Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qondaalli siyaasaafi haati-warraasaa kalee namaa seeraan ala daddabarsan yakkamtoota jedhaman
Namni siyaasaa Naajeeriyaa dureessa ta'eefi haati-warraa isaa qaama dhala namaa seeraan ala dabarsuutiin yakka raawwachuun mirkanaa'e.
Abbaa warraafi haadha warraa, kana malees ogeessi fayyaa tokkos gahee " gidduu-deemuudhaan" qabaachaa turaan yakkamaa kan jedhame yoo ta'u, jarri kun yakka kana akka raawwatan kan irraga'ame dargaggeessa umuriin isaa waggaa 21 ta'e tokko Lagos irraa UK geessuu isaanii hordofeeti.
Namni siyaasaa Ikee Ekeweremaaduu jedhamu umuriin isaa waggaa 60 ta'e haadha warraa isaa umuriin ishee waggaa 56 taateefi Dr. Obinnaa Obetaa kan umuriin isaa waggaa 50 ta'e waliin ta'uun shira xaxanii dargaggeessa kana kalee isaa fayydamuudhaaf akka biyyaa baasan ragaan mirkanaa'ee yakkamoo ta'aniiru.
Gochi kun seerota garubummaa ammayaa jalatti yeroo ilaalamu isa jalqabaati jedhameera.
Manni murtii dhimma kana ilaale Old Bailey akka himannaa kana dhageeffatetti qaamni (kaleen) dargaggeessa kanaa mucaa intalaa dhirsaafi niitii kanaa Sooniyaa jedhamtu umuriin ishee waggaa 25 ta'eef akka ooluuf ture.
Gurbaan akka yakki irratti raawwatame kun magaalaa Lagos, Naajeeriyaa keessatti daldala daandii irratti bobba'ee kan of jiraachisaa ture yoo ta'u, bara darbe ture gara UK geeffamuudhaan dhaabbata fayyaa dhuunfaa Hospitaala Rooyaal Firii jedhamu magaalaa Landan keessatti argamutti akka kalee isaa Paawondii 80,000n baasee kennuuf kan taasifame.
Akka abbaan alangaa jedhutti dargaggeessi kun jalqaba Paawondiinb 7,00 kennameefiif carraa gara garaatu si eeggata jedhamuun kan geeffame yoo ta'u, gocha dabaa isa eeggatu kan hubates hospitaalatti yeroo doktoroonni isa marsanitti ture.
Yakkamtoonni kunneen yeroo yakkaa akka hojjechaa jiran irra ga'ame gurbaan fira ykn Sooniyaa waliin dhala obbolaan lamaaniiti jechuun sobaan dhiyeessuuf yaalanii ture.
Dargaggeessi kun garuu daandii Lagos irraa qabamee UK dhufe malee Sooniyaa kan dhibee kaleetiin rakkachaa jirtuuf fira hin turre.
Namni tokko kalee isaa nama biraatiif dabarsee kennuun seerri ni hayyama, haata'u malee yeroo maallaqaan ykn kennaa biroon sossobamee akka kennu taasifamutti garuu yakkadha.
Gorsaan Hospitaala Rooyaal Firii Dr. Piiter Duppoont dargaggeessi kalee kennuuf hospitaala geeffame sun osoo gorsaafi deegarsa barbaachisu , akkasumas kalee isaa yoo kenne jireneya isaa keessatti rakkoo fayyaafi gargaarsa addaa umurii isaa keessatti isa barbaachisu osoo hin argatiin akka geessan baruun hin ta'e jedhe.