Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsenaal Maan Siitii 5fi 1'n erga injifatee booda taphattoonni maal jedhan?
"Taphatoonni Arsenaal kaleessa Maanchister Siitii haloo qofa bahan miti. Taphattoota Maanchister Siitii dirree keessatti macheessan jechuun danda'ama.
Maanchister Siitiin kileba bara darbe shaampiyoonaa tahee xumure hin fakkaatu.
Akkuma taphni jalqabeen daqiiqaa gara jalqabaa irratti Arsenaal dogogora Manu'eel Akaanjii hojjetetti fayyadamuun galchii lakkoofsise.
Maartin Odeegaardi galchii jalqabaa lakkoofsise.
Siitiin galchii jalqabaa argachuuf dhama'us maanchister Siitii dur beeknu miti.
Dursamuu irraa ka'uun galchii hedduu lakkoofsisanii mo'uun bara kana maanchister Siitii waliin hin jiru.
Erliingi Haalaandi galchii wal qixxeesituu lakkoofsisuus osoo hin turiin Toomaas Paartee galchii lammaffaa Arsenaaliif lakkoofsise.
Sana booda taphattoonni Maanchister Siitii iddoo dhokatan hin arganne. Taphni akka dhumuuf hawwuu yoo tahe malee.
Ol adeemtonni Arsenaal Maayilsi Lewis Iskeelii fi Etaan Nawaneerii galchii lakkoofsisuu qofa osoo hin taane gahumsa isaan agarsiisan ajaa'iba ture.
Arsenaal 5-1'n Maanchister Siitii mo'ate.
Maanchister Siitiin leenjisummaa Peep Gaardiyoolaa jalatti garaagarummaa galchii 5 fi isaa oliin mo'amee hin beeku.
Bara 2008 ture Midilsibooroo kilebni jedhamu amma Shaampiyooonshiippii keessa taphatu 8-1'n Maanchister Siitii mo'atee ture. Ergasii kun seenaa yeroo jalqabaaf kilebicha irratti hojjetamedha.
Saaliibaa fi Gabri'eel Magaalesh Erlingi Haalaandiin akka hin sochoonetti qabaniiru.
Isa qofa osoo hin taane madaa isaanii irratti akka waan ashaboo firfirsuutti kan ilaalamu ammoo Lewis Iskeeliin yeroo galchii lakkoofsisee gammachuu isaa ibsatu Erlingi Haalaandiin akkeesuu isaati.
Kevin De Biriyuun gahumsa isaa durii irra hin jiru. Jijjiiramee galees homaa qabxii Siitii karaatti deebisuu hin dandeenye.
Tarii waancaa hedduu waan injifataniif taphattoonni Maan Siitii nuffii keessa jiruu?
Humna qaban hundaa walitti aansuun kileba isaanii Siitiif kennuun taphatanii tarii dadhabbii keessa galani moo ni dullooman jettee akka gaafattu si taasisa.
Erliingi Haalaandii fi Arsenaal maaliif wal dhaban?
Taphattoota Arsenaalii fi Erliingi Haalaandi gidduu morkii jabaatu jira. Yeroo kamiyyuu taphni kileboota lamaanii geenyaan Wiiliyaam Saalibaa fi Gabri'eel Maagaalesh Haalaandiin akkamiin akka taphaan ala godhan irratti hojjetu.
Haalaandi Maan Siitiif galchii hin lakkoofsifne taanaan akka durii kilebichi galchii hedduu taphattoota kaan irraa hin argatu.
Fulbaana darbe yeroo Itihaad irratti wal argan Arsenaal dursaa ture. Booda taphataan Arsenaal tokko kaardii diimaan baanaan Maanchister Siitiin dhiibbaa guddaa uumee taphate.
Taphattoonni Arsenaal yeroo gubuuf miidhame jedhanii kufanii yaalii argachaa, kubba dafanii gara taphataatti galchii dhiisuu fi hundi isaanii karra isaanii ittisaa turuudhaan akka malee qeeqaman.
Arsenaal qabxii argatee bahuuf kana godhe. Taphattoonni Maanchister Siitii ammoo kun tooftaa dukkanaa'aa tapha balleessuuf fayyadamanidha jechuun qeeqan.
