Poolisiin Moo Faaraan dhoksaan akkatti gara UK geeffame qorachuuf

Atileet Mohaammad Faaraa
Maxxanfame

Poolisii UK akkatti atileetiin dorgommii Olimpikii addunyaarratti beekamu Moo Faaraan ijoollummaan gara UK seensifame qorachuu jalqabuu beeksise.

Poolisiin Meetiroopolitaan akka ibsetti, odeeffannoo atileetiin sirnaan beekamu kun dookimentarii BBC irratti dubbate qoratu.

Moo Faaraan wal-waransaa Somaaliyaa baqachuun maqaa sobaatiin gara UK akka seenu godhame.

Atileetiin ganna 39 Moo Faaraan akka himetti dubartii inni duraan hin beeknetu fudhate UK geessee hojii mana keessaa hojjachiisaa ture.

Odeeffannoo kana himuu isaatiin dura garuu maatii isaa waliin baqatee biyyattii akka seene ture kan beekamu.

Poolisiin UK ibsa tibbana baaseen akkas jedhe; "gabaasa Moo Faaraa ilaalchisee miidiyaarratti dhiyaate quba qabna. Ammaaf gabaasni Tajaajila Poolisii Meetiroopolitaan qaqqabe hin jiru," jedhan.

Ta'us "qondaaltoonni poolisii ispeeshalistooti qorannoo eegalaniiru," jedha.

Dokimeentarii BBC irratti 'Moo Faaraa isa dhugaa' jechuun Roobii darbe dhiyaate booda atileetiin kun sababii kanaan lammummaa Biritiish bara 2000 argadhe narraa mulqisiisu mala jedhee yaaddoo qabu ibse.

Taatullee Biiroon Dhimma Biyya Keessaa BBCtti akka himetti, yoo daa’immaniif lammummaan karaa burjaajii ykn gowwoomsaa of keessaa qabuun yoo kenname tarkaanfiin irratti fudhatamu hin jiru jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Moo Faaraan dokimeentarii dhiyaate sanarratti maqaan isaa inni sirriin Huseen Abdi Kaahin akka jedhamu, Somaaliyaarraa kan fottooqxe Somaalilaanditti  akka dhalate hime.

Abbaan isaa Abdiin wayita Moo Faaraan daa’ima ganna afurii turetti wal-waraansa biyyattii keessatti ajjeefame.

Wayita Moo Faaraan umriin isaa ganna 8 ykn 9 turetti maatii isaa waliin Jibutii akka turu taasifame.

Moo Faaraan dubartii duraan argee hin beekne tokko wajjin wayita gara UK imalaa turetti firoota isaatti Awurooppaa akka jiraatu itti himtee turte jedhe.

Akkuma UK qaqqabaniin garuu dubartiin sun gara Lixa Landanitti kan argamtu Haansiloowi fudhattee galte.

Sana booda waraqaa lakkoofsa bilbila maatii isaa ofirraa qabu irraa fudhatte.

Maqaan Mohaammad Faaraa jedhu akkaataa kanaan namoota gara UKtti isa geessaniin moggaafamef.

Moo Faaraan jiraachuuf jecha hojii mana keessaa fi daa’imman guddisaa akka ture hime.

Dubartiin sun akka naan jette jedhe Moo Faaraan; "yoo maatii kee deebi’een arga jette waan tokko hin dubbatiin," jette.