'Mootii Ayyaanaa': Sirboota yeroo Ayyaana Masqalaa sirbaman

Madda suuraa, Mitikku Fikadu/Fb
- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 8
Ayyaanni Masqalaa ayyaanota birraa keessa bakkeewwan Itoophiyaa garagaraatti sirna baay'ee ho'aan kabajaman keessaa tokko.
Ayyaanni hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti haala adda ta'en kabajamu kuni sadarkaa addunyaatti galmee hambaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNESCO) jalattis galmaa’eera.
Birraan abdiidha, yerootti keelloon daraaru. Masqallimmoo ifadha ganna cillimii keessaa bahanii ifa birraa argani yeroo kabajanidha. Ayyaanni kuni Itoophiyaafi Ertiraatti bal’inaan kabajama.
Ioophiyaa keessatti lakkoofsaan ummata guddicha kan ta’e ummanni Oromoo Ayyaana Masqalaa 'mootii ayyaanaati' jechuun waama.
Sirna ho’aa ta’eenis kabajata. Ayyaanichi bifa amantaas, bifa aadaas qaba.
Yeroon birraa namaafis horiifis miira adda ta’e waan qabuuf sirboonni mararteefi gammachuu kana ibsuuf, gamtaa ibsuufis sirbaman danuudha.
'Birraan kan dargaggeessaati'
Yeroo Ayyaana Masqalaa keessumaa Godina Horro Guduruu Wallaggaatti sirboota sirbaman keessaa ijoon Hiyyoolee, Hiyyaasee, Ishobbookoo, emmolee fa'idha.
Weellisaa jireenyaa Dassaalee sirboota kana ammayyeessuun sirbuun beekama. ‘’Akkuma Tuulamni goobeen beekamu, naannoon keenya hiyyooleen beekama,’’ jedha.
Walleewwan Ayyaana Masqalaa kan yeroo kaan weellifamanirraa ‘’addadha’’ jechuunis ibsa.
Sirboonni Masqalaa abaaboo, jaalala, birraa, waliin jireenyaa, fi dhimmoota kaan hedduurratti sirbamu. Ammoo Ayyaanni Masqalaa gahuu dura torban yookiin ji’oota muraasaaf halkan sirbama.
ALI Fulbaana bulti 17 yeroo Ayyaanni Masqalaa erga kabajame booda garuu ‘’Sirba halkanii kuni guyyaatti jijjiirama hanga torbee tokkootti.’’
Sirboota yeroo Ayyaana Masqalaa sirbaman keessaa tokko iyyooleedha.
Iyyoolee korreekoo
Kololee koottu iyyoo jenna
Iyyoolee korreekoo
Kololee haadaan daraare
Iyyoolee korreekoo
Kololee tabba gubbaatti
Iyyoolee korreekoo
Kololee qeerroon wal waame
Iyyoolee ganda durbaatti jechuun Jireenyaan yaadata.
Qeerroon kan hin fuune. Qarreenis kan qarree hin buufanne, durba morma lamaa yookiin kan hinheerumnedha.
Ayyaanni Masqalaa kanneenif yeroo itti wal argan, wal ilaalanidha.
Qarreen qeerroo ija laafu, irree hin jabaanne qeequ. Weellisaa Dassaaleen kana fakkeenyaan ibsa.
Eemmilee jabbilee doorayii
Yaa ameessa baakkoo jabbilee doorayii
Eemmilee jabbilee doorayii
Orogeessa booyyee jabbilee doorayii
Eemmilee jabbilee doorayii
An dabeessa hin jaallu jabbilee doorayii
Eemmilee jabbilee doorayii
Obboleessakoollee jabbilee doorayii
Yoomiyyuu Mul’ataa barreessaadha. ‘’Birraan kan dargaggeessaati. Foolii abaabootu urgaa’a. Abaaboo wajjiin jaalalatu hidhata qaba. Jaalala waliin dargaggeessatu hidhata qaba,’’ jedha.
Yaa bishaan qarsaa yaa taliilakoo
Yaa abbaa durbaa yaa wasiillankoo
Wasiilli obboleessa abbaati. Gaafa dargaggeessi fuudhe abbaa durbaa obboleessa abbaakooti jedhee waama jechuun hima.

