Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jastiin Biiber fuulli isaa gariin socho'uu akka dide hime
Weellisaa beekamaan dhalootaan Kaanadaa Jastiin Biiber fuulli isaa walakkaan tokko paaralaayizdii ta'uu isaatiin konsartii isaa haquu ibse.
Dargaggoon ganna 28 kun viidiyoo daqiiqaa sadii Inistaagiraam gubbaatti gadhiiseen, dhibee 'Ramsay Hunt syndrome' jedhamuuf waldhaansa fudhachaa akka ture hime.
''Akka argitan ijji inni kun hin libsatu. Fuula koo walakkaa isa tokkoon seequus hin danda'u...fuulli koo garri tokko guutummaatti paaraalisiisii dha'' jedhe.
'Ramsay Hunt syndrome' dhibeen jedhamu narviiwwan fuularra jiran kan naannoo gurraa addatti kan miidhu ta'uu ogeeyyiin fayyaa ni himu.
''Vaayirasii kanatu narvii gurra koo cinaa jiru miidhee, narviiwwan fuula koo miidhee fuula koo paaraaliysisi godhe'' jechuun fuula isaa gara mirgaa miidhame agarsiiseera.
Torbee kana gara jalqabaa konsartiin isaa moggaasa ''Justice World Tour'' jedhamu eegalamee ture keessaa sadii haqamuun ibsamee ture.
Dinqisiifattootni isaa haala fayyaa isaa agrarsiisa isaa itti fufsiisuu hin dandeenye kana hubachuun akka obsaniif gaafateera.
Seequufi ija libsachuu yaaluun hordoftootni isaa Inistaagram miiliyoona 240 ta'an fuulli isaa gariin sochiitti akka hin jirre agarsiiseera.
''Akkuma argitan xiqqoo hamaadha. Utuu ta'uu baateen hawwa ture. Qaamni koo garuu akkan suuta jedhu natti himaa jira. Ni hubattu jedheen abdadha. Yeroo kana boqochuun fayyaa harka dhibbatti deebi'uun waanan hojechuuf dhaladhetti deebi'a.''
Fayyaa isaatti deebi'uuf shaakallii sochii fuulaa gochaa akka jirus dubbateera. Yeroo hangamii fayyuuf akka isa fudhatu garuu hin beeku.
Weellisaan kun torban kana keessa Waashingitan DC fi Toroontootti konsartii qaba ture. Niiw Yoorkiifi Losa Anjalasittis torbanoota dhufan keessatti karoora qaba ture.
Akka kilinikni Mayo US jiru jedhutti ''dhibeen kun gurri miidhame akka hin dhageenyes godha.
Mallattooleen dhibee kanaa hedduun kan yeroof turan ta'us, takka takka ammoo yeroo dheeraas turu.
Arguudhaafis haala rakkisaa akka uumuufi dhibeen kun warreen waggaa 60 harka caalu akka miidhu dhaabbatni kun ibseera.
Haati warraa Biiber Heeyilii kantaruu dhiigaa sammuu keessatti mudatuun hospitaala galtee ture.
Booda ammoo dhibee stirookiidhaan miidhamtee qaawwa onnee ishee keessatti mudateef yaala baqaqsanii waldhaanuu argachuu himteetti.