaaron magaala Bishooftufi Waldaan Qaala Hiwootii gidduutti mudate maali?

Kanneen komii qaban ibsatan

Madda suuraa, Kale Hiwot Church & Bishoftu Communication

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Dhiyeenya kana miidiyaa hawaasaa gubbaatti Bulchiinsi Magaala Bishooftuu waldaa amantoota wangeelaa Qaala Hiwotii irratti "daba hojjataa jira" jedhu amantoota wangeelaa heddu biraa dallansuu uumaa jira.

Amantoonni Waldaa Qaale Hiwootifi waldaalee warra wangeelaa kaanis barreeffamoota "waa'ee Waldaa Qaale Hiwoot Kurriftuu cal hin jedhu", "Haqni Waldaa Qaale Hiwoot Kurriftuu dhokachuu hin qabu" jechuun miidiyaa hawaasaa gubbaatti osoo duula gaggeessanuu ni mul'atu.

Bulchiinsi Magaala Bishooftuus fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbatti ergaa barreessen, "Waldaan Qaala Hiwoot Itoophiyaa qabeenya uummataafi mootummaa duula miidiyaa gaggeessun qisaasessuuf yaalun sirrii akka hin taane hubattee waamicha duula miidiyaa bulchiinsa magaalichaa [Bishooftuu] irratti waamte irraa akka of-qusatti kabajaan beeksisna" jedha.

Waldaa Qaala Hiwootii Kurriftuu magaala Bishooftuutti argamtu maaltu mudate? Bulchiinsa magaala Bishoofturratti komiin maalif gaggeessite? kana jedhu barreessaa Waldaa Qaala Hiwootii Itoophiyaa kan ta'an Dr. Simi'oon Mulaat dubbisneerra.

Bulchiinsi Magaala Bishooftuu qabiyyee waldattii kan ta'e lafa kaaree meetira 40,000 dabarsee abbootii qabeenya dhuunfaf kennuu BBCtti himan.

Akka isaan jedhanitti bara Dargii keessa waldattiin hojiiwwan misoomaa hawaasa naannichaa fayyadan kanneen akka jallisii (drip irrigation) biqiltuuwwan bareedina magaalaf oolan omishuufi wiirtuwwan deeggarsaa kanneen akka kilinikaafi iddoo bashannana ijoollee maatii hin qabneef jecha lafa kaare meetira 500,000 mootummaarraa waldattiin mootummaan kenneef.

"Lafichi kan nuuf kenname bara 1981 [ALItti]. Kan mootummaarraa fudhanne lafa kaaree meetira 500,000. Hundisaa lafa qofa osoo hin taane qaama bishaaniis [haroo] qaba," jechuun achi keessaa kaare meetirri 161,000 qaama bishaanii akka ta'e dubbatu.

Yeroo mootummaa Dargiirraa hayyamsiisanii fudhatan qarqara bishaanii ta'uusaarraa kan ka'e biqiltuu dhaabanii akka misoomsan mootummaarraa ajaja kennameen lafa duwwaa biqiltuu dhaabun gara magarrisatti akka jiiraniifi achi keessatti qonna ammayyaa, horsiisa lukkuufi wiirtuwwan deeggarsa hawaasa harka qaleeyyiif tajaajila kennan waldattiin ijaartee hojjataa akka turtes kaasu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan Dargii erga kufee booda bara Caamsaa 25, 2003 ALItti kaabineen Magaala Bishooftuu bakka amma falmiin irratti ka'e kan Waldaa Qaala Hiwootii ta'uu murteessun xalayaa gaafa Waxabajjii 16, 2003 ALItti barraa'en waldattiif beeksifamuu ibsi Waldaan Qaala Hiwootii miidifaa kenniterraa ni mul'ata.

Haa ta'u garuu lafa kaaree meetira 500,000 keessaa Giddu Gala Kurriftuu Waldaa Qaala Hiwotif kaartan kan kenname kaaree meetira 286,000 irratti qofa akka ta'eefi kan hafe garuu saayit pilaanii akka ta'e himu Dr. Simi'oon.

"Bakkeewwan sadi hafan: bakka waldaa, kilinikaafi buufata fayyaa saayit pilaanidhaan nuuf kenname. Maqaa keenyan hojjatame, chaappaa qaba, kaabineedhan murtaa'e," jechuun qabeenya waldattii ta'uusaa ragaa qabna jedhan kaasu.

