Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Basaasaa, pirezidaantichaa fi maallaqa soofaa keessa dhokfame
Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaafoosaan maallaqa guddaa sharafa biyyoota alaan jijjiiruun soofaa isaa keessa dhoksuun amma immoo himaticha jalaa bahuuf falmii jabduu gaggeessaa jiru.
Paartiin isaanii ANC’n paarlaamaa keessatti akka isaan deeggaruuf duula gaggeessaa jiru.
Ogeessotni seeraa isaanii ammoo himata garee ogeessota seeraa qorannoo gaggeessuun isaan saaxilan kana bisheessuuf dhama’aa jiru.
Yakka malaammaltummaa guddaa teessoo pirezidaantummaa isaanii raasuu danda’udha jedhame.
Namni Raamaafoosaa himate hogganaa basaasaa duraanii biyattii kan turan Artuur Fireezer jedhamu.
Himata kanas qaama seera raawwachiisaniif dabarsuun, ergasuu paarlaamaan Kibxata har’aa irratti falmii gaggeessuuf darbeera.
Fireezer namni Raamaafoosaatti hedduu dhiyaatu Beejaanii Chuukee, ‘’Doolaara hammisaa baay’ee tahe’’ Sa’ud Arabiyaa, Missir, Morookoo fi Ikkuwaatooriyaal giiniidhaa fide.
Sana booda maallaqicha gara mana isaatti geessuun soofaa keessa erga dhokseen booda beekamtii Raamaafoosaan maallaqa callaa gara qe’ee qonna Raamaafoosaa geessuun dhoksan jedha himatichi.
Raajiin kanarra caalu tokko garuu dhalate.
Hattootni hojjetaa isaa tokko waliin shira hojjetan maallaqa hammi isaa gara doolaara miliyoona afurii [$4m] hanga miliyoona saddet [$8m] taha jedhame hatani.
Kun Kanaan osoo jiruu mallaqi gara doolaara miliyoona 20 tahu ammoo gara lammii Afrikaa Kibbaa tokkoo, kan inni maqaa dhahuun poolisiin akka qoratu jedheetti ‘’dabarfame.’’
Namootni gariin himata Fireezer kana siree keessa ciisanii dubbisuuf gaarii taha jechuun bishaan itti naqanis Raamaafoosaatti garuu mata bo’uu gama siyaasaa fi seeraan itti dhufe taheera.
Sababni isaa ammoo Baankii Gidduugaleessaa dabalatee qaamonni saddet qorannicha keessatti waan hammatamaniif.
Raamaafoosaan yakka homaa hin hojjenne jechuun haalaniiru.
Qorannicha kan dursan hogganaa Haqa biyyattii duraanii yoo tahan, himata kana ‘’adda baasuu’’ hin dandeenye jedhan.
Raamaafoosaan ammoo ragaaleen himata Fireezer dhiyeesse keessatti hammataman odeeffannoo nama biraa irraa akkasumaan fudhatamedha’’ jedhan.
Namni mallaqicha fidan jedhaman Obbo Chuukeenis akkasuma himata irratti dhiyaatu haalaniiru.
Waanti Raamaafoosaan amanan bara 2020 keessa lafa qonnaa isaanii keessatti doolaarri 580,000 jalaa hatamuu isaati.
Fireezer namni himata kana dhiyeesse ammo kunis qaamuma maallaqa kana dura Joohaanisbargi keessatti dhokfameeti, Raamaafoosaan taatee gara biraa himan jedhan.
Maallaqni Raamaafoosaa jalaa hatame kan hogganaan lafa qonna isaa gafarsa 20 bara 2019 keessa abbaa qabeenyaa Sudaan tokkotti gurguruun maallaqa argamedha jedhan.
Gareen qorannoo gaggeessu garuu ‘’shakkiin jira’’ hogganaan lafa qonnaa isaas tahe abbaan qabeenyaa Sudaan bittaa raawwate jedhame waan mirkaneessan hin qaban jedhan.
‘’Raamaafoosaan madda maallaqa sharafa alaan taa’ee jalaa hatame jedhamee irratti deebii akak kennan barbaanna, akkasumas karaatti daddabarfameef irratti himuu qabu’’ jedhan gareen ogeessota seeraa qorannicha gaggeessan.
Dabalataan maallaqani hatame doolaara 580,000 qofaadhaa? Kan jedhus ilaalu. Sababni isaa namni maallaqicha hatuu yeroo qorannoo hime doolaara 800,000 jedheera. Namni qorannoo gaggeessaa ture ammo hammi maallaqaa hatame doolaara miliyoona 20 jechuun qorannoo irratti yoo dubbatu waraabameera jedhan.
"Qorataan kun doolaaranis tahe Raandiidhaan yoo jedhe hammi maallaqaa dubbataa ture doolaara 580,000 kan soofaa keessa dhokfame jedhame baay’ee caala,’’ garee ogeesota seeraa.
Gareen ogeesota seeraa kun ‘’dubbii hamaa’’ gara biraan hanni kun poolisii naannoottis tahe Daariktoreetii Qorannoo Yakkaaf akkuma yakka kaaniittillee gabaasa hin godhamne jedhan.
Koreen Paarlaamaa pirezidaantii aangoo irraa kaasuu pirezidaantichi yakka ‘’hamaa’’ hojjechuu irratti qorannoo gaggeessuu danda’a jedhame.
Akka seera biyyichaatti namni hanna maallaqaa Raandii 100,000 olii dhokse hidhaa ykn adabbii maallaqaan adabama.
‘’Namni maallaqa guddaa mana dhokfatee yoo jalaa hatame sodaa yakka daddabarsa maallaqaan himatama jedhuun hin gabaasan,’’ garee ogeessota seeraa.
Raamaafoosaan yakka malaammaltummaan irra dedeebiin himatamuun qoratamaa turan.