Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qorichi humna namaaf kennu maali? Yaaddoo egeree ispoortii Itoophiyaa
Waltajjii idil-addunyaarratti dhimmoota maqaan gaarii Itoophiyaa akka ka’u taasisan keessaa tokko ispoortiidha. Keessumaa ammoo atileetiksii.
Atileetiksii keessaa ammoo fiigichi fageenya dheeraa biyyattiif maqaa gaarii, atileetotaaf ammoo kabajaafi galii gaarii kan itti argataniidha.
Maqaan gaariin kun garuu darbee darbee xuraa’aa jira. Dhiyeenya kana qorichoota humna namaaf kennaniin walqabatee atileetonni saddet itti murtaa’eera.
Lama ammoo qoricha humna namaaf kennan waliin walqabatee dhorkamanii dhimmisaanii qoratamaa jiraahuu Abbaan Taayitaa Farra-Qoricha Humna Namaaf Kennanii Biyyaaleessaa Itoophiyaa beeksiseera.
Qorichi humna namaaf kennu maali?
"Namoonni ispoortii karaa uumamaan ta'een alaafi leenjiin alatti dandeettiisanii cimsuuf kan fayyadaman qoricha humna namaaf kennu jechuu dandeenya," jedhu daarektarri Abbaan Taayitaa Farra-Qoricha Humna Namaaf Kennanii Biyyaaleessaa Itoophiyaa Obbo Mokonnon Yidarsaal.
Ejensiin Idil-addunyaa Qoricha Humna Namaa Kennuu waggaa waggaatiin tarreeffama qorichoota dhorkamanii kan baasu yoo ta'u, humna namaaf kan kennan qorichoonni jedhamanis warruma Ejensii kanaan dhorkamanidha.
Qorichoonni kunneen bifa marfeefi kininiitiin argamuu danda'u. Bifa nyaataatiinis fudhatamuu kan danda'anis ni jiru.
Qorichoonni humna namaaf kennan ykn nama jajjabeessan tokko tokko ammoo qorsawwan tajaajila wallaansa fayyaatiif oolanidha.
Itoophiyaa keessatti qorichoota humna namaaf kennan ykn nama jajjabeessan hunda fayyadamuuf carraan jiraachuu kan himan Obbo Mokonnon, "adda durumaatiin kan wallaansa fayyaatiif oolan baramoodha.
Bu'aa qorannoo baroota darban keessa taasifneen ykn qorannoonis kan mirkaneessa kanumadha," jedhan.
Qorichoonni tajaajila wallaansa fayyaaf oolan dhaabbileen fayyaa keessatti argamu. Faarmaasonniifi warri qoricha dhiyeessan karaa seera qabeessa ta'een galchu.
Isaan kun karaa seera qabeessa ta'een kan wallaansa fayyaatiif oolanidha. Namoonni ispoortiis yoo dhukkubsatan qorichoota kanneen fayyadamuu danda'u. Fayyadamuudhaaf garuu hayyama addaa isaan barbaachisa.
Ispoortessitoonni yoo dhukkubsatan hayyama Abbaan Taayisaa Farra Qoricha Humna Namaaf Kennanii Biyyaalessaa Itoophiyaarraa argataniin fayyadamuu danda'u," jedhan Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa kun.
Qorichoota karaa seera qabeessaan gara biyyaa galan akka qoricha humna namaaf kennuutti fayyadamuun garuu adabbii hordoftiise.
Qorichoonni humna namaaf kennaan ykn nama jajjabeessan biroon ammoo kanneen seeraan ala galanidha.
Qoricha humna namaaf kennu- qormaata atileetiksii?
Namoonni baayyeen waa'ee qoricha humna namaaf kennanii yoo yaadan gosoota ispoortii murtaa'e waliin walqabsiisa. Haata'u malee, gosa ispoortii isa kamiti qorichoota humna namaaf kennaniif saaxilamaadha kan jedhu gaaffii ni kaasa.
Itoophiyaa keessatti qoricha humna namaaf kennuuf adda durummaan kan saaxilamu atileetiksiidha. Obbo Mokonnon kanaaf sababadha kan jedhan tarreessaniiru.
"Tokkoffaa ispoortii jaallatamaadha. Lamaffaa ammoo, sadarkaa idil-addunyaatti ispoortii bu'a qabeessa ta'edha. Sadaffaa ammoo akka madda galiitti tajaajila," jechuun ibsu.
Atileetiksiin ispoortii cichoominaafi jabina barbaadudha. Meetira kuma 10, maraatoonii walakkaa, maraatoonii jedhaa yeroo deemu humnaafi cimina dabalataa kan barbaadudha.
Kun ammoo ispoortessitoonni gara humnaafi cimina dabalataa karaa qaxxaamuraan itti argachuu danda'an akka kajeelan godha.