Duraanuu giddu gala kana keessaa iddoon boqonnaa (guest house) jiraachuu kan himan Dr. Simi'oon, haala magaalattii madaalun risoortii ammayyaa ijaaruf Waajjira Pilaanii Konistiraakshinii magaala Bishooftuu bara 2014 ALItti hayyama ijaarsaa argachuun waldattiin ijaarsa jalqabdee osoo jirtuu bulchiinsi magaala "qabeenya keessan miti" jechuun ijaarsa akka dhaabsise kaasu.

'Bulchiinsi magaala Bishooftuu murtee mana murtiirra darbee qabeenya waldaa abbaa qabeenyaf kenne'

Bulchiinsi Magaala Bishooftuu hayyama ijaarsaa waldattiif kennee ijaarsi yeroo jalqabu, humnaan dhaabsise jechuun komatu Dr. Simi'oon.

Dhimmi 'iddoo qabiyyee' Waldaa Qaala Hiwootii magaala Bishooftuu hara Kurriftuu cinaatti argamuu waggoota lamaan darbanii amantoota warra wangeelaa biratti ijoo ta'ee ka'aa ture.

Bara kana MM Abiy Ahmad gaggeessitootafi bakka bu'oota waldaalee warra wangeelaa waajjirasaanitti yeroo waamanii haasofsiisan, hirmaattonni waa'ee dhiibbaa amantoota warra wangeelarra gaha jedhan keessaa tokko "Magaala Bishooftutti qabiyyeen Waldaa Qaala Hiwootii seeran ala irraa fudhatame akka deebii argatu" gaaffii MM Abiyyiif dhiyaate keessayi.

Barreessaa olaanaa Waldaa Qaala Hiwootii kan ta'an Dr. Simi'oon BBCf yaada kennaniin Bulchiinsi magaalichaa adeemsa seeraa osoo hin hordofin mooraa Giddu Gala Waldaa Qaala Hiwootii seenun ijaarsa dhaabsisanii hojjattootarratti doorsisa akka raawwatan kaasu.

"Nutis achi keessatti iddoo boqonnaa [guest house] kan hojjanne qabna. Isa babal'isnee bifa magaalattii madaalun hojjanna jennee pilaanii hojjachiifnee Bulchiinsi magaala Bishooftuu qaamni hayyama kennu hayyama ijaarsaa nuuf kenne."

"Baankirraa liqii yeroo gaafannuyyuu deeggarsa nuuf barreessanii ture. Qabeenyawwan lafasanarra jiran qabsiifneti baankirraa liqii kan fudhanne. Hojii [ijaarsaa] akkuma jalqabneen dhufanii dhaabaa nuun jedhan. Lafti kan keessanii miti nuun jedhan," jechuun bulchiinsi magaalichaa hojii akka dhaabsise.

Tarkaanfii magaalichi fudhate hordofee waldaattiin bulchiinsa magaalaa Bishooftuu irratti himannaa banuun waggaa tokkoof falmiin erga gaggeeffamee booda Manni Murtii Godiina Shawaa Bahaa Waldaa Qaala Hiwootif akka murteesse himu Dr. Simi'oon.

"Bakki kun kan keenya jennee mana murtiitti himanne. Manni murtiis bakkichi kan Qaala Hiwootiti jedhee murteesse," jechuun bulchiinsi magaalichaa ajaja mana murtiirra tarkaanfachuun qabeenya waldattii kaare meetira 40,000 ta'u abbootii qabeenyaf dabarsee kennuu ibsu.

Waldaan Qaala Hiwootii Itoophiyaa ibsa miidiyaalef kenname jechuun fuula miidiyaa hawaasaashee gubbatti baaste irraa akka mul'atutti, Manni Murtii Olaanaa Godiina Shawaa Bahaa dhaddacha gaafa Mudde 13, 2015 ALItti taa'en Waajjirri Bulchiinsafi Itti Fayyadama Lafaa Magaala Bishooftuu seeran ala qabeenya waldattii keessa seenuun sirrii akka hin taanefi qabeenyicha gadhiisaa akka bahu ajaja kenneera.

Haa ta'u garuu, BBCn ajaja manni murtii kenne jedhame kana dhugaa ta'uu isaa hin mirkaneeffanne.

Himannaa waldattiin dhiyeessitu ilaalchisee Bulchiinsa Magaala Bishooftutti bilbillus deebii argachuu hin dandeenye.

Kantiibaa ittaanan Magaala Bishooftuu nutti dubbachuuf nu beellamanii irra deddeebin bilbillus bilbila hin kaasne.

