Kaadhimaan Kashoogjii, Jastiin Biibar qophii Saawudiitti qopheessuu akka haquuf gaafatte

Maxxanfame

Kaadhimaan gaazexeessaa Jamaal Kashoogjii, konsartii ji’a dhufu Saawudii Arabiyaa keessatti gaggeessuuf karoorfate akka haquuf weellisaa Jastiin Biibariin gaafatte.

Weellisaa lammii Kaanadaa kana dabalatee weellistoonni hedduun, qophii Formula One Grand Prix, yeroo jalqabaaf Jeddaa keessatti gaggeefamuuf jiru irratti ni hirmaatu jedhamee eegama.

Hatiisee Seengiz garuu, xalayaa banaa Biibeeriif barreessiteen, qophiicha irratti hirmaachuu dhiisuun “ergaa cimaa akka erguuf” gaafateetti.

Bulchiinsa Saawudii qeequun kan beekamu ture, Kaashoogjiin, Onkololeessa 2018 imbaasii Saawudii Istaanbul jiru keessatti ajjeefame.

Cidha isaaf jecha waraqaalee raga fudhuuf ture gara imbaasichaa kan deeme. Utuu kaadhimaan isaa bakkeetti isa eegduu reeffi gaazexeessaa kanaa kukkutame.

“Namoota jaalalleekoo Jamaaliin ajjeesaniif hin sirbiin,” jechuun Seengiiz xalayaa gazeexaan Washington Post maxxanse irratti gaaffateetti.

Dabaluunis Biibeer “carraa addaa ittiin akka maqaan isaa fi dandeettiin isaa kabaja mootummaa qeeqxota isaa ajjeesu deebisuuf hin fayyadamamne agarsiisu argateera,” jetteetti.

Qophii dorgommii F1 Muddee 5 irratti artistoonni akka A$AP Rocky, David Guetta fi Jason Derulo waliin Biiber akka dhiyaatu eegama.

Dhabbatni Human Rights Watch akkasuma, qophiin kun sarbama mirga namoomaa Sawudii Arabiyaan gaggeessituu irraa xiyyeeffannoo kaasuuf kan qophaa’eedha jechuun, Jastiin Biiber fi artiistoonni biroon konsertii F1 irratti akka hin hirmaanneef gaafateera.

Gabaasni basaasaa US, hogganaan Saawudii Mohaammad bin Saalmaan, Kashoogjiin akka ajjeefamuuf raggaasiisuu isaa hima.

Ilmi mootii kun garuu irra daddeebiin homaa harka keessaa hin qabu jechuun haaleera.

Gazexeessaan ganna 59, yeroo tokkotti goorsaa mootummaa Sawudii ta’ee tajaajilaa fi maatii moototaa waliin walitti dhiyeenya qaba ture, garuu bara 2017tti waldhabdee gidduu isaanitti uumameen biyyaa baqatee ba’e.

Konsartii Saawudii Arabiyaa keessatti qophaa’u irratti akka hin hirmaanneef artiistootarra dhibbaan yemmuu ga’u, kun kan jalqabaa miti.

Bara 2019tti, raappariin Nikii Minaaj Jeddaa keessatti konsartii gaggeessuuf turte, mirga dubartootaa fi LGBT nan deeggara jechuun haqxeetti.