Madda suuraa, Getty Images
Qeerroofi qarreen faallaa walii sirbu, dubbiinis wal tuqu. Ammoo gaafa kaan sirbaan wal bareechu.
Hiyyoolee yaa abaaboon daraartee abaaboon birraa
Akkam naa jirta yaa gurbaa nana gurbaa hiriyyaa
Qeerroonis wal qeeqa. Nama seeraan sirba jalaa hinqabnemmoo komachuuf akkana jedha.
Shumburaan hinjiru simbirri fixxeetti
Draggaggeessi hinjiru gursummaan fixxeetti
Gursummaan kan abbaa warraa hiikte yookiin kan abbaan warraa irraa du’e jechuudha.
Dargaggeessi lo’e lo’ee dhaquu danda’a. Qeerroon kabajamaadha, gursummee bira hin dhaqu jedha Yoomiyyuun.
Hiyyaasee
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sirboota yeroo Ayyaana Masqalaa sirbaman keessaa inni ijoo biraan Hiyyaaseedha. Sirbi kuni sirba Horroon ittiin beekamudha jedhu hawaasichi.
‘’Dargaggeessi birraa yoggaa kabajatu waan fedheyyuu yoo sirbe iyyaaseen keessaa hin dhabamu’’ jedha Yoomiyyuun.
Hiyyaaseen waloon sirbama. Sirbichi kan qeerrooti. Garuu buleeyyiinis ni sirbu.
Iyyaaseen hiyyoodha
Kan fooliin shittoodha
Si yaade marookoo
Yoo kormi goobe
Naa garaftaaree
Yoon sitti boo’e
Yoom naa dhuftaaree
Ammoo hiyyaasee qarreenis gidduu seenanii weellisuu danda’u. ‘‘Dibbeetiin sirbama. Aabbootiin gidduu seenanii haadholiin, qarreen dibbee dhooti,’’ jedha Jireenyaan.
‘’Dhiirri keessa keessa seenaa mudhii walqabatanii sirbu. Dhiirri bifa gellootiin akkana qeeqa jedhu:
Kan daraaruu mukaa malqaqqoo seetanii
Malqaqqoo seetanii iham iham
Kan maraatuu durbaa dargaggoo seetanii
Dargaggoo seetanii joffee baalambassaa iham iham
Qeerroofi qarreen gamaafi gamanaan walirraa fuudhanii sirbuu jechuun himu.
Masqalli quufa
Ayyaanni Masqalaa quufa. Ayyaanaaf gosa nyaataa garagaraatu dhihaata. Horiinis ni qalama, farsoon, buquriin [farsoo geeshoo hinqabne], daamboon guddatee qofaattis tolchama.
‘‘Aannan gaafa sana hin kuufamu. Gara dirree Masqalaa geessama. Achitti hin dhugama,’’ jedha Yoomiyyuun.
Masqalatti quufuun akka milkiittis ilaalama. Ammoo nama qofaaf miti. Horiinillee quufti.
Guyyaa Masqalaa horiin marga itti dalleeffame yookiin eegamaa ture dheeddi. Kanas kaloo jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
‘’Ganna guutuu qonnarra bahanii itti aanee Onkololeessa yeroo qorrii hamaan jiru waan ta’ef Fulbaana keessa marga dheeduutu irra jira,’’ jedha Yoomiyyuun.
Qeerroon wal ijaartee guyyaa Masqalaa abdaarirra [bakka ibsaan Masqalaa gubatu] deemanii sirbu. Namnis waanuma qabu kennaaf.
Hunda qixa hin galateeffatan. Kan baay’isee isaanii kenne guddisanii galateeffatu.
‘’Inni nu laate hammana gaha,’’ jedhanii jaju, dinqisiifatu. ’‘Diinni isaa eessa jirti? Kunoo as jala jirti,‘‘ jedhanii lafa reebu.
Nami dhugaatiis, maallaqas, sooratas kennaaf. Birrii walitti qabaniin yookaan horii bitanii qalatu yookiin qarshii hiratu.
