Waggaa 40ffaa Israa'el Yihuudota Itoophiyaa icciitiin baaste yeroo yaadatamu

Beeta Israa'eloota

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Yeroonsaa waggaa 40n dura. Ministirri Mummee Israa'el yeroo sanaa yaada tokko dhaabbata basaasaa biyyattii Moosaadiif dhiyeessan. Kunis Yihuudota Itoophiyaatti argaman ergama icciitiin baasuudhaan gara Israa'elitti fudhachuu ture.

Karoorri kunis milkaa'ee kanneen gara kuma saddeet ta'an Itoophiyaa keessaa baasuun gara Sudaaniitti ceesisuun, booda ammoo gara biyya baha jidduugalaa Israa'elitti erga fudhatamanii waggaa 40 guuteera.

ALI bara 1977tti beela hamaa Itoophiyaa mudateen alatti waraannis baayyee buqqaaseera. Baqattooti kumaatamaan lakkaa'amanis gara Sudaaniitti godaanan.

Yeroo sanatti ture Yihuudoti Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman naannoo kaaba Itoophiyaa keessa jiraataaa turan ka'uun Sudaan kan gahan. Ummanni kunis buufata godaantootaa Sudan gahuuf miilaan torbanootaaf imalan.

Bu'aa bahiin kunis lubbuu namoota hedduu dabarseera. Baqannaarratti maatiin ijoolleesaanii du'aan dhabaniiru. Ijoolleenis maatii malee hafaniiru.

Gara biyya abdii kan jedhaniin Israa'el gahuudhaaf qabeenyasaanii muraasa qofa qabachuun kiilomeetira dhibbaan lakkaa'amu miilaan imaluuf dirqaman. Imala kana miila qullaa deemuuf kan dirqamanis xiqqoo hin turre.

Imala sanarratti namoonni hanga kuma afur ta'an lubbuu akka dhaban tilmaamama. Buufata godaantotaa keessattis nyaanniifi qorichi gahaan hin turre.

Yihuudoti Itoophiyaa kunneenis buufata keessa baatiiwwaniif erga turanii booda 'Duulli Musee' eegaluun Yihuudoti Beet-Israa'el kumaatamaan lakkaa'aman gara Israa'eliitti ittiin fudhataman.

Beeta-Israa'eloonni kunneen erga Sudaan qaqqabanii booda dhaabbata tika Israa'el Moosaad waliin quunnamtii taasifameen karoorri tokko baafame.

Karoorri kunis kan wixineeffamu ammoo Aroos, riizoortii bashannanaa gammoojjii Sudaan keessatti qarqara galaana Diimaatti argamuutti.

Innis eddoo bashannanaa Korporeshiniin turistiin Sudaan ittiin boonu ture. Dhaabbatichi eddoo sana kireesuudhaan galii olaanaa ittiin argataa ture.

Moosaad ammoo lafa Jabbata gammoojjii kanatti fayyadamuun Yihudoota- Itoophiyaa baraaruuf karoora qabate ittiin milkeessaa ture.

Ayihudoota Itoophiyaa xiyyaaraan imalan keessaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ayihudoota Itoophiyaa xiyyaaraan imalan keessaa muraasa
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Moosaad riizoortii kanatti fayyadamuun namoota gara kuma saddeeti ta'an dhoksaadhaan gara Irsaa'eliitti geessuu danda'eera.

Gaazexessaan BBC Raafii Bargim kitaaba seera ergama basaasa ajaa'ibsiisaa kana ibsu ''Reed sii Ispaayiis'' jedhu barreesseera.

Neetifliksi ammoo ''Za Reed Sii Daayiviingi Riizoorti'' mata duree jedhuun, fiilmii seenaa dhugaarratti hundeeffamuun ergama Yihudotaa Itoophiyaa gara Israa'elitti fudhachuuf balaafi aarsaan guutame agarsiisu hojjateera.

Yeroos kanneen Israa'el qaqqaban keessaa irra caalaan dargaggootaa fi daa'imman turan. Kanneen erga Israa'el gahanii booda ijoollee godhatan ammoo maqaasaanii Israa'el, Abrihaam, Mooshee fi Maazaal jedhuun moggaasan.

Kana malees, magaalootiin Israa'el Neetaaniyaa, Peetaah Tiikvaah, Ashekeeloon fi Haadaraan jedhaman keessa bal'inaan jiraataa jiru. Duulli Musee Yihudoota Israa'el biyya abdiisaanii galchu kunis torban kana keessaa waggaa 40 guutuu marsariitiin 'The Jerusalem Post' gabaaseera.

Ministirri Mummee Beenjaamiin Netaaniyaahuu fi Ministirri Baqattootaa Ofiir Sooferis sirna yaaddannoo guyyaa kanaarratti argaman.

Soofer duula Musee leellisuudhaan, milkaa'insaatiifis gaheen waraana biyyattii, Moosaad, dhaabbilee Yihuudotaa fi Yihudoota Itoophiyaa olaanaa akka ture yaadatan.

