Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Falmii cimaa baranaa: Morkii Siitii fi Maadriid dorgommii Chaampiyoons Liigii keessa turuuf taasisan
Kilaboonni gameeyyiin- Maanchistar Siitii fi Riyaal Maadriid, tapha inni tokko kuffisee bira darbuun wal morkatu.
Taphi kun dorgommii Chaampiyoonsi Liigii keessatti morkii cimaan kan irratti argamu ta'a jedhamee eegama.
Kilaboonni humna-qabeeyyii jedhaman kunneen bara dorgommii afran darban keessatti yeroo afraffaaf waliin morkachuu isaaniiti.
Bara kana kilaboonni lameenuu sadarkaa 1-8 jiru keessa seenuun gara gulantaa itti aanuutti darbuu hin dandeenye.
Kanaafuu kanneen hafan 16 keessa seenuuf falmii jabaa taasisuuf deemu.
Kilaboonni ciccimoon kunneen bara kana akkamiin saddeet keessa galanii xumuruu dhabanii, tapha kuffisanii darbuu taphachuuf dirqaman?
Bara qorumsaa Maanchistar Siitii
Maanchistar Siitiin dhumarratti dirqama itti ta'ee Club Brugge waan mo'ateef carraa kanayyuu argate.
Gareen kun waan of ijaaruu irratti rinciceef rakkoo kana seenee? Eyyee yookiin miti.
Bara darbe erga waancaa Piriimer Liigii injifatanii Peep Gaardiyoolaan kilabi kun fuulduratti kana caalaa akka cimee deemu gochuuf carraa guddaa qaba ture.
Garuu innumtuu egereesaa ilaalchisee yaada mirkana ta'e waan hin qabneef xiyyeeffannaa hin kennine.
Waldaa Kubbaa miillaa Ingilaand (English FA) keessatti fedhii akka qabu agarsiisaa ture, akkasumas leenjisaa garee biyyaalessaas ta'uuf ture.
Kana hunda irratti kanneen isa marsanii jiran gorsaa turan, jireenya tasgabbii qabu akka kennuuf itti himaa turan.
Gaardiyoolaan taphattoota isaarraas amantee guddaa qaba. Garee waancaa Pirimer Liigii afur argachuun isa boonse.
Siitiin Sadaasa darbe Piriimer Liigii dursaa ture. Kilaboota sadarkaa 1-5 jiran keessaa kan hin mo'amin isa qofa ture.
Ergasii garuu dubbiin harkaa babbade.
Hagayya darbe wayita Ilkay Gundogan gara Siitii deebi'u yaadi ture inni fi Bernardo Silva taphoota sadi keessaa tokko akka taphatanidha.
Midhamni Roodrii akkasumas Manu'eel Akaanjii fi Joon Istoonsi bakka buutota dhabuun qormaata guddaa Siitiiti.
Saffisi Fil Foden, ciminni Kevin De Bruyne fi dandeettiin Jaak Giriilish gadi bu'uun rakkoo Siitii daran hammeesse.
'Gaardiyoolaan ofiisaatiin wal lolaa jira'
Gaardiyoolaan Siitii keessa turuusaa ilaalchisee mamiin ture Mudde darbe wayita inni kontiraata isaa waggaa tokkoon dheeresse hafe.
Maanchistar Siitiitti nagaa dhaamuun yeroonsaa amma akka hin taane mirkaneesse, barbaachisaan gareesaa bifa haaraan ijaaruu akkuma jirutti ta'ee.
Taphattoonni garee isaa jajjaboon isa waliin akka jiranii fi gargaarsa isaatiin danqaa keessa seenan keessaa ba'anii akka bayyanatan amantee irraa qaban mul'isaniiru.
Taphattoonni gariin hireensaanii kilaba biraa keessa akka ta'u murteeffatanis, hooggansa Gaardiyoolaa irratti garuu gaaffiin ka'ee hin beeku.
Yeroo garii Gaardiyoolaan qaama isaatiin wal lola. Fedhii keessoo isaa fi dirqama ofirra kaa'e galmaan ga'uuf jecha ofirraa of ittisuu dadhaba.
Dhihoo kana jireenyisaa tasgabbii dhaabeera, kunimmoo rakkoon irratti heddummaatu taasise.
Amma sadarkaa isa madaalurra hin jiru, miirasaa to'ataa hin jiru. Bakka maqaasaa dhaabbachuu dhiiseera.
Haata'u malee ammallee dhiibbaa uumaa jira, kanneen isa marsanii jiran hundi akkaan isa barbaadu.
Dorgommii Chaampiyoonsi Liigii baranaarratti Siitiin baayyee qorame, ammoo kan PSG waliin wayita taphatan isa mudate akkaan hamilee isa buuse.
