Godina Booranaatti gaala du’e nyaachuun namni tokko du’ee, hedduun dhukkubsatan

Madda suuraa, Getty Images
Godina Boorana Bahaa Aanaa Dhaas bakka Gadamoojjii jedhamuun beekamutti hawaasni ganda tokkoo Gaala dhukkubsatee du’e erga qaluun sooratanii booda namni tokko du'ee, hedduun dhukkubsachuu itti gaafatamaan buufata fayyaafi jiraataan BBC’tti himan.
Namoota Gaala kana nyaachuun dhukkubsatan keessaa tokko ta’uu kan himanii fi amma yaala argachaa kan jiran Obbo Tuuroo Guyyoo, gaalli sooratan kun yeroo dheeraaf dhukkubsatee yaalamaa kan ture jedhan.
ALI Fulbaana 2, 2016 gaalli kun obba’ee jennaan jiraataan gandaa cufti walwaamee sooranne jedhan.
Naannoo keenya ‘gaalli yoo du’e soorachuun waanuma jiru’ kan jedhan jiraataan kun, ‘‘gaalli kun dhukkubsatee akka du’e osuma beeknuu sooranne’’ jedhan.
Foon Gaalaa kana abiddaan waadduun hawaasni ollaa cufti walitti bahee kan nyaate yoo ta’u, namoonni foon kana nyaatan 60 akka caalanis himu.
“Namni foon san nyaate cufti ya dhukkubsate. Namni ollaa keenyaa tokko lubbuun darbee jira. Nama 60 kan ta’u dhukkubsanne. Amma mana yaalaatti yaala argachuu jirra,” jedhan.
Namni lubbuun darbe kun erga buufata fayyaa Borbor gaheen booda dhukkubni itti hammaatee du’e.
Namoonni 50 ta’an biroon ammo ''ambulaansiin guuramanii'' yeroo ammaa Buufata Fayyaa Borboritti yaala argachaa jiru jedhan, Itti gaafatamaan Buufatichaa Obbo Abduljabbaar Mohammad.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Kaleessa ganamaa hanga galgalaa namoota torba ta’antu gara buufata fayyaa dhufee ture. Gara galgalaa lakkoofsi namaa baayyee dabale. Kanneen dhufan keessaa tokko lubbuun darbe,” jedhan.
Yeroo ammaa kanas namoonni foon Gaala kana nyaatan 50 kan tahan buufata fayyaa Borbor keessatti yaala argachaa jiraachuu himan.
Waggaa sadiin dura, ji’uma jalqaba Fulbaanaa kana, aanuma kanatti hawaasni Gaala dhukkubsate qalatee nyaachuun namoonni 100 ta’an dhukkubsachuu gabaasnee turre.
Yeroo sanatti dhukkubsachuu isaaniin alatti sababa foonichaan namni lubbuun darbe hin turre.
Itti gaafatamaan buufata fayyaa Borbor Obbo Abduljabbaar Mohammad, naannoo Aanaa Dhaas kanatti aadaan horsiisee bultoonni beelladoota dhukkubsatan qalanii nyaachuu waan jiruuf yeroo adda addaa haalli walfakkaataan gara buufata isaanii akka dhufu himu.
Ogeessi fayyaa beelladaa Dr. Firaa’ool Waaqoo kanaan dura wayita dhimma walfakkaataa irratti dubbisnetti, hawaasni beeladoota dhukkubsataniifi du’an soorachuu akka hin qabne himanii ture.
Dhukkuboonni beeladarraa namatti darbuun miidhaa geessisan akka jiraniifi beelada qoricha fudhachaa tures qalanii nyaataaf oolchuun dura hanga qorichi qaama keessaa badutti eeguu akka barbaachisu himanii ture.
Obbo Abduljabbaar garuu ammallee hubannoon hawaasni dhimma kanarratti qabu gadi aanaa waan ta’eef rakkoon akkanaa irra deddeebiin miidhaa qaqabsiisuurra hawaasa barsiisuun murteessaa ta’uu akeeku.












