Namoonni Wallaggarraa buqqa'anii naannoo Amaaraa qubatan mootummaan dirqamaan nu deebisuufi jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni Lixa Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa irraa buqqa'uun naannoo Amaaraa keessa qubatan mootummaan dirqamaan gara Wallaggaa isaan geessuuf akka jiru BBCtti himan.
Qondaaltonni Ittisaafi To'annoo Balaa naannoo Amaaraa garuu namooni buqqa'anii turan, humnaan osoo hin taane kanneen deebi'uu fedha qaban Godinoota Wallaggaa bakka nagaan jiru akka qubsiifaman ibsan.
Gaggeessitoonni kana haa jedhan malee namoonni bakkeewwan akka Garadoo, Jaarii, Kutaabar, Hayiqiifi bakkeewwan biroo qubsiifamanii turan dirqamaan gara Wallaggaa geeffamaa akka jiran BBCtti himan.
"Gara Lixa Oromiyaatti deebi'uuf fedhii kan hin qabne taanus guyyoota muraasa keessatti gara qe'ee keenyaa akka deemnu nutti himameera," jedhan namoonni BBCtti dubbatan.
"Bakka irraa dhuftan amma nagaan jira, ni deemtu nuun jedhan. Deemsi keenya wiixata dhufu [Mudde 26, 2023] waaree booda akka ta'e nutti himameera. Deebi'uu ni feena garuu nagaan hin jiru. Nagaan jira kan jedhan soba. Firoota keenya achitti hafan irraa odeeffannoo guyyaa guyyaan ni arganna," jedhu baqataan nageenyasaanif maqaa saanii dhoksine.
Namni Wallaggarraa buqqa'uu dubbatan kun bakka amma itti deebi'aa jedhaman nagaan erga dhabamee waggaa sadii akka guute himu.
Namoonni kun akka jedhanitti, Wiixata dhufu gara Wallaggaa hin deeman yoo ta'e bakka amma qubatanii jiran keessaa dirqamaan akka baafaman itti himamuu ibsu.
"Namoota achi [Wallagga] jiran bilbillee gaafa gaafannu, yaaddoo keessa jiru. Manni baaburaa hin jiru, dhagaa daakuutti harkaan daakaniiti jireenyasaanii kan tursiisaa jiran," jedhu namni BBCn dubbise.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoonni kun qe'ee isaanitti deebi'uuf fedha qabaatanis, ammatti nagaan waan hin jirreef deemuu hin fedhan.
Namoonni Lixa Oromiyaa, Wallaggaarra buqqa'uu dubbatan kun yaaddoo nageenyaa qabanirraa kan ka'e gara Lixa Oromiyaa akkamitti akka deeman qondaaltota mootummaa yoo gaafatan, "Mudde 26-29tti kaampii keessaa hin baatan yoo ta'e qaamni dhimmi ilaallatu dhufee isin baasa nuun jedhan," jedhu.
Naannoo Amaaraa Godiina Wallo Kibbaatti qondaala Waajjira Ittisa Balaafi Wabii Nyaataa kan ta'an Obbo Mohaammad Saayid gamasaanin namoonni buqqa'anii turan naannoo nageenyi bu'e akka qubsiifamaniifi humnaan akka deebi'aniif dhiibban akka irratti hin godhamin ibsan.
Namoonni kun bakka dhufanitti deebi'uuf fedhii kan hin qabne yoo ta'e, hawaasatti makamanii jiraachuu akka da'an himu Obbo Mohaammad.
Bakki qubsumaa misoomaf kan barbaadamu yoo ta'e "hawaasatti makamuu ykn kaampiwwan birootti dabarfamuu ni danda'u. Kanneen deebi'uuf fedhii hin qabne ammoo sababa deebi'uuf fedhii dhabaniif ni qulqullaa'a," jedhan.
Komishanara Komishinii Sagantaa Ittisa Balaafi Wabii Nyaataa naannoo Amaaraa kan ta'an Obbo Tasfayee Bayaabil gamasaanin guyyaan buqqaatonni kun itti deebi'an akka adda hin baane ibsuun haala isaan itti deebi'uu danda'an akkanaan ibsu.
"Dirqamaan deebisuun hin jiru. Garuummoo iddoon qubsumaa amma jiran itti fufiinsa hin qabu, bakkeewwan nageenyi amansiisafi bu'uuraleen misoomaa jiran koreen deemee erga mirkaneessee booda ni deebi'u," jechuun bakkeewwan isaan deebi'uu danda'an tarreessaniiru.
Akka isaan jedhanitti bakkeewwan namoonni kun itti deebi'an Godiina Horroo Guduruu Wallagaa, Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaafi Shawaa Lixaati.












