Magaalota Amaaraa muraasatti 'waraanni bobbaafame, sochiin daangeeffame'

Magaalaa Gondar 2020 keessa kan kaafame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gondaritti Kamisa irraa kaasee tajaajiloonni bu’uraa adda citu jiraataan BBCtti himan - suuraa 2020 keessa kahe
Maxxanfame

Naannoo Amaaraatti duula mootummaan seera kabachiisuudha jedheen wal qabatee, haala naannichatti umameen raayyaan ittisaa haala hin baramneen bobba'uunsaa yaaddoo itti uumuu jiraattonni dubbatan.

Jiraattonni BBC Amaariffaa magaaloota Gondar, Dasee fi Shawaa Roobiit irraa dubbise, sochii idilee dhaabuufi miseensoonni raayyaa ittisaa baay’een bobbaafamuu arguu himan.

Haata’u malee walitti bu’insa ta’ee sagalee dhukaasaa hagas mara tahe akka hin dhageenye jiraattoonni kunneen BBC'tti himan.

Magaaloota kana dura wayita wal dhabdee TPLF waliin tureetti walitti bu’insi keessatti tureetti, amma sochiin humnoota nagaa kan durii caalaa jiraachuu; keessattuu daa'immanitti yaaddoo uumuu himan jiraattoonni BBC’n dubbise kunneen.

‘‘Daa’imman tibba waraana kana dura tureetti sagalee meeshaa waraanaa dhagahaniifi konkolaattotaafi meeshaa waraanaa argan ammas arguun isaan dhiphiseera,’’ jedhan.

Kaaba Shawaa, jiraataan Magaalaa Shawaa Roobiiti BBC’n dubbise tokko, Caamsaa 1, 2023 waaree booda irraa kaasee, tajaajilli geejjibaa magaalaa keessa qaxxaamuraniifi magaalicha keessa socha’aa turan adda cituu dubbatu.

Haata’u malee Jimaata har’aa ammoo geejjibni magaalattii keessatti deebi’ee eegaluu himan.

Akka jiraataa kanaatti, manneen barnootaa, waajjiraaleen mootummaa, baankiiwwanii fi tajaajiloonni kaan adda citaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Magaalattiitti sochii raayyaan ittisa biyyaa ‘‘hidhannoo hiikkachiisuuf jecha sakatta’insa mana manarraa taasisuu hordofee’’ mormiin akka ture kan dubbatan jiraataan eenyummaan isaa akka hin ibsamne gaafatan kun ni himu.

Kanaan walqabatees qabeenyaan barbadaa’uu fi lubbuun namaafi beeyladootaa ammatti baay’inni adda hin baane badus dabaluun ibsan.

Magaalattiitti erga guyyaa Roobii humni raayyaa ittisaa dabalataa seeneen booda, daandiin banamullee, Dabra Siinaa irratti mormiin waan tureef hanga har’aatti daandiin cufaa ta’uu himu jiraataan kun.

‘‘Miseensoonni raayyaa ittisaa yeroo tokko tokko magaalaa keessa socha’u. Kaleessa sakatta’insa mana manarraatu ture. Har’a garuu omtu hin jiru,’’ jedhan.

Magaalaa Gondariitti ammoo Kamisa Caamsaa 4, 2023 irraa kaasee tajaajiloonni bu’uraa adda citu jiraataan BBCn dubbise kan biraa himan.

‘‘Kaleessa irraa qabee kanneen murteessoo ta’an kan akka hospitaalaa, manneen qorichaa, fi manneen nyaataa alatti, daandiin cufamuun tajaajilli geejibaafi baankii hin jiru,’’ jedhan.

Har’a magaalattii keessatti raayyaan ittisaa bobba’ee arguufi dhokaasni omtuu akka hin jirre himu.

Akkasumas jiraataan Magaalaa Dasee maqaansaanii akka hin dhahamne gaafatan, magaalattii keessa sochiin nagaa jiraachuufi miseensoonni raayyaa ittisaa bobbaafamuu akka argan BBCtti himan.

Jiraataan Kamisa Finfinnee irraa gara Dasee xiyyaaraan balali’uu himan kun, daandiin Finfinnee gara Dassee geessu waan cufameef konkolaattonni Dabra Birhaan erga dhaabbatanii guyyaa afur ta’uu kaasu.

‘‘Meeshaan daldalaaf Finfinneerraa feesisee hanga ammaattuu Dassee hin galle. Konkolaattoonni Dabira Birhaan irra akkuma dhaabbataniitti jiru,’’ jedhan.

Kunis sochii magaalattii irratti dhiibbaa akka taasisee dubbatu.

Mootummaan federaalaa humnootiin addaa naannoolee gara caasaalee nageenyaa biraatti akka makamaniif murtee baatiin dura dabarsee hordofee, magaaloota naannoo Amaaraa tokko tokko keessatti mormiin ka’unsaa ni yaadatama.

Paartileen siyaasaa tokko tokkos ‘‘tarkaanfichi marii irratti kan hin bu’ureeffannee fi yeroosaa kan eege miti. Ummanni naannichaa yaaddoo nageenyaa osoo qabuu kun raawwatame’’ jechuun tarkaanfii mootummaan fudhate mormu.

Mootummaan federaalaas tarkaanfichi naannoolee hundarratti hojiirra kan oolu ta’uu ibsuun, pirezidantoonni naannolee biraas murticha fudhachuu beeksiisuun isaanii ni yaadatama.

Muddamichi gab jechuun erga turee booda, miseensi koree hojii raawwachiiftuufi itti gaafatamaan Waajira Paartii Badhaadhina Damee Naannoo Amaaraa Ebla 27, 2023 hidhattootaan ajjeefaman.

Taatee kana hordofees, mootummaan humnoota finxaaleeyyiidha jedhuun irratti duula seera kabachiisuu akka eegale beeksise.

Kanumaan wal qabatee miseensoonni raayyaa ittisaa naannichatti eddoowwan garaa garaatti bobbaafamuu jiraattoonni ibsaniiru.

Iddoowwan gariittid walitti bu’insa humnoota hidhataniifi waraana mootummaa jidduutti umameen lubbuun namoota nagaa baduun ibsameera.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa torban kana ibsa baaseen, naannoo Amaaraa eddoowwan adda addaatti hidhattootaafi raayyaa ittisaa jidduutti walitti bu’insi jiraachuu fi lubbuu namootaa irras miidhaan qaqqabuu beeksiseera.

Kanaanis ‘‘naannichatti bakkeewwan godinaalee Gondar Kaabaa, Walloo Kaabaa fi Shawaa Kaabaatti argaman tokko tokko keessatti, hidhattootaa fi raayyaa ittisaa jidduutti walitti bu’insi gaggeeffamuu," komishinichi kaaseera.

Duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan naannichatti bakkeewwan murtaa’anitti gaggeessaa jiru, dhiibbaa inni mirga namoomaa irratti qabaatuu itti dhiheenyaan hordofaan jiras jedheera jaarmiyaan mirgaa kun.

Haata’u malee mootummaan federaalaas ta’e kan naannoo Amaaraa walitti bu’insaa fi miidhaa qaqqabeera jedhame kanarratti hanga yoonaatti wanti jedhan hin jiru.