MM Niiw Ziilaand 'na ga'e' jedhanii aangoo gadhiisuuf

Jacinda Ardern- MM Niwu Ziilaand
Maxxanfame

Ministirri Muummee Niiw Ziilaand Jacinda Ardern ''anniisaan biyya bulchuuf qabu fixadheera'' jechuun aangoo gadhiisuuf akka jiran beeksisan.

Aadde Ardern bu'aa ba'ii waggoota ja'an darban dabarsan wayita ibsan baayyee rifatanii turan.

Akka duristuu paartiisaanii- labour Party jedhamuuttis hanga Guraandhala 7 caalaa aangoorra hin turan.

Biyyattiin qondaala kana bakka buusuuf yeroo gabaabaa keessatti filannoo gaggeessuuf dirqamti.

Niwu Ziilaand keessatti filannoon waliigalaa kan gaggeeffamu Onkoloolessa dhufu gaafa bultii 14ti.

Dubartiin waggaa 42, Aadde Ardern hanga filannootti waa'ee turtii aangooshee murteessuuf bona kana guutuu yaadaa akka ba'anii fi amma aangocha gadhiisuuf akka murteessan himan.

''Hanga yeroon kiyya obba'utti ittan fufa jedhee yaadeen ture. Garuu hin dandeenye. Kanaafuu aangooo dhiisee akka gorsituu ta'ee biyya kiyya gargaaruu naaf wayya,'' jedhan.

Bara 2017 wayita umrii waggaa 37tti Ministira Muummee ta'uun filaman pireezidantii umrii xiqqaa addunyaa jedhamanii turan.

Waggaa booda ammoo addunyaarratti duree biyyaa yeroo jalqabaaf osoo aangoorra jiranii da'an lammaffaa ta'aniiru.

Bara aangoosanii weerara koronaavaayirasii, haleellaa Masjiida Kirstchaarch fi dhoyiinsa volkaanoo biyyattii mudateen guddoo qoraman.

Aadde Ardern filannoo bara 2020 irratti paartiinsaanii garaagarummaa guddaadhaan injifate.

Beekamtiin qondaala kanaa yeroo dhihoo kana akka duraa miti.

Aadde Ardern garuu aangoo gadhiisaa kan jiraniif kanaan booda paartiisaanii waliin dorgomanii mo'uuf abdii waan kutataniif osoo hin taane, waan yeroonsaa ga'eef ta'uu ibsan.

''Ba'aa fi qormaata biyyi keenya keessa jiru baachuuf gateettii haaraa barbaanna,'' jedhan gabaabsanii.

Itti aanaan isaanii Grant Robertson filannoo bakka pireezidantii gaggeeffamuuf jiru irratti akka hin hirmaanne hime.

Yoo namni hin hirmaanne aangoon gara miseensota paartii Jacinda Ardern- Labour party jedhamuu deema jechuudha.