Qabdoo
Gara giddugala Oromiyaa 'wadaajii' jedhamuun beekama. Dargaggoonni birraa kanatti michuu barbaaddatu. Qeerroon dura fedhii gaafata.
Amma amma laaffata dhufe malee ummanni gosaan jiraata. Nami gosa tokko keessa jirummii wal hin kaadhimmatu, haraamuu waan ta’ef.
Kanaaf dargaggeessii sirbaaf gar biraa dhaqa. Araddaa ofiirra hin sirbu. Warri kaanimmoo gara qe’ee isaa dhufu. Yerootti qe’eetti waloon sirbaniis garuu inuma jira.
‘’Gosni asitti sirbe kuniifi gosni gamaafi gamana jirummoo walitti yaa’ee dirree guddaatti waliin sirba. Achi keessatti qabdoo kan barbaadu abaaboo kenna.
‘’Achitti qabdoon isaa suni nama biraa yoo qabdi ta’e ni wallola qeerrooni. Suuqqanni jira,’’ jedha Jireenyaan.
Suuqqanni kennaa dhiirri tokko dubartii jaalateef rifeensa gubbaa suuqudha – kennaa jaalalaadha. Yoo gaaffii isaa simatte qofa waliin sirbiti.
Yoo kana dura suuqqatee maatiinis tole jedhani kennaa biraa kennaaf. Isheen kan isaa ta’us mirkaneeffata.

Madda suuraa, Getty Images
Eemmo yaa gurraalewoo
Eemmoo natti urgaa’ewoo
Akka ansoosillaa birraa
Akka foon mataa dirraa
Akka cooma waadani
Akka goota faarsani…. jedha Weellisaa Dassaalee.
Qabdoorratti garuu jedha Yoomiyyuun dhungoorra kan darbe akka hinjirre hima. ‘’Gaa’ila dura qunnamtii saalaa raawwachuun nama safuu cabse.’’
Iyyooshee korreekoo kololeekoo
Koottu akka taanu gargar hinbaanu
Yoo gargar baane waliitti hintaanu
Qeerroon wal utubdi. Wal ta'un akka barbaachisu sirbaan ibsu. Namoonni iyyoolee waliin sirban hiriyyummaan isaaniis jabaadha.
Korreen kan sagaleen korrisu jechuun ibsa Yoomiyyuun.
Iyyoohaa korreekoo kololee koo
Koottu akka taanu gargar hin baanus jedhu.
Yookinimmoo qarree dubbiin doorsisu. Icciitii walii beekus waan ta‘ef dubbiin wal qeequ.
Iyyoohaa korreekoo kololeekoo
Daamaraa mure si boraasisa
Iyyoohaa korreekoo kololeekoo
Isa dheengaddaa dhirsakeetti hime
Si gorraasisa
Damaraan muka Ayyaana Masqalaaf gubanidha. Damaraan waan fedherra hin qophaa’u. Muka filatamerraa qophaa’a. Fakkeenyaaf bakkanniisaafi laaftoo.
Dabalataan, anfaarre, abbayyiifi kaanis ni filatamu. Kunneen keessumaa jala bultii Ayyaana Masqalaa ALI Fulbaana bultii 16 qophaa’u.

Dargaggoon laga buutee daamaraa murti. Achi quncisanii manatti hirkisu. Bakkannisa falaxaniimoo daamaraaf qopheessu. Kanaaf qe’een ni urgaa’a.
Galgala sana namuu qe’ee ofiitti guba. Abbaan, haati, ijoolleen:
Hiyyooshee daree
Masqala waggaa daree
Ayyaana Waggaa daree
Ayyaantuutu argaa daree jedhanii sirbu.
Inumaa bakkee tokko tokkootti yoo boqqolloon asheete gahe, daamaraa kana jala waadu.
‘’Mana keessatti, gomjii gidduutti jechuudha damaraa irra kaa’u. Quncee guyyaa quncisan aduu keessa oole sana itti naqu. Qunceemti jiidhaan suni haala ajaa’ibaan boba’a,‘‘ jedha Dassaaleen.
