Lammiileen Ertiraa Israa’eelitti argaman miidhamtootaaf gargaarsa walitti qabaa jiru

Madda suuraa, EPA
Haalofoom Sulxaan lammii Ertiraa fi gaheessa waggaa 43 yoo ta’u, Teel Aviiv keessa jiraata.
Innis garee hawaasaa isaa kanneen walitti bu’insichaan kibba Israa’eel keessatti miidhamaniif deeggarsa uffataa, bishaaniifi wantoota barbaachisan gurguddaa kaan walitti qaban keessatti argama.
BBC’tti akka himetti, gochaan akkasii kun lammiilee Israa'el kanneen baqattoota Ertiraa biyyattii keessa jiraatan irratti ilaalcha garaa garaa qabaniif ni gargaara.
Fulbaana keessa, Ministirri Mummee Israa’el Beenjaamiin Neetaanyaahuun, erga gareewwan lammiilee Ertiraa Teel Aviiv keessa jiraatan sababii siyaasaatiin walitti bu’anii, namoonni 170 miidhaan irra gaheen booda, ‘‘sarara diimaan’’ qaxxaamurameera jechuun isaanii ni yaadatama.
‘‘Lammiileen Israa’eel hedduun akka ummata balaafamaatti nu ilaalu. Ilaalchi isaan baqattoota Afriikaa irratti qabanis gaarii mit. Garuu ammoo hirmaannaa Ertiraanoonni sochiilee Israa’el keessatti taasisan tarii dhiibbaa gaarii qabaachu mala,’’ jedhe.
Bara 2018 keessa, Obbo Sulxaan akka Dura Taa’aa hawaas Kooluu Galtoota Ertiraa Israa’el keessaa, dhaabbata wayita mootummaan Israa’eel sagantaa Procedure for Deportation to Third Countries jedhamu jalatti baqattoota Afriikaa harii’udhaaf karoorseetti, lammiilee Ertiraa gargaaraa ture ta’un tajaajilanii ture.
Sambata ganamas sagalee akeekkachiiftuu Teel Avivi guutuutti dhagahamaa turen irribarraa dammaquu kaasu.
‘‘Dhukaasan dhagahe. Waan nama naasisu ture. Achiinis oduu ilaaluuf jedheen bilbila harkaa koo ilaale.''
Obbo Sulxaan akka jedhanitti, yeroo sagaleen akeekkachiiftuu Teel Aviiv keessaa badus, hiriyaa isaa lammii Ertiraa kibba Israa’el, Reehovot keessa jiraatu irraa bilbilli bilbilameef.
“Innis ijoolleensaa akka dhokataniif itti himaa ture. Karaa bilbila isaatiin iyya sagalee akeekkachiiftuu fi yeroo tokkochatti rookkeettiin lama wayita kufu dhagahaan jira.‘‘
Waa’ee namoota butamanii fudhatamanii wayita dubbisuuttis, Obbo Sulxaan lammiilee Ertiraa Ashkeelon kan dhiheenya daangaa Gaazaatti argamuu keessa jiraatan quunname.
Hanga ammaattis lammii Ertiraa kan butame ykn ajjeeffame jiraachuu ilaalchisee omaa akka hin dhageenye dubbata.
Ejansiin baqattoota UN, kooluu galtoota irra caalaan isaanii Ertiraafi Sudaan irra ta’an 53,000 ol Israa’el keessa akka jiraatan timaama.












