Naannoo Somaaleetti dubartoonni isteediyeemii seenuu maaf dhorkaman?

Dubartoota deeggarsa kennan

Madda suuraa, MYM

Maxxanfame

Magaala guddoo naannoo Somaalee kan taate magaala Jigjigaatti dorgommiin kubbaa miilaa waggaatti si'a tokko taasifamu gaggeeffamaa jira.

Dorgommii tapha kubbaa miilaa naannichatti gaggeeffamu daawwachuuf namoonni heddu bakkeewwan garaa garaa naannichaarraarraa gara magaala Jigjigaatti imalu.

Dorgommii waggaatti gaggeeffamu kanarratti deeggartoonni gareesaanii deeggaraa sirbaafi fooricoon isteediyeemii miidhagsu. Dubartoonni ammoo dibbeefaa rukutaa isteediyeemicha miidhagsu.

Haa ta'u garuu dorgommii bara kanaarratti murtee addaatu darbe- dubartoonni isteediyeemitti argamanii deeggarsa akka hin kennine.

Biiron Dargaggootafi Ispoortii Naannoo Somaalee dubartoonni isteediyeemii seenanii akka hin deeggarre murtee dabarsee jira.

Jechi dubartoonni [isteediyeemii keessatti] dubbatan jeequmsa kan kakaasudha jechuuni dhorkaa kana dubartootarra kan kaa'e.

Akka biirichi jedhutti dubartoonni daawwannaa tapha kubbaa miilaf isteediyeemii seenan amalli isaan agarsiisan ''namuusa ispoortii keessaa kan bahee" fi seera taphichaa kan hin kabjneedha.

Itti gaafatamaa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Naannoo Somaalee kan ta'an Obbo Mohaammad Mahaadii Adan haasaa baniinsa sagantaa tapha kubbaa miilaa irratti argamuun taasisaniin amalli dubartoonni yeroo tokko tokko agarsiisan ''walitti bu'iinsa sabaa" uumuu kan danda'an ta'uu dubbatan.

Dubartoonni isteediyeemii seenanii tapha kubbaa miilaa ilaaluu dhorkamanis, mana ta'aanii karaa foddaa TV ilaaluu akka danda'an ibse biirichi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kaayyon ispoortii hawaasa walitti fiduu malee garaa garummaa hawaasa keessatti uumuu akka hin taane kan ibse Biiron Dargaggoofi Ispoortii Naannoo Somaalee, dubartoonni yeroo isteediyeemii seenanii amalli isaan agarsiisan miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfamee akka jiru ragaa eera.

Obbo Mohaammad, "dubbii walitti bu'iinsa uumu kan dubbatu dubartoota qofa. Fakkeenyaf kaleessa [Roobii] dorgommii ture irratti dhiirota qofatu hirmaate [dirree seenee daawwate]. Isteediyeemichi tasgabbaa'afi jeequmsi homaatuu hin turre," jedhan.

Dubartoonni isteediyeemii seenanii tapha akka hin daawwanne dhorkamuunsaanii yeroodhaaf ta'uu kan ibsu biirichi, hanga dhaabbataan furmaanni argamutti dubartoonni manuma taa'anii haa hordofan jedhe.

"Karaa nagaan tasgabbaa'anii dorgommicha dawwachuu yoo danda'an deebi'anii akka [isteediyeemii] seenan ni goona, sababni isaa dubartoonni qaama hawaasati waan ta'aniif," jedhan.

Addunyaa biraarrattis deeggartoonni jeequmsa kaasan dirree akka hin seenne akka dhorkamaniifi akka adabaman fakkeenya fudhachuun kan dubbatan Obbo Mohaammad, biyya Somaaliyaa irraas namoonni dorgommii kanarratti akka hirmaatan himan.

"Bara kana qofa osoo hin taane, kana duras ture. Dorgommichi dandeettii gaarii kan gaafatu waan ta'eef kilaboonni bakkee biraatii taphattoota akka fidan goonerra," jedhan.

Dorgommiin ispoortii naannoo Somaalee kun bara 2002 kan eegale yoo ta'u, godiinaleen naannichaa 11 kan irratti hirmaataniidha.