Ministirri duraanii Ertiraa Pirezidaant Isaayyaas aangoo akka gadhiisaniif ifatti gaafatan mana hidhaatti du’an

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ministirri Maallaqaa duraanii Ertiraa Obbo Birhaan Abrahaa, pirezidaant Isaayyaas akka aangoo gadhiisaniif ifatti gaafatan mana hidhaa keessatti lubbuun isaanii darbuu maatiin BBCtti himan.

Obbo Birhaan Fulbaana 7 bara 2011 humna tika Ertiraan erga to’annoo jala oolanii as manneen hidhaa hin beekamne keessatti hidhamaa turan.

Qondaalli olaanaan duraanii Ertiraa kun kitaabotaa lama imaammata mootummaa Ertiraa ifatti qeequ, ‘’Biyyakoo Ertiraa’’ jedhu biyya alaatti maxxansiisuu isaanii hordofee to’annoo jala oolan.

Haatahu malee, hanga guyyaa dhuma isaaniitti osoo mana murtiitti hin dhiyaatiin mana hidhaa keessa turan.

Obbo Birhaan biyya isaanii Ertiraatti sirni dimokiraaii akka jalqabuufi Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa wal gahii akka waamamu ifatti gaafatanii ture.

Qondaalli kun ergaa sagalee pirezidaantii Ertiraa fi uummata Ertiraaf ergan jedhameen miseensota mana maree lubbuun oolan wal gahii waamuun pirezidaantichi karaa nagaa aangoo akka gadhiisaniifi haala waqtawaa biyyattii irratti mariin akka gaggeefamuuf gaafataniiru.

Bara 2001 gareen qondaalota biyyoota G-15 Pireezidant Eritiraadhaaf gaaffii wal-fakkaataa dhiyeessaniifi ture.

Eritiraan heera bara 1997tti ragga’e qabaattus hamma yoonaa hojiirra hin oolle.

Manni maree biyyaalessaa Eritiraas bara 2002 as walgahiif taa’ee hin beeku.

Paartiin biyya bulchu Addi Demookiraafi Haqaa Uummataa bara 1994 yaa’ii sadaffaa erga taa’een booda wagga 30f walgahiif hin teeny.

Kaabineen ministarootaas bara 2011 as walgahee hin beeku.

Birhaan Abraha eenyu?

A.L.A bara 1945 dhalatanii Eertiraa keessatti barnoota isaanii kan hordofan Obbo Birhaan digrii isaanii jalqabaa Itoophiyaa Yunivarsiitii Finfineetti xumuran. Akkasumas: bara 1972 Yunivarsiitii Illinoyi irraa Digirii Lammaffaa Injinariingii Diinagdeetiin eebbifaman.

Sana booda bara 1975tti qabsoo hidhannoo walabummaa Ertiraatti makamuun, iddoowwan ol’aanoo adda addaatiin tajaajilaa akka turanis odeeffannoon ni mul’isa.

Ertiraan Itoophiyaa irraa walabummaa erga argatte booda Waajjira Pireezidaantitti Daarektara Imaammata Maakroo Eertiraa ta'uun tajaajilaa kan turan yoo ta'u, miseensa mana maree biyyoolessaa biyyattiis ta'uun tajaajilaniiru.

Birhaan Abrahaa bara 2001 hanga 2012tti Ministira Maallaqaa Ertiraa ta’uun tajaajilaa kan turan yoo ta’u, gabaasa galii Dhaabbata Albuudaa Bishaa jedhamu irratti iftoominaa fi itti gaafatamummaa akka qabaatu gaaffii dhiheessan irraa kan ka’e aangoo irraa kaafaman

Ilmisaa Efireem maal jedhee ture?

Gidiraan sun kan barreessichaa qofa osoo hin taane kan maatiifi hiriyyootattis darbe dha.

Efireem Birhaan Abrahaa ijoollee afur Obbo Birahaana Abirahaa keesssa tokko dha.

Dhimma hidhamuu abbaasaarratti, ‘’abbaakoo yeroo hundan yaada, eessa akka jiru garuu hin beeku. Haa jiraatuu, haa du’uu hin beeku,’’ jechuun BBCtti dubbateera.

‘’Ani gadda haadha koo nama jaallattuufi obboolaa koo irra gahe ibsuu hin danda’u. Hidhamuun abbaa koo anaaf dhukkubbii addaan hin cinne dha,’’ jedha.

Efireem ijoollee afur keessa isa lammataa yoo tahu Ameerikaa jiraata.

Efireem, ‘’Eritiraa keessatti hidhamuun waan guyyuma hundaa raawwatu dha,’’ yoo jedhu inni Eritiraa yeroo ture maneen hidhaa garagaraa keessatti ji’a jahaaf hidhamuu ibsa.

Akkaa carraa tahee erga mana hidhaatii bahee booda dhoksaan, gidiraa argee achi akka miliqe dubbata.