"Ispoortiin saaxilamaan lamaffaa kubbaa miilaati. Kubbaan miilaas jaallatamaafi madda galii ta'ee tajaajilaa jira. Bishkileetiinis ispoortii cichoominaafi cimina gaafatu waan ta'eef kanaaf saaxilamaadha.
Buunyaafi ispoortiiwwan biroo dhuunfaadhaan ta'anillee saaxilamummaan isaanii olaanaadha. Atileetiks, kubbaa miilaa, bishkileetii... ispoortii hunda ni ilaallata," jedhan.
Ballinaafi adabbii fayyadama qorichoota humna namaaf kennanii
Akka Abbaan Taayitichaa jedhutti, bara 2023 qorannoo gaggeeffameen atileetonni Itoophiyaa 10 ta'an qorichoota humna namaaf kennu jedhamuun dhorkaman fayyadamuun shakkamanii dhimmi isaanii qoratamaa tureera.
"Atileetonni saddet ta'an nuufi Atileetiksii Addunyaatiin tarkaanfiin irratti fudhatameera. Isaan kunneen qoricha humna namaaf kennan fayyadamaniiru jedhamanii warra irratti mirkanaa'edha," jechuun dhimmi atileetota lamaa garuu qoratamaa jiraachuu eeraniiru.
Kanumaan atileetonni saddet seera cabsuun isaanii waan mirkanaa'eef giddu-galeessaan wagga tokkoofi walakkaatii hanga waggaa 4tti dorgommii ispoortii kamirrattiyyu akka hin hirmaanne adabbiin irratti darbeera.
Akkuma kanas qorichoota humna namaaf kennan dhorkaman gurguruudhaan, ogummaa isaaniidhaan qoricha humna kennu kana atileetotaf kennuu isaaniitiin manneen qorichaarrattis tarkaanfiin fudhatameera.
"Farmaasiiwwan qoricha qabaachuu hin qabne qabatan turaniiru.... Osoo isaaniif hin hayyamamiin warra qabatanii argaman isaanirra dhorkaatu kaa'ama," jedhu Daarektarri Olaanaa kun.
"[Akka qoricha humna namaaf kennaniitti faayidaarra kan oolan] qorichoonni ajaja hakiimaatiin kanneen kennemanidha. Ajaja hakiimaatiin alas gurguramanii haalli itti argamanis tureera. Ispoortessitoonnis ajaja hakiimaa malee akka bitatan ragaatiin irra gahameera. Akkaataa kanaan faarmaasiiwwan hojii seeraan alaa kana keessatti argaman tarkaanfiin irratti fudhatamee kanneen dhorkaman jiru," jechuun ibsan.
Qorichoonni humna namaaf kennan hangam yaaddoo ta'aniiru?
Dhimmi qorichoota humna namaaf kennanii kan Itoophiyaa qofaa osoo hin taane, ispoortii addunyaarrattillee yaaddoo uumeera.
Ispoortiin bayyee guddachaa, ammayyaa'aa, tekinooloojiin gargaaramee yeroo deemu dhimmi qoricha humna namaaf kennaniis hanguma sana walxaxaa ta'aa deema.
"Bakka maallaqniifi faayidaan jiru warri waliin dha'anis boodarra dhufuun isaanii kan beekamudha. Ispoortiin Itoophiyaa yoo guddatu hojiin farra qorichoota humna namaaf kennaanii guddachuu baannaan isportiin qoramaa deema jechuudha.
Akka Obbo Mokonnon ibsanitti, fayyadamni qorichoota humna namaaf kennanii sadarkaa amma jiruun tekinooloojii kan fayyadamuufi baayyee guddateera kan jedhamuurra hin geenye.
Guddina ispoortii waliin sochiin farra qorichoota humna namaaf kennaniis guddachaa deema jedhan Daarektarri Olaanaa kun.
Waa'ee Dhaabbatichaa
Abbaan Taayitaa Farra Qorichoota Humna Namaaf Kennanii Biyyaalessaa Itoophiyaa Danbii Mana-maree Ministeerotaa lakkoofsa 400/2009 tiin ifatti kan hundeeffamedha.
Ispoortiiwwan hunda keessatti qoricha humna namaaf kennan ykn nama jajjabeessanirraa qulqulluufi bilisa bifa ta'een dorgommiin jiru hojiirra ooluu qaba jedhee hojjeta.
Itoophiyaan ispoortii qoricha humna namaaf kennan irraa bilisa ta'an ispoortessitoota fayyaaleyyii ta'an uumuudhaan haala uumamaan dorgomanii aadaa mo'achuu arguudhaaf mullata kan qabatedha Abbaan Taayitaa kun.