Kaawunsiliin Waldaalee Amantoota Wangeelaa Itoophiyaa gaafa Adoolessa 4, 2016 ALItti ibsa miidiyaaleef kenneen Bulchiinsi Magaala Bishooftuu 'tarkaanfii seeran alaa faallaa heera mootummaa' Giddu Gala Kurriftuu Waldaa Qaala Hiwootii irratti gaggeessu akka dhaabu waamicha godhee ture.

Bulchiinsi magaalichaa ibsa kaawunsilichi baase hordofee deebii kenneen 'heera mootumma ni kabajame malee hin cabne' jedhe.

Waajjirri Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaala Bishooftuu fuula Facebook isaarratti ibsa baasen, duula miidiyaa maqaa amantiin magaalattii irratti gaggeeffamu akka balaaleffatu ibsuun lafa waldattiin seeran ala osoo hin misoomsin waggaa 40f teessiste misoomaf akka oolu gochuu beeksise.

"Lafa seeran ala osoo hin misoomin yeroo dheeraf ture kaaree meetira 280,000 misoomaf akka oolu gochuun heera mootumaa kabachiisufi kabajuudha malee waan nama komachiisu miti," jechuun waldattiin waggaa 40f laficha osoo hin misoomsin tursiisuu ibsa.

Bulchiinsi magaalaa "lafa seeran ala" osoo hin misoomin qabamee waggoota heddu ture misoomaf akka oolu gochuu beeksisus waldattiin qabiyyee ishee ta'uufi manni murtii qabiyyee ishee ta'uu mirkaneessun akka murteessef falmiti.

Koreen MM Abiy Ahmad hundeessan dhufee ilaalee deebii osoo eegaa jirruu...

Waldaan Qaala Hiwootii lafa waggaa dheeraf harka ture Bulchiinsi Magaala Bishooftuu ajaja mana murtiirra darbee irraa fudhachuu hordofee Waajjira Muummicha Ministeerafi mootummaa naannoo Oromiyaattis iyyachuu ibsiti.

Barreessaa Olaanan Waldaa Qaala Hiwootii Itoophiyaa Dr. Simi'oon akka jedhanitti, bulchiinsi magaalichaa ajaja mana murtii kabajuu diduu hordofee wajjira MM Abiy Ahimaditti iyyachuun koreen hundaa'ee gara Bishooftuu deemun dhimmicha ilaalee akka deebi'e himu.

"Jalqaba iddoon kun keessan miti jedhan, anni murtii garuu kansaaniti jedhee [nuuf] murteesse; booda hojii gaafa eegaluuf jennu xalayaa biraa [buhlchiinsi magaalaa] fidanii dhufan. Maastar pilaanin magaalaa bahaa jira waan ta'eef, waa'en dhimma bakkichaa hanga adda bahutti hojii kamiyyuu dhaabaa kan jedhu xalayaa fidan."

"Hojii hayyama ijaarsaa nuuf kennanii liqii [baankirraa] liqeeffanne jalqabne dhaabaa nuun jedhan. Boodarra laficharraa kutamee abbootii qabeenyaa lamaaf kaartan irratti hojjatameera kan jedhu dhageenye," jechuun osoo waldattiin hin beekin qaama biraaf dabarfamee akka kenname kaasu.

Marii ji'ootan dura MM Abiy Ahmad gaggeessitoota waldaalee amantoota wangeelaa wajjin taasisan irratti dhimmi Giddu Gala Kurriftuu kan Waldaa Qaala Hiwootii ta'e akka ijootti ka'uun MM Abiy gaafatamanii ture.

"Koreen Muummen Ministeeraa hundeessan Bishooftuu dhufee kantiibaa magalattiifi bulchiinsa isaanii akkasumas nu haasofsiise. Bakkichas qaaman deemee ilaalee gama lamaanirraayuu odeeffannoo sassaabatee yaada murteef ta'u fudhatee deeme [gara Finfinneetti]," jechuun osoo deebii koree MM Abiy hundeessan eegaa jiranuu bulchiinsi magaalichaa lafa waldattii dabarsee abbootii qabeenyaf akka kenne kaasu Dr. Simi'oon.

Akka isaan jedhanitti bulchiinsi magaalichaa abbootii qabeenyaf osoo hin kennin waldattiin akka irratti misoomsituuf carraan hin kennamneef. Bakka qabiyyee dabarfamee kennamees bakka biraatii waldattiif lafti jijjiirran kenname hin jiru.