Ministirri Mummee biyyatti, Netaaniyaahuun gamasaanitiin, waggaa 40ffaan Duula Musee kunis borumtaa Aveeraa Mangistuu kan waggaa kudhanii oliif Hamaasiin hidhamee ture itti gadhiifameetti kabajamu kaasan.

''Dhiibbaa waraanni keenya Hamaas irraan gahee fi Doonaald Tiraampiif galanni ni ta'a. Aveeraa Mangistuu dabalatee namoota butanaman hedduu gadhiisifneerra'' jedhan.

"Yeroo hunda kaayyoo keenyatti amannee dhaabbanna. Galanni Waaqaaf haata'utii nuu mikaa'eera. Aveeraa dabalatee kanneen butaman kaan gara jireenya idileetti akka deebii'aniif ni deeggarra'' jechuusaanii Yerusaalam Poost gabaaseera.

Ministirri Baqattootaa gamasaaniitiin, haleellaa Onkololeessa 7n booda, kanneen waraanaa Gaazaarratti hirmaatan dabaltee, Beeta-Israalooti 33 lubbuu dhabaniiru.

Netaaniyaahuun adda waraanaatti Israa'el ittisuuf hojii raawwataniif gahee gootummaa bahaniiru jechuun leellisan.

''Dhaloonni lammaffaa fi sadaffaa waraanaa Israa'el keessatti hanga hoggansaatti hirmaachuuf akkasumas diingadee Israa'el guddisuuf biyyattiin adda ta'u agarsiisaniiru'' jedhan itti dabaluun.

Yihudooti Itoophiyaa gahee mootummaa keessatti qaban guddisuu fi sanyummaa fi loogii dura dhaabbachuuf waadaa galaniiru.

''Hawaasni Beeta Israa'eloonni seenaa ajaa'ibsiisaa Tsiyonummaa tamsaasuu itti fufna'' jedhan.

Ayihudoonni Itoophiyaa wayita budiruudhaan imalan
Ibsa waa'ee suuraa, Ayihudoonni Itoophiyaa wayita budiruudhaan imalan

Yihuudota Itoophiyaa ilaalchisee yaadawwan garaa garaatu himama.

Waa'ee dhufaatii Beeta-Israa'eloota irratti ibsa lamatu kennama. Tokkoffaan, Giiftiin Saabaa Mootii Salamoon gaafachuu Yerusaalem deemtee Miniilik dhalate kan jedhu yoo ta'u, kun ammoo seenaa himtee afaanitiin bira kan darbe akka hin taane kan dubbatan jiru.

Seenaan warri Beeta-Israa'el amananiifi kan kitaaba irratti barraa'e, jaarraa torbaffaarratti yeroo masaraa lammaffaan diigameetti baqannaa Yihuudootaatiin wal qabatee kan dhufedha.

Saba Israa'el 12 keessaa kan Daan jedhamuun beekamu saba gara Masriitti baqate yoo ta'u, sabni sunis laga Abbaayyaa hordofuudhaan gara Itoophiyaatti dhufuun akka qubatan himama.

Yeroo Itoophiyaa jiraatanittis moggaasni Falaashaa ykn Kaalaay jedhamu kennameef. Maqaan Falaashaa jedhus jecha Ibraayisxi 'Liifloosh' jedhamurraa kan dhufe yoo ta'u, hiikaan isaatis bakka dhaabbataa kan hin qabneefi bakkaa bakkaatti kan naannawu jechuu akka ta'e kan himan jiru.

Kaayilaamis akkasuma jecha Ibsaayisix 'Kihiilaa' jedhurraa kan fudhatame yoo ta'u, kan waliin ta'uufi waldaadhaan kan imalu jechuu ta'us bakka Itoophiyaa keessaa waggootaaf itti jiraataniitti garuu arrabsoodhaaf oolaa ture.

Hundeeffama mootummaa Israa'el hordofee Beeta-Israa'eloonni imalli gara Israa'eliitti taasisan kan eegalame ta'ulleen, baroota dheeraaf irra deddebiin qorannoo taasisuudhaan Yihuudoti Itoophiyaa keessatti akka argamaniifi isaan boodas dargaggoonni 50 ta'an gara Awurooppaatti akka geeffaman himama.

Mootummaan Dargii kufee erga jijjiiramni mootummaa taasifameen booda Duulli Salamoon (Solomon Operation) bara 1991tti gaggeeffamuun Beeta-Israalitoonni 14,500 ol sa'aatii 36 keessatti Israa'eliitti fudhataman.

Isaan booda ammoo dulli ittiin Beeta-Israa'eloonni muraasni imalchiifaman kan ture yoo ta'u, duulli Kinfa Yoonaa, Sha'ariiti Yihudii Itoophiyaa (ayihudoota hafan fudhachuu) jedhuu gaggeefameera.

Isaan booda Finfinneefi Gondariitti galmaa'uudhaan gara Israa'el imaluuf kan eeggataa jiran beeta-Israa'eloonni kumaatamaan lakkaa'aman ni argamu.

Odeeffannoon istaastiksii Israa'el kan yeroo dhihoo akka agarsiisuutti, yeroo ammaatti beeta-Israa'eloonni biyyattii keessa jireenya idilee jiraataa jiran kuma 150 ol ni argamu.