'Ulfikoo narraa ba'uu isaatiif hidhaan waggaa 30 natti murtaa'e'

Kaaran mucaa jalaa du'ee hidhaa buute

Madda suuraa, Courtesy of Jennifer Lacayo

Maxxanfame

Maqaan ishee Kaaraan jedhama. Ulfi sababa biraan irraa bahe 'situ ofirraa baase jedhamtee' hidhaan qaggaa 30 itti murtaa'e.

Wayita hospitaalaa keessatti of bartu, harkiishee sireetti hidhamee poolisiin marfamtee of agarte.

Balaan ulfi irra bahuu mudateen booda kunuunsa atattamaa osoo isheef kennamuu qabuu gara himatamuutti dabarsan. Yeroo sana umuriin ishee waggaa 22 kan ture Kaaraan ulfa ofirraa baasuun himatamte.

''Maal akka na mudate itti himuun yaale. Garuu kan na dhagahu hin turre,'' jechuun waan ishee mudate yaadatti.

"Achinis natti murtaa'een hidhame',' jetti.

Seera cimaa

Biyyoota jidduu gala Ameerikaa keessaa El Saalvaador kanneen addunyaarratti seera ulfa baasuu cimaa qaban keessaa tokko. Kunis ulfichi kan lubbuu haadhaa balaarra buusuu ta'us, ykn kan dirqisiifamuun gudeedamtee ulfoofte ta'us, hunda baasuun dhorkaadha.

Ajjeechaa cimaa raawwachuun himatamunis, Kaaran hidhaa waggaa 30 itti murtaa'e. Isheenis dubartoota sababii balaa ulfaa ykn ulfi irraa bahuutiin daa'ima isaanii dhabanii hidhaman kanneen garee dubartootaa ''Las 17'' jedhaman keessa tokko.

Kaaranis dubartoota biraa sadii waliin osoo Muddee 2021 hidhaarraa hin hiikamiin dura waggaa jahaaf mana hidhaatti dabarsite.

Isaanis hidhaarraa kan hiikaman erga dulli namoota bebbeekamoo addunyaatiin deeggarsa argate gaggeeffameen booda ture.

Kaaran wayita mana hidhaatti darbatamteetti haadha mucaa waggaa lamaa turte.

Isheenis hanga inni waggaa sagal guutuutti ijaan arguu hin dandeenye turte.

Ibsa yeroo Kaaran gadhiifamteen booda kenname

Madda suuraa, Getty Images

"Akkan waggaa 30'f hidhaan dabarsu yoo natti murteessan, addunyaan kiyya akka dukkanaa'eetti natti dhagahame. Waa'ee mucaakoo yaaduun isarraa akkan hafuun yaadaan ture.''

Jiddugalli Walqixxummaa Dubartootaa, kan garee mirgaaf duula gaggeessanii Ameerikaa Kaabaa guutuutti duula gaggeessu. Garichis biyyattii keessatti yoo xinnaate dubartoonni 180 ta'an waggoota 20n darban keessatti haala wal fakkaataaf himatamaniiru ykn hidhamaniiru jedhu.

'Mucaakoo kaasuutti baachuun barbaadee ture'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubartoota haala walfakkaataan hidhaman keessaa kan biraa Sinitiiyaadha. Isheenis bara 2019 keessa erga mucaan ishee osoo guyyan hin gahiin dhalachuun du'een booda, ajjeechaa cimaa raawwachuun himatamte.

Bara 2019 keessa gadhiifamte.

Sinitiyaan BBC'tti akka himteetti, ambulaansii poolisootatu rakkoo isheerra qaqabeef birmateef. Of wallaaltee yoo gara of baruutti deebiitu, akkuma Kaaran sana hospitaala keessatti, harkishee hidhamee of agarte.

Hospitaala irraas kallattiidhaan osoo dhaddachatti hin dhiyeeffatamiin dura kutaa hidhaa buufata poolisiitti geeffamte. Kanaaf, firootaafi ijoollee ishee xixiqqootti dubbachuuf carraan hin kennamneef. Yeroo sanattis waggaa 20 turte.

''Mucaakoo kaasuutti hamachuun barbaadeen ture, garuu naaf hin hayyamamne. Akkan sirna awwaalchaa isaarratti argamulleen naaf hin hayyamne,'' jetti Siintiyaan.

Sababii 'yakka' isheen raawwatteetiin, mana hidhaa keessattis loogiin irra gahuufi sirreeffamtuu biraatiin miidhaan qaamaa irratti raawwatamuu dubbatti.

Sintiyaa

Madda suuraa, Courtesy of Cinthya

Kaaranis mana murtiitti mudannoon wal fakkaatu ishee mudachu garuu mana hidhaa keessatti carraa garii akka qabaatte himti. Sababiin isaas dubartoota dhimma walfakkaatuun himatamanii waliin turte.

''Baayyinni keenya 10 ol ta'a ture. Isaan keessaa dubartoonni muraasni sirreeffamtoota biraatiin miidhaan irra gaha ture,'' jechun haala ture yaadatti.

"Garuu ammoo garee wal gargaaru cimaa uumnee turre.''

Dhiibbaa baayyee cimaa

Kanneen hidhaman hundi barbaadanii kan ulfa baasan ta'uu isaanii adda baasuun rakkisaadha. Garuu ammoo kanneen duula gaggeessaa jiran, seerichi dubartoota ulfa baasuu hin barbaadne osoo adda hin baafne miidhaa jira jedhu.

Dhaabbileen El Saalvaador keessatti mirgaaf falman akka jedhaniitti, seerichi dubartoota kunuunsa fayyaatiif qabeenyaa gahaa hin qabnelleen osoo adda hin baasiin miidhaa jira jedhu.

Dubartoota akka Kaaraniifi Siintiyaa fa'i jechuudha.

''Biyyattii keessatti dubartoonni caalaa seera kanaan miidhamanis kanneen hiyyeeyyii ta'aniifi kanneen gochaa ulfa ofirraa baasuu raawwataniidha,'' jetti roogeettiin dhimma kanaa Moranaa Heeraraa.

"Dubartoonni hidhaman akka gadhiifaman barbaadna. Hmannaan isaanii akka dhaabbatus ni barbaadna.'' Deeggarsi dubartoota hiyyeeyyiif taasifamu hanqina qaba, akka rogeeyyiin dubartoota miidhamaniif falman jedhaniitti.

Siintiyaan dhaddacha isheetti akka mana murtiitti dubbattuuf dhorkamuu himti. Akkasumas, wayita hidhaa keessa turteetti, nama seeraa mootummaan bakka buufameen dhimmicharratti ibsi akka hin kennamneef dubbatti.

Himannaan ishee irratti baname maal akka ta'eyyuu hin baaktu turte. ''Mana murtii keessa ta'eetan akkan himannaan ajjeechaa cimaan himatame kan dhagahe,'' jechuun haalicha yaadatti.

BBC dhimma kanarratti yaada aanga'oota biyyattii argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Akka odeeffannoo dhaabbata mit-mootummaa US'tti bu'uurreeffate -Jidduugala mirgawwan Walhormaataan waliitti qabameetti, El Salvaador biyyoota Laatiin Ameerikaa ulfa baasisuu dhorkan torba keessaa tokko.

Hunduraas, Jamaayikaa, Nikaaraaguwaa, Haayitii, Riippablika Doomiinikaa fi Surinaam, biyyoota addunyaa 24 dhimma kanarratti seera cimaa qaban keessaayi.