Jarman kaanaabisii bashannanaaf fudhatamu seera-qabeessa goote

Maxxanfame

Paarlaamaan Jarman seera haaraa bashannanaaf baala sammuu hadoochu kaanaabisii fayyadamuu deeggaru raggaase.

Seera haaraa kanaan, lammileen biyyattii umriin isaanii 18 ol tahe kaanaabisii hanga hedduu qabachuu danda'u. Haatahu malee seerri kun oomisha kana akka salphaatti hin binne daangessa.

Kaanaabis ykn oomisha baala kanaa maariwaanaa jedhamu kana, Ebla 1 irraa eegalee bakka uummanni walitti qabamu hedduutti aarsuun ni heeyyamama.

Bakka uummanni walitti qabamutti hanga giraama 25 baatanii socho'uun ni heeyyamama. Kana jechuunis maariwaanaa cimaa aarfamuu danda'u kurnanitti lakka'amu irraa tolchuun danda'ama.

Mana dhuunfaa keessa taanaan ammoo hanga girmaa 50 qabachuun kan heeyyamamu ta'a.

Baalli sammuu namaa hadoochu kun gosa akka akkaa kan qabu ogguu tahu, Itoophiyaa dabalatee gaanfa Afrikaatti maqaalee hashishii, baangii, maariwaanaa, fi kaaniin beekama.

Naannichatti yeroo garagaraattis aanga'oonni mootummaa daddabarsa oomisha kanaan walqabatee, namootaafi oomisha kana hedduu to'atu.

Jarmaniitti amma dura seerri fayyadama qorichoota sammuu hadoochuu dhorku turuus, dargaggoota biratti waggoota dabraniif akkaan dabaluu aanga'oonni fayyaa dubbatu.

Seerri haaraa kun akka bahuuf kan dhiibaa jiran ministirri fayyaa biyyattii Karl Lauterbach, fayyadama seeraan alaa fi gabaa gurraachaa hir'isuu barbaadu.

Kana malees seera qabeessa taasisuun, kanneen aarsan oomishaalee miidhaa qabu akka fayyadamne baraara jedhu. Dabalataanis, garee wanbadootaa daldala kana keessaa harka qabanirraa galii cufuus fedhii qabu.

Seerri haarayaa bahuun kun, battalumatti kaaffeen kaanaabisii biyyattii keessaa banamu jechuu miti.

Jarmaniitti kaanaabisii seera qabeessa gochuu fi dhiisuu irratti baroota dheeraaf falmiin cimaa gaggeeffamaa ture.

Gareen hakiimootaa yaaddoo dargaggootaaf qaban ennaa ibsan, paartileen siyaasaa gama mirgaa (conservatives) jiran ammoo, seericha laaffisuun fayyadama dabala jedhu.

Falmii dheeraan booda paarlaamaa Jarman Bundastaag keessatti, seerri kun deeggarsa 407 fi mormii 226'n ragga'e.

Miseensi paarlaamaa paartii mormituu warra mirgaa CDU irraa Simone Borchardt, mootummaan seera "tasumaa barbaachisaa hin taaneefi burjaaja'aa tahe" kana itti adeemuu isaa morman.

Aadde Simoon, doktaroonni, poolisii fi ogeeyyiin xiinsammuu akeekkachiisa kennuusaanii eeran.

Iddoowwan kanneen akka dhiyeenya manneen barnootaa fi ispoortiitti ammallee kaanaabisii aarsuun ammallee seeraan aladha.

Dhimmi ijoo garuu, gabaan baala kanaa ciminaan kan to'atamu ogguu tahu, oomisha kana salphaatti bituun ni cima.

Namni dhuunfaa kaanaabisii ofiisaa dhaabee biqilchuu danda'a jedhameera. Mana tokkotti biqiltuu hanga sadii tahu dhaabuun ni heeyyamama.

Gama kaaniin, mormitoonni paartilee 'rincicootaa' bara dhufu keessa teessoo mootummaa argannaan, seera kana guutummaatti akka haqan himaniiru.