Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Eenyun firoomfachuu akka qabnu nutti himamuu hin qabu' - Ramaposaa
Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa senaataroonni Yunaayitid Isteetis wixinee seeraa dhiibbaa Raashiyaan Afrikaa keessatti qabdu morkachuuf as bahu akka morman waamicha taasisan.
Siriil Raamaaposaan tibbana gara Ameerikaa imaluun pirezidantii biyyattii Joo Baayidan waliin dhimmoota adda addaa irratti wal arganii mari’ataniiru.
Wixineen seeraa dhiibbaa Raashiyaan Afrikaa keessatti qabdu laaffisuus yaade jedhame kana Raamaaposaan qeeqaniiru.
Wixinichi biyyoota Afrikaa hubuu mala jechuun yaadda’an. Afrikaaf Ameerikaanis Raashiyaanis michuudha jechuun Baayidaniif himan.
Bulchaan Afrikaa Kibbaa viidiyoo Tiwiitara gubbaa qoodaniin ''Eenyu waliin akka michoomnu nutti himamuu hin qabu. Eenyu michuu keenya akka ta’e haala filannu keessa kaa’amuu hin qabnu,’’ jedhan.
Yoo labsiin kuni ragga’e ija Ameerikaan biyyoonni Afrikaa Raashiyaa bira dhaabbataniifi dhiibbaan ishii akka guddatu taasisan jedhaman qoqqobbiin irra ka’ama.
Kaayyoon biraa labsii kanaa Raashiyaan albuuda Afrikaa keessaa baastun waraana ishii Yukireen keessaa jiran akka hin tumsine gochuudha.
Raamaaposaan garuu eenyuyyuu abbaa waliin michoomtu itti himu jiraatuu hin qabu jechuun qeeqan.
Baatii tokko dura dhiibbaa Raashiyaan Afrikaa irratti qabdu laaffisuuf kaayyeffateen Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Biliinkan Afrikaa Kibbaa dabalatee daawwataniiru.
Daawwannaan isaanii sun erga Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeey Laavrov biyyoota Afrikaa daawwatan booda kan raawwate ture.
Raashiyaan Yukireen weeraruu booda biyyoonni Lixaa biyyoonni Afrikaa Raashiyaa akka balaaleffatan gaafataa turan. Dhimma kana irratti biyyoonni Afrikaa lamatti qoodamani.
Afrikaan Kibbaa biyyoota waraana Raashiyaan Yukireen irratti banteen kanneen ifatti hin mormine keessaati.
Akka muraasni jedhanitti wixineen akka bahuf sababoota ta’an keessaa toko biyyoonni Afrikaa hedduu weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte mormuu dhabuu isaaniiti.
Ameerikaan qindoomina idil-addunyaa Raashiyaarratti qoqqobbii kaa'uf kaayyeffateefi Yukireen meeshaa waraanaa akka argattu taasisu dursaa jiru.
Haa ta’u malee, qoqqobbii biyyoonni Lixaa Raashiyaarra kaa’aniin biyyoonni Afrikaas hubamaniiru.
Gatiin boba’aa, midhaaniifi kaan sadarkaa addunyaatti guddate.
Sababa farra-Appaartaayidiin Raashiyaa waliin hariiroo jabaa kan qabdu Afrikaan Kibbaa garuu waraanichi karaa nagaan akka furamu barbaaddi.
Raashiyaan gatii boba’aa gatii gad-aanaan akka gurgurtu Afrikaan Kibbaa akka ishee amansiistu Ameerikaan ni barbaaddi.
Afrikaan Kibbaa waraanichi marii UN’n durfamuun malee qoqqobbii biyyoota Lixaan akka hin furamne feeti.
Waraanni Raashiyaafi Yukireen gidduu erga eegalee ji’a torba ta’uuf deema.