Riqicha Kirmiyaa: Puutin Yukireeniin ''shororkessumaan'' himate

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin riqicha bulchiinsa Raashiyaa jala galte, Kirimiyaa, irratti haleellaa raawwachuu hime. ''Kun gochaa shororkessuumaati'' jechuun himate.
Pirezidant Puutin humnootiin tikaa Yukireen bu'uuraalee siviil Raashiyaa baayyee murteessoo ta'an barbadeessuu irratti xiyyeeffatan jedhan.
Puutin kana kan dubbate, walgahii hogganaa Koree Qorannoo Raashiyaa kan ta'an Aleeksaandar Baastiriikin waliin taasisan irratti.
Qondaaltoonni haleellaa riqicha irratti raawwatenn namoonni sadii du'uu dubbatan.
Namoonni du'anis kanneen konkolaataa dhohetti kan dhiheenyarra turan jedhan qondaaltoonni Raashiyaa.
''Shakkii omtuu hin jiru, kun gochaa shororkeessummaa buu'uraalee misoomaa murteessoo Raashiyaa irratti xiyyeeffatedha'' jedhan Puutin.
"Kanneen duuba jiraniifi fayyadamtootatu Yukireen keessatti tajaajilawaan nageenyaati.''
Baastrykin ammoo lammiilee Raashiyaa fi bulchiinsoota biyya alaa muraasatu qophii haleellaa kanaatiif deeggarsa taasisan jedha.
Akka Baastrykiin jedhaniitti, konkolaataan isaan dhohee jedhan karaa Bulgaariyaa, Joorjiiyaa, Armeeniyaa, Kaaba Oseetiyaa fi daangaa Kiraasnoodaar kan imale ta'uu qorattoonni adda baasaniiru.
Taateen daandii walakkeessaa barbadeessee kun akka qoratamuuf ajaja dabarsaniiru.
Qondaaltoonni Yukireen ammoo haleellaa kana duuba humnootiin isaanii jiraachuu ilaalchisee omaa hin jinne.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu ammoo gorsaan Pirezidaantii Yukireen Volodmiir Zelenskii, Mykhailo Podolyak himannaa Puutin kana waakkaataniiru.
Asi kan jiru ''biyya shororkeessaa tokkicha'' innis eenyu akka ''ta'e addunyaa guutuun beeka,'' jedhan.
''Puutin Yukireeniin shororkeessaa jedhee himate? Kunis Raashiyaadhaaf baayyee qoosaa fakkaata,'' jedhan.
Guyyaa Sambataa Pirezidant Volodmiir Zelenskiin haasaa galgala taasisee keessatti, ''har'i guyyaa badaa miti. Daangaa bulchiinsa keenyaa irratti aaduu baayyeetu jira'' jechuun taateef beekamtii kennee ture.
''Haata'u malee, Kirimiyaa keessatti duummeessadha. Baayyee kan ho'u ta'ulleen,'' jedheera.
Aanga'oonni Raashiyaa erga haleellaan raawwatamee sa'aatiin booda daandiicha hanga tokko deebiisanii bananillee konkolaatoota xixiqqaa qofaadhaaf baname.
Qaamni baabuuraa riqichaa bakki konkolaataan boba'aa fe'e ibiddi itti qabates deebii'ee banameera.
Riqichi dheerina km 19, kan dheerinaan Awurooppaatti isa guddaa ta'e kunis, humnootii Raashiyaa Yukireen keessatti waranaa gaggeessaniif daandii dhiyeessitii baayyee murteessaadha.
Raashiyaan riqichatti fayyadamuun meeshaalee waraanaa, wantoota dhokaafaman fi loltoota Raashiyaa irraa gara adda waraana kibba Yukireeniitti ittiin geessiti.
Daandiin kunis erga erga Raashiyaan Kirimiyaa of jala galchiteen waggoota afuriin booda bara 2018tti Puutiin baname.