Daqiiqaa dhumaatti Joon Istoonsi yeroo galchii wal qixxeesituu lakkoofsisu Erliingi Haalaandi kubba fuudhee mataa Gabri'eel Magaaleshitti rukutee gammachuu isaa ibsate.
Dhuma irratti ammo leenjisaa Arsenaal Mikel Arteettaadhaan ''gadi of qabi, tasgabbaa'I'' jechuun itti dhaadate.
Taphni kaleessaa ammoo taphattoota maanchister Siitii boquu buusise. Deeggartoonnii fi taphattoonni Arsenaal ''gadi of qabi, tasgabbaa'I'' jechuun jecha kana dura Haalaandi dubbateef barreefamaa fi iyya guddaan gammachuu isaanii ibsataa turan.
Haalaandi garuu mallattoo piriimer Liigii fakkii leencaa qabu sana taphattootaa fi deeggartoota Arsenaalitti agarsiise.
Kana jechuun waancaa Piriimer Liigii meeqa mo'attan jechuu barbaadeeti. Abbaan Haalaandi Alfii Haalaandi fuula Tiwiiterii [X] irratti ''garee waancaa hundumaa mo'ate kana…..'' jechuun suuraa taphattoota Arsenaal maxxanse.
Arsenaal erga waancaa Piriimer Liigii mo'atee waggoonni 20 darbaniiru. Kana jechuun taphattoonni kaleessa galchii lakkoofsisan kan akka Lewis Iskeelii fi Etaan Nawaneerii fa'aa hin dhalanne jechuudha.
Abbaan Erlingi Haalaandi Maanchister Siitii fi Liidsi Yuunaayitidiif taphatanii ture.
Waggota lamaan darban Maan Siitiitti aanee sadarkaa lammaffaan xumuraa kan ture Arsenaal bara kana waancaa Piriimer Liigiif morkataa jabaa taheera.
Ammatti kilebni biraa Liiverpuuliif qormaata tahu Arsenaal yoo tahe malee kan biraa hin jiru.
Taphataan duraanii Maanchister Siitii Miikaa Riichaardis Maan Siitiin wagga waggaan akka waancaa mo'atu hin eegu. Garuu kun kufaatii guddaadha.
''Kana arguun nama gaddisiisa. Bara xumuraa ol'aantummaa Maan Siitiitu gahe jechuu hin danda'u. garuu waan dhiyaate fakkaat,'' jedhe.
Maanchister Siitiin waancaa Piriimer Liigii jaha darban keessaa shan mo'ateera.
Walitti aansee ammoo yeroo afur mo'ate. Erga waancaa waancaa sadii, Shaampiyonsi Liigii, FA Cup fi Piriimer Liigii erga mo'ataniiyyuu ji'oota 18 qofa turan.
Hanga Sadaasa darbeetti Maanchister Siitiin taphoota 32 hin mo'amne.
Ergasii taphoota jaha walitti aansuun osoo hin mo'atiin itti fufe. Ergasii Nootiingihaam Foorest mo'atanii deebi'anii ammoo qabxii gatuu itti fufan.
Ispoortingi Liisban 4-1, Feeyinoordi 3-3 fi Maanchister Yuunaayitidiin mo'amuun kanneen dhiyeenyaa keessati.
Erga bara 2008/09 as qabxii gadi aanaa kan argate maan Siitiin taphoota 24 irraa qabxii 41 qofa argateera.
Ammas sadarkaa 4ffaa irra jira. Garuu Cheelsii, Niwkaastil, Barnimaawuz fa'aas irra gahaniiru.
Joon Istoonsi daqiiqota gara dhumaa 30 dirree keessaa banne. ''Waan nama gaddisiisudha.
Peep Gaardiyoolaan hanga daqiiqaa 65 gaarii turre. Daqiiqota 25 sana booda turan yaadachuu hin barbaachisu. Waan irratti waliigalle hojiitti hiikuu dagachuudhaan waan kana keessa galle jedhe.
Barri kun kan Peep Gaardiyoolaa miti. Shaampiyoonsi Liigiidhaanis gara marsaa dorgommii itti aanuutti hin darbine. Fuulduratti Riyaal Maadirid waliin tapha mo'atanii darbuu tokko qaba.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.