Awustiraaliyaatti qurxummiin miiliyoonaan lakkaa'aman du'anii argaman

- Barreessaa, Antoinette Radford
- Gahee, BBC News
- Maxxanfame
Jiraattonni mandara Awustiraaliyaa halkan nagaadha jedhanii rafan, ganama oggaa hirriibaa kahan qurxummiiwwan miiliyoonatti lakkaa'aman lagatti du'anii argan.
Duuti qurxummii guddaa kun yeroo jalqabaaf kan mul'ate Jimaata ganama oggaa tahu, kutaa biyyaa Niiw Saawuz Weels (NSW) magaalaa Menindee jedhamtu keessa ture.
Qaamni laggeenii kutaa biyyattii akka jedheen, dambalii ho'a hamaa laga Darling-Baaka miidhaa jiruun uumamuu ibse.
Jiraattonni akka himanitti taateen kun du'aatii qurxummii isa guddicha isaan mudatedha. Magaalaan kun ganna sadiin durallee dhimmi akkasii isaan mudateera.
Kutaa biyyaa NSW'tti waajirri Department of Primary Industries (DPI) ho'i hamaan kun, "sirna durumayyuu lolaa cimaan miidhamee ture irratti, dhiibbaa dabalataa fida" jechuun fuula Facebook gubbaa maxxanse.
Sababa jijjiirama haala qilleensaa dhalli namaa fideen, ho'i cimaa walitti fufaan (heatwave) irra deddeebiin mudachaa kan jiru yemmuu tahu, yeroo dheeraafis turaa jira.
Dacheen teenya erga jabanni indastrii jalaqabee 1.1C'n kan ho'ite ennaa tahu, mootummoonni biyyoota addunyaa faalama hambisuuf waa hin tolchan taanaan, inumaa ittuu hammaachuun isaa hinoolu.

Madda suuraa, GRAEME MCCRABB
Jiraataan Menindee BBCtti dubbate Graeme McCrabb, taatee kana "kan amanuuf nama rakkisu" jechuun ibse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraattonni naannichaas qurxummiin hedduun ammallee du'uu akka malan tilmaamuu isaanii hime McCrabb. Maaliif jennaan, qurxummiiwwan hedduun amma dura du'anii bosbosaa jiran, oksijina bishaan keessa jiru akka malee waan xuuxaa jiraniif.
Magaalaa xiqqoo Niiw Saawuz Weels gama lixaa argamtu kanatti, namoota 500 ta'anitu jiraata.
Lagni Darling-Baaka jedhamu kunis qaama yaa'a laga guddicha Awustiraaliyaa Murray Darling Basin jedhamuuti.
Angawoonni akka jedhanitti taateen du'a qurxummiiwwanii kun hawaasa naannichaa "dhiphina keessa galcheera".
"Mee yaadi qurxummiin tokko mana kee keessa jiru tortoree, balballi hunduu cufaa tahee... waan akkasii miiliyoonatu nu mudate."
Obboo McCrabb jiraattonni magaalattii laga Darling-Baaka dhimma garagaraaf kan itti fayyadaman tahuu himuun, rakkoo jabduu akka harkaa qaban dubbate.
"Bishaan laga kanaa waa miiccuuf, akkasumas qaama dhiqachuuf itti fayyadamna.
Namoonni amma fedhiisaanii bu'uuraa akkasiif itti gargaaramuu hin danda'an."















