Pireezidantiin haaraa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Ertiraa daawwachaa jiru

Maxxanfame

Pireezidantiin haaraa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad affeerraa mootummaa Ertiraatiin daawwannaadhaaf Sanbata kaleessa Asmaraa galaniiru.

Daawwannaa guyyaa afuriif kan imalan Hasan Sheek Mohaammad, Pireezidant Isaayyaas Af-warqiidhaan buufata xiyyaaraa Asmaraatti simatamaniiru.

Waggoota muraasaan dura Itoophiyaa, Ertiraafi Somaaliyaan dhimmoota waloo irratti wajjin hojjechuuf waliigalanii turan.

Kana malees pireezidnatiin duraanii Abdullaahii Farmaajoo loltoota kuma shan leenjiidhaaf gara Ertiraa erganiiru, dhimma jedhurratti gaaffiin irratti ka'aa ture.

Pireezidantiin Somaaliyaa dhihoo kana filataman Hasan Sheek Mohaammad daawwannaa isaaniin hariiroo Ertiraa fi Somaaliyaa, dhimmoota naannoo fi waloo irratti akka marii'atan Ministirri Beeksisaa Ertiraa Obbo Yamaan Gabiramasqal fuula Tiwiitarii isaanii irratti katabaniiru.

Dabaluunis jilli pireezidantichaan hogganamu kutaalee Eritiraa garagaraa keessatti hojiiwwan misoomaa daawwatu jedhaniiru.

Waggaa tokko dura loltoonni Somaaliyaa leenjiidhaaf gara Ertiraa ergamaniiru dhimma jedhurratti maatiin loltootaafi mormitoonni Farmaajoo burjaaja'aa turan.

Filannoo Caamsaa darbe adeemsifameen aangoo kan gadhiisan Mohaammad Abdullaahii Farmaajoo loltoonni isaanii Ertiraa keessa jiraachuu irratti ifatti dubbachuurraa of qusatanii turan.

Haa tahu malee yeroo aangoo isaanii pireezidantii haaraaf kennanitti loltoonni kuma shanii ol leenjiidhaaf gara Ertiraa ergamuu isaaniifi biyya isaaniitti otoo hin deebi'iin kan turan rakkoo siyaasaa Somaaliyaa keessatti uumamuu danda'u ittisuufi jechuun yeroo jalqabaaf amananiiru.

Bara darbe loltoota Somaaliyaa icciitiin filamanii gara Ertiraa ergaman ilaalchisee maatiin isaanii achi buuteesaanii hin beeknu jechuun mormiif daandiitti bahanii turan.

Caamsaa darbe Farmaajoon yeroo aangoo kennan akka dubbatanitti loltoonni kunneen amma biyya isaaniitti deebi'anii waraana biyyattiitti makamuun Al-shebaab waraanuu irratti bobba'uu jedhanii turan. Kaaba Itoophiyaatti yeroo waraanni jalqabe mootummaa Itoophiyaa deeggaruun waraanicha irratti kan hirmaatte Ertiraa cinaa dhaabbachuun loltoonni Somaaliyaa hirmaataniiru himannaan jedhu irratti ka'a.

Haa tahu malee Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad loltoonni Somaaliyaa waraana Tigraay irratti hirmaataniiru himannaa jedhu wakkaachuu isaanii Biluumbarg gabaasee ture.

Somaaliyaa yeroo lammataaf hogganuuf kan filataman Hasan Sheek Mohaammad, baatii lama keessatti imalawwan biyya alaa muraasa taasisan keessaa Ertiraan kan jalqabaa keessaati.

Daawwannaa isaanii kanaan dhimmi loltoota pireezidantii biyyattii duraaniin gara Ertiraa ergaman jedhaman ajandaa marii isaaanii mummee taha jedhamee eegama.

Pireezidant Hasan Sheek Mohaammad gara aangootti erga deebi'aniin booda kan daawwatan Yunaayitid Arab Imireetsiini. Amma immoo Sanbatarraa qabee Ertiraatti guyyoota afuriif daawwannaan hojii taasisan bara aangoo marsaa kanaan kan jalqabaati.