Yoomiyyuunis ‘’Amma manni ho’ee bulluquutti guggubu‘‘ jedha. Achii dhangaa manatti qophaa’u sooratu.
Masqalli boru jedhee ibsaan Masqalaa, guci yookiin xomboraan dursee qophaa’a. Dargaggoon kosorruu, sooyyoma, eebicha goge, gaattiraafi kaanirraa ibsaa masqalaa qopheessu.
Achii bakka dirree Masqalaa ollaaf yookiin gosaaf qophaa’etti daamaraan ni dhaabama.
Barii guyyaa Masqalaa dura abbaan warraa ibidda qabsiisa, eegasii haati warraa itti aanti, hangafa jedhee itti fufe.
Kunneen xombora isaanii qabatanii gara bakka waloo guban geessu.
Osoo manaa hin bahin haati warraa qodaa bukoo itti bukeessan ibsaa sana xuqsiisu. ‘’Beela balleessi jedhu,’’ jedha Jireenyaan.
‘’Naanna’ee hanga daamaraan kuni gubatee hanga daaraa ta’utti dhaabbate bullukkoo isaa uffatee shaashii fakkaatee dhaabatee ilaala namni.’’
Bariis waan ta’ef waan qorruufis dargaggoon teessee qaqqaammatti.
Barbadaan ibiddaa waan baay’atuuf daabboo daabbaa waan jedhamu tolchu. Gara caalu xaafii diimaarraa qophaa’a. Manni hunduu kana ni gumaacha.
Guyyaa Masqalaa dargaggoon Masqalatti marsitee akkana jedhanii sirbu jedha qorannoo isaa keessatti Darajjee Fiixeen:
Ishobbookoo yadaalee …………. Emmolee
Daalee daalachakoo ……………. Emmolee
Dhuftee barbaachakoo ………….. Emmolee
Abbaankee beera qotaa …………. Emmolee
Yabeera qottuu nanaa …………... Emmolee
Argaankee beelaaf tolaa ………… Emmolee
Yabeelaaf toltuu nanaa ………….. Emmolee
Yoo qotteef gaara qotii ………….. Emmolee
Bajjiin qaqaroo qabaa …………… Emmolee
Yoosobdeef jaarsa sobii ………… Emmolee
Alfiin nagaroo qabaa ……………. Emmolee
Ahiihi…. Ahiihii… ahiihii…..
Ergaan isaas qarreen abdii hintaane qeerrootti akka hin kennine akeekkachiisuufi.
Qarreenis akkana jedhanii sirbu:
Otoon guduruu ta’ee …. Seeyye Hadaa Birraan Roobee
Anoo hingurguru harree ... Seeyye Hadaa Birraan Roobee
Ittan daldala malee ... Seeyye Hadaa Birraan Roobee
Otoon durba ta’ee .... Seeyye Hadaa Birraan Roobee
Anoo hingurguru qarree ….. Seeyye Hadaa Birraan Roobee
Ittan basha’a malee .. Seeyye Hadaa Birraan Roobee
Aadaa keessatti dubartiin kabajashee eeggachuun bakka guddaa akka qabu eeruun akka qarreeshee eeggattu kan jajjabeessudha.
Kanneen Masqala hin sirbine
Ayyaanni Masqalaa hawwataa ta’us, kanneen ayyaanicha lagatanis ni jiru. Fakkeenyaaf kan mana isaanii gaddi jiru masqala hin gubani.
Gama kaaniin kanneen abdaariitti wareeggattan jiru. Wareega dhiheessanii yoo dhabanis hin bahan jedha Weellisaa Dassaaleen.
‘’Akka dallansuu wayiitti guyyaa sana ifa baasanii hin bahani. Akkasumas kan maatiin jalaa miidhame yeroo akkasii ifa baatee hin bahu.’’
‘’Ifa sana booda garuu yoo sirba sanatti hirmaachuu baatellee akka hawwaasummaatti osoo sirbi hin eegaliin nyaatee dhugee gara mana isaatti deebi’a.’’