PSGn tapha sana dura Siitii duuba ture. Taphicharrattis durfamaa ture. Garuu boodaa ka'ee goolii 4 fi 2n mo'ate.
Ammoo ergasii Chelsii fi Club Brugge mo'atus Arsenaal goolii 5 fi 1n mo'achuun ammas Siitiifqormaata biraa ta'e.
Gaardiyoolaan ammallee taphattoonni isaa cimina bara tokkotti waancaa sadi argamsiiseefitti deebi'uu danda'u jedhee abdata.
Ammatti garuu Siitiin waancaaf osoo hin taane sadarkaa 1-4 keessa galee xumuruuf ijibbaata falmataa jira.
Rakkoo ittisaa Riyaal Maadriid
Riyaal Maadriid dorgommii Chaampiyoonsi Liigii bara kanaan sadarkaa 1-8 keessa seenuu hanqatee tapha kuffisanii darbuuf saaxilameera.
Kana keessatti akka Siitii ta'uu baatus rakkoon dabarse salphaa miti.
Kilabiin kun La Liga keessatti jalqabarra jiraatus, dorgommii Chaampiyoonsi Liigiif wayita qe'eedhaa ba'u garuu yeroo hedduu salphatee deebi'a.
Kun ija Siitii jalaa hin dhokanne, abdiis ta'eeraaf.
Haala amma jiruun Riyaal Maadriid ittisarratti badaa miti. Taphattoonni garee faallaa qabanii dhaaban kanneen akka Daanii Karvayaal fi Eder Militaawoo miidhaman, David Alaba rakkoo yeroo dheeraa keessa jira, Antonii Ruudiger yeroo dheeraaf tapharraa fagaateera.
Garuu rakkoon ittisarra qofa jiraachuun Kaarloo Anselootiif waan guddaa miti.
Leenjisaa gameessi kun akkatti Siitii qabu bareechee beeka.
Viiiniishiyees Jr, Roodriigoo fi Kiliyaam Imbaappee akkasumas Juud Beeliingihaam itti dabaluun fuuldura hiriirsee Maanchistar Siitii morkachuu danda'a.
Hoogganaan Riyaal Maadriidh kun jalqaba bara dorgommii kanarratti hanqina qabu adda baasee ture, yoo hunduu kutannoon hin hojjenne fagoo ifaajuu dandeenya jedhe.
Kilabichi Toonii Kiruus sababa sooramaan dhabeera. Garuu bakkasaa taphataa sarara idduu (utubaa) hin fidanne.
Taphataa colleen abdii Riyaal Maadriid ta'e Viiniishiyes Juuniyer erga tapha dorgommii Copa Del Rey nuusa xumuraa Roobii darbe Leganes waliin taphatan irratti komatamee booda tapha La Liga Sambata darbe Atileetikoo Maadriid waliin taphatan irratti kilabsaa kiiseera.
Kaarloo Anselootii taphataa dirree keessattis dirreen alas ijoo dubbii ta'uun beekamu kanatti dubbachuurraa duubatti hin jenne.
Taphataa kanarra ba'aa guddaatu jira, namni waan baayyee irraa eega. Barana garuu hanga eegame irraa argaa hin jirru.
Waa'ee taphataa kanaa oduun qabatamaa hin taane tokkos odeeffamaa ture- Garuu Sa'uudii Arabiyaarraa Yuuroo biliyoonni tokko dhiyaachuufii dubbata.
Ammatti kun sadarkaama oduutti jira. Riyaal Maadriid dhimma kana deeggarees mormees homaa hin jenne, banaamatti dhiise.
Viinishiyes Juuniyer yoo deemes kilabichaaf miidhaa guddaa miti. Bitaarraan fuuldurarra ba'ee kan taphatu Roodriigoon goolii 13 lakkoofsiseera.
Imbaappeen gamasaan hanga humnasaa tattaafataama jira.
Of ta'ee, ofitti amanummaadhaan waan sammuunsaa ajajee fi hanga dandeettiisaa sosocho'aama jira.
Viiniishiyes dabalatee taphattoonni kilabichaa Imbaappeen abdii Riyaal Maadriid ta'uu hubataa jiru.
Riyaal Maadriidh kilaba saaxilamaadha jedhanii ibsuun kilabicha tuffachuu fakkaata.
Kaarloo Anselootii garuu kilabichi taphattoota dandeettii addaa qabaniin maqaa guddaa horatanirraa waan ijaarameef mo'ataa yoona ga'e malee kutannoo qofaan miti jedhan.
Kilabichi ammoo hanqina taphattoota akkanaa hin qabu. Namni kanaan falmu jiraa?